Waraana Tigraay: Hospitaala argachuuf imala guyyoota sadii

Ummattoonni kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay, kan gaarreeniifi dhakaan guutamte keessa jiraatan, sababii waraana naannichatti mudateen beelaaf saaxilamaniiru.

Loltoonni mootummaa kanneen humnootii biyya ollaa Eertiraatiin deeggaraman, waraana Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) kan amma akka garee shororkeessaatti mootummaan farraje waliin gaggeeffame keessatti hirmaataniiru.

Erga waraanni Sadaasa 2020 naannichatti eegalee kaasee rakkoolee namoomaa hedduutu mudatan.

Gabaasaan BBC Qaalkidaan Yibalxaal naannichatti bakkeewwan qaqqabuuf rakkisaa ta'an dowwateera.

Magaalaa guddiittii Tigraay ka taate Maqalee keessa tasgabbiin waan jiru fakkaata.

Yeroo ammaa dhaabbileen daldalaafi waajjiraalee baayyeen banaadha.

Kan baatiiwwan kana duraatiin wal bira yoo qabamu, sochiin namoota baayyeefi loltoota muraasaa ni mul'ata.

Haata'u malee ammalleen danaan nageenyummaa ifaa miti.

Hospitaalli Ayidar guddichi kan Maqalee keessatti argamu, dhukkubsattoota gandoota baadiyyaa fi magaalota waraanaan barbadaa'an irraa dhufaniin guutameera.

Namoota hospitaalichatti wallaanaman keessaa Geetish Solamoon, mucaan umurii waggaa 13, isa tokko.

Geetish dhibee onnee kan dhukkubsatu yoo ta'u, erga waraanni eegalee baatiiwwan saddeettan darban keessa haalli fayyinasaa itti cimuu dubbata abbaansaa.

Geetish obbolaa isaa shaniifi maatii isaa waliin magaalaa Hagara Salaam keessa jiraachaa kan ture yoo ta'u, sababii jiddugalli naannoosaanii waraanaan barbadaa'eef wallaansa Maqaleetti argachuuf fageenya km50 deemuuf dirqaman.

"Hospitaalotaa fi jiddugalawwan fayyaa akkasumas diinagdee gaarii qabna turre. Waa yoo nu mudatu achi fiigna turre,'' jedhu abbaan Geetish Obbo Solomoon Tafarii.

Geetish hordoffii wallaansaa walitti fufaa waan barbaaduuf, wallaansa fayyaa isa geessuun abbaa kanaaf imala salphaa hinturre.

''Tibba tokkorratti daandiiwwan cufaa waan turaniif guyyoota sadiif miilaan deemuutu nurra ture. Inni mucaakoo baayyee hube,'' jedha Obbo Solomoon.

Kilinikiin akka buufata waraanaatti

Buufata fayyaa Aleesaa kan dhiheenya Hagara Salaamitti argamu dhaqeen ture.

Kilinikichi ammalleen hojii hin eegalle. Jiraattonnis tibba tokko waraanni keessa buufachuun akka buufatatti itti fayyadamaa akka ture dubbatu.

Amma ammoo hojjattoota gargaarsaatu namoota dhibbaan lakkaa'aman waliin achi jira.

Irra caalaan namoota achi jiraniis dubartootaafi daa'imman nyaata fudhachuuf walitti qabamaniidha.

Jiraattonni naannichaa hedduunis wayita lolli hammaatetti qe'eesaanii dhiisuun gaarreen dhiheenya isaaniitti argamanitti dhokatan.

Naannoo Tigraay keessatti erga waraanaatii as namoonni milyoona 1.7 ta'an qe'eerraa buqqa'aniiru.

Hojjattoonni deeggarsa namoomaa fi kan naannolee hir'inni nyaataa jiraachuu dubbachuun, deeggarsi raabsamaa jiru mataansaa gahaa miti jedhu.

Torban darbe ammoo Hogganaan duree Gargaarsa Namoomaa UN Maark Lowkook amma Tigraay keessa beela hamaatu jira jedhanii turan.

Aanga'aan kunis kana kan dubbatan haasaa walgahii cufaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti.

Maark Lowkook akkas jedhan: ''Hojjattoonni gargaarsaa ajjeefaman, kaan ni qorataman, kaan ni reebaman, akkasumas namoota beela'aniifi dararamaniif akka gargaarsa hin geessine danqamaniiru. Deebi'aniis akka hin deemne itti himameera.''

''Bulchiinsi Tigraay ammoo namoonni beelaan du'uu gabaaseera.''

Haata'u malee motummaan Itoophiyaa haala jedhamuun naannicha keessa beelli jedhamu kun akka hin jirre hima.

Naannicha keessatti tasgabbiin waan bu'eef haalli deggarsa namoomaa babal'ataa jira jedha.

Monokseewwan ajjeefaman

Waraanichi iddoowwan ambaalee seenaatiifi dhaabbilee amantaa kan akka bakkeewwan du'a jalaa akka lafa baqannaa amansiisaatti ilaalamanillee hin oolchine.

Bataskaana Ortodoksii kan mandara Fredaashu baha Tigraay gaara gubbaarratti argamtu daawwachuu kan hime gaazexeessaan BBC Qaalkidaan, monokseen waldicha hoogganaa ture Abrahaa kan umuriin waggaa 32 boromtaa Ayyaana Qillee rasaasaan ajjeefame.

Abbaansaa Obbo Takilahaayimaanoot Gabre'aaragaawii, osoo karra bataskaanattii saaquuf adeemaa jiranii loltoota Eertiraatiin itti dhukaafamee ajjeefamu dubbatu.

Obbo Takilahaayimaanoot sababii gaddi guddaan itti dhagahamuuf jecha waldaa sana dhaquu dhaabuu dubbatu.

Sanadni Waajjira Bataskaana Ortodoksii irraa argame akka mul'isutti, erga naannichatti waraanni eegalee kaasee yoo xinnaate dureewwan amantaa, luboonni, daaqoniiwwan fi miseensonni faarfattootaa 100 ta'an ajjeefamaniiru.

Magaalaa Addigraatti kan daangaa Eertiraattti dhiheenyaan argamtu keessatti, haleellaa Bataskaana Kaatoliikii irratti raawwatameen mana kitaabaa, mana barnootaafi iddoo awwaalchaa barbadeesseera.

''Baatiiwwan torba darban nuuf baayyee sukanneessoo turan. Hawaasni kallattii hundaan humnoota hidhataniin callisee marsamaa ture,'' jedhu lubni naannichaa Abun Tasfaasillaasseen.

"Haleellaa qaqqabeen wantoota barbadaa'an deebisanii ijaaruun ni danda'ama ta'a, garuu sammuun namootaa miidhame, qalbiin namootaa cabe, facaatiin maatii, hawaasni seenaa baroota dheeraaf eegamee qabatee ture hunda wal faana barbadaa'eera.''