Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Haala nageenya magaalota Tigraay jiraattota yaaddesse
Yeroo ammaa kanatti naannooTigraay bakka garaa garaa, keessattuu magaalota gurguddoo keessatti sodaan yaaddoo nageenyaa jiraachuu jiraattoonni dubbatu.
Waraana Kaaba biyyattiitti uumame hordofee dargaggoonni hedduun meeshaa waraanaa waan hidhataniif jiraattonni sodaaa keessa galuu himu.
Keessattuu, baatii Waxabajjii waggaa darbe yeroo humnootiin TPLF Maqalee galan, ''hidhattoota kanneen hunda attamiin to'achuun danda'ama?'' dhimmi jedhus kan hedduu yaaddoo keessa galche ture.
Magaalota naannichaa adda addaatti dargaggoonni hidhannoo waliin mul'achuu himu jiraattonni.
Yeroo ammaa kanatti ammo yakkawwan hannaafi saamichi Maqaleefi magaalota kaaniitti mudataa jiru dhimma hedduu dhiphisu ta'eera.
Hannaaf jechas yakkoonni hanga ajjeechaa raawwatamaa jiraachuutu himama.
Jiraattuun Magaalaa Maqalee hojii daldalaa irratti bobbaateefi maqaan akka hin eeramne gaafatte, ''haalli baayyee cimaa ta'eera. Bahuufi galuuf ni sodaatta.
''Kanneen harkarraa waa si butan, kan bakka hojjattuu si hatan jiru. Bakkan ani jiruutti suuqiiwwan hedduutu hatama. Ani waardiyyootaan naaf eegaa jedheen deema,'' jetti.
Jiraattuun tun akka jettutti, saamtonni ija jabinaan dhufanis sodaa tokko malee kan dhufaniif sana raawwatanii deebi'u.
''Suuqii keessa seenuun waan barbaadan kaasanii deemu. Taateewwan shaqaxawwan guutuu kaasuun itti deemanis jira. Wantoota si gaddisiisan hedduu dhageessa.''
Jiraataan Magaalaa Maqalee Daani'eel gama isaatiin, yaaddoon nageenyaafi tasgabbii yeroo gara yerootti cimaa dhufuu hima.
''Haalawwan sukkaneessoo hedduu mudataniiru. Namoonni ala galgaleeffachuu hin danda'an. Yoo galgaleeffatte saamtoonni si mudachu akka danda'an waan yaadduufi sochiin daangeeffameera,'' jechuun haala jiru ibsa.
''Anis ta'e hiriyyoonni koo ykn namoonni waliin hojjannu yeroon gara manaa galla. Waan baayyee dhageessa.
''Kan hunda caalaa yaaddessu ammoo, dargaggoota ollaa keessatti gareen ijaaramanii nama waa qaba jedhanii yaadan irraan balaa qaqqabsiisaniiru,'' jedha Daani'eel.
Yeroo ammaattis namoota harkaa wantoota garaa garaa fudhachuuf jecha lubbuun namootaa darbaa jiraachuu akka dhagahu hima.
Shaayiifi buna gurguruun kan jiraattu Samahaal (maqaanshee kan geeddarame) gamasheetiin, bakka 'Dabradaamoo' jedhamuun beekamuutti irra deddeebiin namoonni ajjeefamuu akka dhageesse BBCtti himte.
''Haalli baay'ee cimeera. Namoonni hin yaannee fa'i hannaafi saamicha irratti hirmaataniiti agarta. Haala kee qoratanii kan dhufan natti fakkaata'' jechuun mataanshee kana dura saamamu himti.
Hannaafi saamichi halkaniifi guyyaa akka raawwatamu eeranii, ''Waan harkaa qabdu kennuufii didnaan haaduun si waraanu.
''Qabaattuus dhiiftuus hanga lubbuu kee baasuu qaqqabu. Naannoo keenyatti namoonni ajjeefamaniifi miidhaan irra gahe hedduudha,'' jetti.
