Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Aimad: 'Ani ulaagaa koreen Noobelii ittiin filatu maal akka ta'e hin beeku'
Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahimed (PhD) badhaasa Noobelii Nagaa ilaalchiisuun dhiyeenya kana pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp duula na filadhaarratti dubbatanii turaniif deebii kennaniiru.
"Ani dhugaa dubbachuuf ulaagaa namoonni badhaasa Noobeeliitiif ittiin filataman maal akka ta'e hin beeku."
Kanaafuu, gaaffiin Mr Tiraampis Itoophiyaaf osoo hin taanee koree badhaasa Noobelii kan Osilootti argamuutti dhiyaachu qaba jedhan.
Gama dhimma nagaa buusuu ittiin badhaafamanii yoo dubbatanis "Anis badhaasaaf jedhe osoo hin taane kanan hojjadhe, nageenyii hunda keenyaaf murtessaa waan ta'eefiidha," jedhaniiru.
Mana Mareetti Koreen Dhimma Alaa Ameerikaa ammoo yaada Pirezedaant Tiraamp dubbatan kana irratti fuula tiwiitera isaarratti yaada kennaniin, "Tiraamp bitaa itti galeera. Ministirri Muummee Abiy Ahimed kan Noobelii Nagaa badhaafamaniif hojii nagaa Gaanfa Afrikaatti akka dhufu taasisaniin malee waa'ee waliigaltee boodatti harkifachaa jiruu Hodhaa Haaromsaa miti.
Osoo marii waliigaltee ammallee lafarratti hin milkaa'iin jiru kanaaf badhaasa argatu ta'ee, Pirezedantichi silaa yoona girgijjii(madardaraa) guutuu qabaatu ture."
Filannoo gaggeessuun dirqama Heera mootumaadha
Itoophiyaadhaaf filannoo biyyaaleessaa yeroo isaatti gaggeessuun dirqama Heera mootummaa biyyattii guutuudha jedhan, Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad.
MM Abiy yeroo daawwannaa hojiif Afrikaa Kibbaa jiranitti pirezidaantii biyyattii Siriil Raamaafozaa waliin Dilbata Magaalaa ibsa waloo miidiyaalee biyya keessaafi biyya alaatiif kennan, filannoo barana gaggeessuun paartilee siyaasaa biyyattiifis ta'e lammiileef barbaachisaadha jedhan.
Filannichi baatii Caamsaa ykn Waxabajjii kan gaggeeffamu ta'uu garuu ammatti akka hin beekne dubbataniiru.
Yeroo filannichi itti gaggeeffamu kan murteessuu boordii fillaannoo ta'u yaadachuun, mootummaa seera qabbeessa qabaachuuf filannoo gaggeessuun murtessaa ta'u himaniiru.
Rakkooleen hedduun kan akka loojistikaa, nageenyaafi tasgabbii biyyattii keessatti osoo mul'atanii attamiin filannoo gaggeessuun danda'ame jechuun gaaffii dhiyaateef wayita deebiisan, ''Rakkoon osoo hin jirraannee ta'e filannoo gaggeessuunuu hin barbaachisu ture.
Rakkoolee amma jiran kanneen haala dimokiraatawaafi nagaa ta'een hiikuudhan mootummaa seera qabu hundeessuuf filannoo gaggeessuu qabna,'' jedhaniiru.
Filannichi akka dabarfamuuf sababiiwwan ka'an hedduun jiraachusaanii kan yaadatan MM Abiy, ''Akka kiyyaatti yeroodhuma isaatti haala nagaafi dimokiraatawaa ta'een filannoo gaggeessuun paartilee siyaasaa biyyattiifis ta'e lammiileef gaariidha,'' jedhan.
Kanaafuu, gama motummaatiin filannichaaf qophaa'oo ta'u himanii, yeroonsaa yoom akka ta'e boordiin filannoo kan himu ta'as jedhan.
Waa'ee walii galuun dadhabamuu marii Hidha Guddichaarratti Itoophiyaafi Masrii jidduutti ilaalchisuunis, Itoophoyaan yeroo hunda nagaan Masiriifi Sudaan waliin haala walqixa ta'een bishaan Abbayyaatti fayyadamtu barbaaddi jedhaniiru MM Abiy.
Raamaafoozaan dhimma hidhaa Haaromsaarratti biyyoota lameen mariisisuuf
Ammas Pirezidaanti Raamaafozaa akka dura taa'aa Gamtaa Afriikaatti garee lamaan waliin marii taasisuun haalicha karaa nagaatiin furmaata aragmsiisuu ni danda'u amantaa jedhu akka qaban dubbatan.
Nagaan bu'uura waan hundaati kan jedhan Dr Abiy, ''Nagaa malee nuti Afrikaanoonni karaa kamiiyyu badhaadhu hin dandeenyees'' jedhaniiru.
Kanaafis Pirezidaant Raamaafozaa dhimmicha irratti hirmaachuun "Furmaata gaarii fiduu akka danda'u nan abdadha" jechuun akka garee lamaan marisiisuuf gaaffachu himan.
Pirezidaanti Raamaafozaanis gamasaanitiin, qaamoolee lamaanuu dubbisuuf karoora qabaachu himanii, dhimmichis mariidhaan furmaata ni argata jedhanii akka abdadha himaniiru.