Waraana Kaaba Itoophiyaa: Diyaaspooraa dhalattoota Tigraay maatii isaani Itoophiyaa jiran arguuf hawwan

Kaaba Itoophiyaatti waraanni jalqabe ji’ootta kudha saddeet lakkoofsiseera. Sababa waraana kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa’aman du'uutu amanama.

Namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman ammoo beelaaf saaxilamusaanii fi qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru ragaaleen dhaabbilee Motummoota Gamtoomaniin ifa taasifaman ni mul'isu.

Naannoo Tigraayitti ammoo tajaajilootni bu'uuraa [bilbila, interneeta fi kan biroo] waan addaan citaniif dhalattoonni naannichaa biyya alaa jiraatan yaaddoofi dhiphina olaanaaf saaxilamuu isaanii ni himu.

Erga waraanni naannichatti ka'ee kaasee maatii isaanii waliin wal arguu waan hin dandeenyeef yaaddoo guddaa fi dhiibbaa xiin-sammuu akka itti uumes dubbatu.

“Yeroo dhumaaf kanan isaan argadhe...”

Birrizaaf Qiddus, Ameerikaa jiraatti. Bilbilaanis ta’e intarneetaan maatii ishee kallattiin erga dubbistee ji’oottan darbuu himti.

“Humnootiin Tigraay Maqalee yeroo to’atan ture abbaa, haadha, obboleeettii fi obboleessakoo yeroo dhumaaf kanan bilbilaan dubbise. Yeroo sana booda bilbillis ta’e interneeti adda cite.”

Mootummaan federaalaa, Waxabajjii bara darbee keessa “ummata Tigraayiif yeroo itti yaada naanneeffannaa” jechuun waraana Tigraayii baasuu yeroo ibsetti, humnoonni Tigraay magaalaa gudditti Maqalee to’achuu isaa ibsuun ni yaadatama.

Yeroo sanarra eegalee ammoo bakkeewwan nannichaa tokko tokkotti tajaajilli bilbilaa guutummaa guututti addaan cite.

Yeroo tajaajilli intarneeta turetti, Birrizaaf maatiishee viidiyoon ykn sagaleen ni argatti ture, amma garuu kana gochuu hin dandeessu.

Mu’uuz Gitat dhalataa Tigraay Turkii keessa jiraatu yoo ta'u, maatiisaa waliin erga wal dubbisee ji’oottan 11 ta'uu hima. Sababa kanaan, keessumaa sababa abbaakoon hirriba hin qabu jedha.

“Abbaankoo, maanguddoo umurii ganna 80'ti. Dhukkubsataa waan ta’eef, wal’aansa baqaqsanii yaaluu taasisee ture.

''Amma haala akkamiirra jira laata? Rakkoon akkamii isa qunnameera? Maalimmoo nyaachaa jira? Wal’aansa isaa hordofaa jiraa laata? Homaa waanan beeku hin qabu,'' jechuun BBC'tti hime.

Zarasannaay Kaasaay immoo Itoophiyaa keessaa erga ba’ee fi maatii isaatiin erga gargar ba’ee waggooti kudhan lakkoofsiseera.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa eegaluu isaa dura maatii isaa waliin bilbilaan ykn intarneetaan wal argaa ture.

Erga waraanichi eegalamees guutummaa guutuutti ta’uu baatus hanga Waxabbajjiitti tajaajila bilbilaa tureen miseensota maatii isaa gariin waliin wal dubbisaa akka ture hima.

''Maatiikoo Tigraay keessa jiran waliin Waxabajjii dura wal agarre. Yeroo sanatti bilbilli irra daddeebiin ciccitaa waan tureef obbolaan, harmeekoo fi miseensota maatiikoo waliin wal arganna ture. Waxabajjii booda garuu maatiikoo tokkoyyuu hin arganne,” jedha.

Dhalattoonni Tigraay biyyootii adda addaa keessa jiraatan, darbanii darbanii namoota tajaajila interneeta saatilaayitii argatan irraa odeeffannoo waa’ee maatii isaani akka dhagahan himu.

Ta’us garuu namoonni guyya guyyaan sagalee maatii isaanii dhaga’uu baran amma kallattiin isaan argachuu waan hin dandeenyeef nageenyii isaanii akka isaan yaadeessu BBC’tti himaniiru.

Jireenyaa fi fayyaa keenya

Tajaajiloonni bu’uraa kunneen ji’oottan hedduuf waan addaan citaniif, nageenyaa fi fayyummaa maatii isaanii sababa hin beekneef dhiphachuurra darbee jireenya ofii isaaniirraa dhiibbaa fayyaa gessisuu isaa namoonni kun ni ibsu.

Birrizaaf “maal ta’aniiru laata? Beela’aniiru ta’innaa? Kan jedhu yeroo hin beeknetti nagaa argachuu hin dandeessu.

''Keessikee tasumaan tasgabbaa’uu hin danda’u, kanaaf waan hin danda’amne dandeenyeti deemna,” jechuun guddina rakkoo jiru ibsuuf yaalte.

Sababa kanaan jireenyaa fi fayyummaa keenya irratti dhibbaan uumameera jechuun kanarraa kan ka’e hojii ishee addaan kutuu ishee ibsiti.

Zarasennaay gama isaan, sababa rakkoo kanaan yeroo itti fayyummaan isaa qorame akka jiru ibsa. “Yeroo dheeraaf maatiikoo irraa adda ba’ee turuukoo dabalatee, haalli amma jiru jireenyakoo natti cimseera.

''Kana dura dhukkuba garaachaa hin qabneen hubameera,” kan jedhu Zeresennaay ji’oottan saddeetiin darbaniif fayyaan isaa akka hin deebine dubbata.

Rakkoon wal fakkataa namoota inni beeku biroo irrattis argamuu isaa ibsuun, “aarii, dhiphuu fi yaddoon walitti dacha’anii hanga har’aatti lubbuun jiraachuunkoo waan guddaadha jedha.

''Sababa kanaan hojii dhaabee mana ta’een jira,” jechuun haala keessa jiru ibseera.

Haadha warraa isaa dabalatee guyyootii qormaataan guutaman keessaa darbaa akka jiran kan himu Mu’uuz, yeroo kanatti nyaata seeraan nyaachufillee akka rakkatu ibsa.

“Sirriitti yaaduu hin danda’u, hojiikoo sirnaan hojjechuu hin danda’u.“

Hundi isaanii, biyyattiitti nagaan deebi’anii guyyaa itti maatii isaanii waliin wal argan abdiin eeggachaa jiru.