Yeroo ammaatti namoonni nagaa haalli karrasaaniirratti itti ajjeefaman akka jiru jiraattonni himu.
'Har'a qabamanii boru gadhiifamu'
Sababii waraana Sadaasa 2020 naannoo Tigraayiitti eegaluun gara naannolee ollaa akka Amaaraafi Affaariitti babal'ate kanaan namoonni kumaatamni ajjeefamanii, miiliyoonni rakkoo namoomaa cimaaf saaxilamaniiru.
Ammattis deeggarsi namoomaa gahaan Tigraay seenaa waan hin jirree fi shaqaxoonni bu'uuraa waan hin dhiyaanneef, ummanni haala cimaa keessa jiraachuutu himama.
Sababii waraana baatiiwwan 19 lakkoofsise kanaatiin hir'ina nyaataa cimaa mudataa jiruun alatti hedduun hir'ina qorichaatiin dhibee fi du'aaf saaxilamaa jiru.
Waliigalattis Kaaba Itoophiyaatti namoonni miiliyoona 10tti siqan deeggarsi namoomaa akka barbaachisu UN kan ibse yoo ta'u, kana keessaayis wallakkaan ol Tigraayi keessatti argamu.
Motummaan Tigraayiifi dhaabbileen dhuunfaa waraanichaan miidhamanis, hojjattoonni miindaa malee, daldaltoonni shaqaxa gurguran dhabanii duwwaa kan itti hafaniifi hojjattoonni humnaa hojii dhabuun deeggarsa bakka itti eeggataa jiran ta'u namoonni BBC yeroo garaa garaatti dubbise ni himu.
Hojii dhabdummaan naannoo Tigraay keessatti babal'ate fi dargaggeessi waan nyaate oolu dhabe, yakki naanichatti akka babal'atuuf gahee olaanaa qabaachuu jiraattoonni ni himu.
Jiraattuun Maqalee Samahaal, yaaddoo nageenyaa uumameef itti gaafatamummaa fudhachuu kan qabu qaama naannicha bulchaa jiruuti jetti.
''Namoota yakka raawwatan qabdee yoo gara qaamaa nageenyaa geessitu, osoo hin turiin gadhiifamu. Jijjiramni dhufu homtuu hin jiru.
''Har'a hidhamee boru gadhiifama. Ragaas dhiyeessite addabbiin hin jiru. Magaalaa kanatti waraanicha caalaa kan cime hanna,'' jechuun dubbatti.
"Karra mana keetiifi bakka hojii keetti si eegu'' jetti.
Jiraattuun gara biraa maqaan akka dhawamu hin barbaanne tokkos, tola-oltoonni naannoo eeguuf akka bahan kaafte, garuu ammo meeshaa waan hin qabneef yaaddoo nageenyaafi tasgabbii eegsisuu irratti jijjiirama hangas cimaa ta'e akka hin fidne hubachuu himti.
Jiraattonni kunneenis ummanni Tigraay yaaddoo waraanaa keessa jiraachuun osoo itti hin hir'atiin ''dargaggoonni naannichatti argaman yaaddoo dabalataa yoo uuman arguun baayyee gaddisiisaadha'' jetti.
Daani'el darbee darbee galgala sa'aatii 4 - halkan 10tti namoonni hawaasaan bakka buufaman naannoosaanii akka eeganiif taasifamulleen bu'aa qabeessa akka hin taane dubbata.
''Hawaasni dirqama itti ta'ee naannoosaa eeguuf baha, garuu haalli nagaa amansiisaan umameera jechu hin dandeessisu. Gaaffiin 'motummaan maaliif humna poolisiin leenji'e hin bobbaafne?' jedhus balinaan ka'a,'' jedhan.
Keessattuu hanni kan raawwatamu erga namoonni tola - ooltoonni eegumsaaf bahan gara manasaanii deebi'aniin booda, sa'aatii 10 hanga barii jiruutti ta'u kaasa Daani'eel.
Qaamni haqaa Tigraay maal jedha?
