Hospitaalli Riferaalaa Ayidar Maqaleetti argamu tajaajila kennuu dhaabe

Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti kan argamu Hospitaalli Riferaalaa Ayidar sababa wantonni barbaachisan dhiyaachaa hin jirreef tajaajila wallaansaa kennuu dhaabuu isaa Daarektarri Medikaalaa Hospitaalichaa himan.

Hospitaala Riferaalaa Ayidar rakkoo qorichi dhabuun, tajajilli elektirikaa addaan cituu isaatiin, akkasumas rakkoowwan dachaa biroo isa mudaterraa kan ka'een dhukkubsattootaaf tajaajila kennuu haala hin dandeenyerra waan ga'eef tajaajila kennuu akka dhaabe Deerektarri Tekinikaalaa Hospitaalichaa Dr. Kibroom Gabresillaasee BBCtti himaniiru.

Waraana Tigiraay keessati dhalate hordofee dhiyeessiiwwan gargaarsaa dabalatee wantonni bu'uuraa dhiyeessuun sababa addaan citeef naannicha keessatti namoonni hedduun nyaataafi wallaansa fayyaa dhabanii rakkoof saaxilamuu isaanii jaarmiyaaleen idil-addunyaa ibsuun isaanii ni yaadatama.

Nannoo Tigraay bakka gara garaa keessaa tajaajil wallaansa fayyaa olaanaa barbaachaaf dhukkubsattoonni hedduun dhufan tajaajilaa kan ture Hospitaalli kun, rakkoon isa mudate humna isaatiin ol waan ta'eef tajaajila kennuu dhaabuu isaa himeera.

Waraana ji'oota 20 lakkoofsise kana keessatti meeshaaleen wallaansa fayyaaf barbaachisaniifi wantonni bu'uraa dhiyaachaafii kan hin turre Hospitaalli Ayidar, rakkoo hama keessallee ta'ee dhukkubsattoota wallaanuuf yaalaa akka ture kan ibsan daarekteerichi, amma garuu sadarkaa tajaajila kennuu hin dandeenyerre gaheera jedhan.

Tajaajjilli Hospitaalichi kennu sababa qoricha dhabuufi meeshaaleen wallaansaaf barbachisan dhibuu isaatiin addaan ciccitaa tureera kan jedhan Dr. Kibrom, "Erga dhiyoo asitti ammoo qorichi adoochaa yeroo wallaansa baqaqsanii yaaluuf gargaaru waan hin jirreef dhukkubsattoota balaa tasaa qofaaf wallaansa kennaa turre," jedhan.

"Amma ammoo tajaajilli ibsa waan addaan citeef dhaabbileen Oksijiinii omishanii dhiyeessan hojii isaanii dhaabaniiru. Tajaajila Oksijiinii Hospitaalichi kennaa ture erga hojii dhaabee waggaa tokko caaleera," jedhu.

Kanaan alattis dhiyeessi zayita boba'aa akka hin jirre kan himan Doktar Kibirom, hojjetoonni hospitaalaa miindaan isaanii erga kaffalameefiif yeroo dheeraa kan ture waan ta'eef hojii isaanii irratti argamanii tajaajla kennuu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Gareen Hakiimotaa Daanga-maleeyyii (MSF) fi Waldaan Fannoo Diimaa Addunyaa dhaabbileen fayyaa naannichaa harki caalu sababa waraanichaatiin manca'uun sadarkaa tajaajila kennuu hin dandeenyerra gahaniiru jechuun ibsuun isaanii ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana Hospitaalli Riferaalaa Ayidar wallaansa balaa tasaa salphaa ta'een ala tajaajila akka hin kennineefi keessumaa ammoo daa'imman osoo umuriin isaanii hin gahiin dhalataniif gargaarsa gochuu akka hin dandeenye Doktar Kibrom BBCtti dubbateera.

Hakiimonni Hospitaalichaa waggaa tokkoo oliif osoo miindaan isaaniif hin kaffalamiin hojjechaa turanillee, yeroo ammaa garuu ofii isaaniis ta'e maatii isaanii gargaruu waan hin dandeenyeef rakkoo hamaa keessa galanii hanga kadhachuutti qaqqabuu isaanii BBCn yeroo darbe gabaasee ture.