Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirna awwaalcha Giiftii Elizaabeet II suuraawwaniin
Sirna awwaalcha Giiftii Elizaabeet II irratti hirmaachuuf keessummoonni addunyaa mara irraa Weestiministeer Abeetti waliitti qabamaniiru.
Maatiin moototaa olaanoon Mootii Chaarlis III dabalate wayita sirna gaggeessaa seena qabeeaa ta'erratti hirmaachuf imalaniitti bohaa turan.
Intalli mootii Chaarlootee fi ilmi mootii Joorji sirna awwaalcha akaakilee isaanii irratti maatii saanii waliin argaman.
Mootii Chaarlis III fi miseensoonni maatii mootii kaansi dursanii Galama Westminister keessatti argaman.
Keessummoonni gara 2,000 ta'an sirna awwaalchaa irratti argamuuf Weestiministeeritti argamaniiru.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon, Pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan fi Ministirri Mummee Kaanaadaa Jastiin Tiruundee hoggantoota addunyaa sirnicha irratti argaman keessayi.
Ministirri Mummee UK Liiz Tiras fi Ministira mummee duraaniis akkasumas sirnicha irratti argaman.
Leedii Paameelaa Hiiksi kan Giiftii Elizaabeeti II tajaajilaa turte, keessumoota ganamaan qaqaban keessaa tokko. Akkasumas oggeessa TV Birtish Beer Grills.
Mirgoonni suuraalee hund ken eegameedha.