Qaamni nageenyaafi haqaa TV naannichaa dubbisees, magaalota Tigraay hundatti yaaddoon nageenyaa dabalaa dhufuu mirkaneessu.
Caasaan nageenyaa poolisootaafi milishoota hammate erga waraanichi eegaleen kaasee hanga ammaatti akkuma diigameetti jiraachuu kaasu.
Haala kana to'achuufi yakka dhorkuuf naannichi dhiheenya kana seera addabbii yakkaa raggasisuu TVn naannichaa qaama nageenyaafi haqa naannichaa eeruun gabaasni baasee ni mul'isa.
Seerri haaraan ''saamichaafi hanna cimaa raawwachuun kanneen shakkameef mirgi wabii hin kennamuuf'' jedha.
''Kan meeshaa qara qaban kan akka haaduu, gajaraafi qottoo qabachuun qaamarraan miidhaa qaqqabsiise irratti murtee du'aa ykn hidhaa umrii guutuutu eeggata,'' jedha seerri haaraan.
BBCn qaamoolee nageenyaafi haqaa naannichaa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofneef.
Seerichi fooyya'ee haala haaraatiin bahus hojiirra olmaasaatiin hanqinni jiraachuu jiraattoonnifi qondaaltonni naannichaa midiyaan naannichaa dubbise yoo dubbatan dhagahamu.
Kanaaf sababiinsaa ammo qaamoleen nageenyaafi haqaa haalaan ijaaramu dhabu ta'utu himama.
Dura taa'aan TPLF waa'ee rakkoo nageenyaa maal jedhu?
Torban darbe keessaa qondaaltonni naannichaa dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (Dr) keessatti argaman, naannichatti jiraattota bakkee garaa garaa waliin mari'atanii ture.
Dhimmoota mariiwwan kanneen irratti kaafaman keessaa tokko waa'ee yaaddoo nageenyaafi tasgabbii ture. Hedduunis ''sadarkaa nageenya keenyaaf yaaddoofnu irra geenyeerra'' jedhanii ture
Yaa'ii ummataa Caamsaa 2022 keessa taasifame tokkoorratti, Dr Dabratsiyoon yaaddoon nageenyaafi tasgabbiin wal qabate jiru sirrii akka hin taane dubbatan.
Ta'us, gaaffii ummanni cimsee kaasu deebisuuf jecha poolisii waraanaan dura turan deebisuun akka hin danda'amne ibsan.
''Hunda dura kan nu kaade pooliisiidha. Jalqabumarraa kaasee qabsaa'aa jenneenii turre. Garuu Badhaadhina waliin hiriiran. Sadarkaa dhunfaan osoo hintaanee akka dhaabbataatti nu kaadan.
''Poolisiin ummata Tigraay kaadan. Sadarkaa dhuunfaatti garuu kan lolan, kan wareegamaniifi ammas kan waraanaa jiran jiru,'' jedhan.
Sababii kanaatiin caasaa poolisii sadarkaa naannootti ture diiguun barbaachisuu eeruun, ''kan ture deebiifne hin galchinu. Dakaa hanga gubbaatti poolisii haaraadhaan bakka buufne,'' jedhan.
Yeroodhaa gara yerootti ummanni yaaddoo nageenyaatiin rakkachuun dhugaa ta'u kan fudhatan Dr Dabratsiyoon, ammatti gara qabsoo kan deemuufi pooliisummaafis kan qacaramu dargaggootuma waan ta'aniif qaawwii umamuu himan.
Itti dabalunis ''haala dhaabbataatiin hojjachuuf hojii eegalleera. Adda baafne ramadna. Ammatti adda waraanaatii fidaa jirra. Kanaafuu hojiin eegalameera. Qophii xummurreerra,'' jedhan.
Hanga ammaatti kan ture raayyaa irraa hir'isuu waan hin barbaadamneef ta'u kaasuun, ammatti sadarkaa buufataatti bu'uun qorannoon poolisiin ittiin ijaaramu gaggeeffamaafi ummannis akka keessatti hirmaatu himaniiru.