Lola Tigiraay: 'Haalli ammaa Tigraay keessa jiru 'beelli jira' jedhanii labsuu kan dandeessisu miti'

Gabaasawwan garaa garaa tibbana naannoo Tigraay keessa beelli uummamuufi yaaddon beelaa jiraachuu ibsan sirrii akka hintaane mootummaan Itoophiyaa hime.

Komishinarri Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa "haalli yeroo ammaa naannoo Tigraay keessa jiru 'beelli jira' jedhanii labsuu kan dandeessisu miti" jedhan.

Ibsa komishinarichi Roobii kaleessaa miidiyaalef kennanin, naannoo Tigraay keessa beelli jira jechuf ulaagaalen hiikkoo beelaa guutan kan hin jirre ta'uu dubbatan.

Mootummoota Gamtoomanitti daayrektarri olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa Deevid Biizli "Tigraay keessa namoonni beelaan du'aa jiru" jechuun toora miidiyaa hawaasaa 'twitter' irratti barreessanii turan.

Barreessaan Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez immoo ''naannoo Tigraay keessa bakki hedduun fiixee beelaarra jiru'' jechunsaanii ni yaadatama.

Haa ta'u malee beelli jira yookin uummameera jechuuf ulaagaaleen sadi guuttamuu qaban jedhu Komishinarri Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa.

"Beelli jira kan jedhamu ummata iddoo tokko jiraatu keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaan 20 hanqina nyaataa cimaa yoo isaan mudate, daa'imman iddichatti argaman keessaa dhibbeentaa 30 ol hanqina nyaataa cimaaf yoo saaxilaman akkasumas namoota 100,000 keessaa guyya guyyaan namoonni lamaa ol sababa beelaan yoo du'an" jedhan.

Ulaagaalee kunneen bu'ureeffachuunis gabaasawwan beelaan walqabatanii bahaa jiran sirrii akka hintaane dubbatan.

Dabalataan "hanqina nyaataa gonkumaayyuu hinqabnu" jechuun hanqinni dhiyeessii soorataa akka hin jirres himaniiru.

Namoota gargaarsi nyaataa taasifamuf keessaa dhibbeentaan 91.3 dhaabbilee gargaarsa namoomaatin kan gargaaraman ta'uufi dhaabbileen kunneenis namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruf humna gahaa kan qaban ta'uus himan.

Haata'u malee haleellaan tasaa loltoonni TPLF konkolaataawwan garagaarsa fe'anii imalan irratti raawwatan qormaata ta'uu dubbatan.

Rakkoo kana furuufis Raayyaan Ittisaa mootummaa naannichaa walin ta'un hojjechaa akka jiru Komishinar Mitikkuun himaniiru.

Gama biraatin guyyaa har'aa (Kamisa) miidiyaalef ibsa kan kannan Duubbi Himaan Ministeera dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Mufti, "tokko tokko beela bara faranjootaa 1984/85 Itoophiyaatti mudate walin walbira qabaa jiru. Kun hin uummamu. Sababbiinsaas tumsi taasifamaa jiru kana hin agarsiisu" jechuun dubbatan.

Kana malees naannoo Tigraayitti qonnaan bultoonni midhaan akka facaasanif lafa qonnaa naannichaa keessaa dhibbeentaan 70 qophii ta'uu himan.

Kunis qonnaan bultoota miliyoona 1.5 akka hirmaachisu dubbatan.

"Namoonni 'qonni hinjiru' jedhan jiru. Waa'ee balaa beelaa tilmaamaa jiru. Haata'u malee dhugaan lafa jiru kana miti" jedhan Ambaasaaddar Diinaan.

Waraana naannoo Tigraay keessa Sadaasa bara 2020 eegalen namoonni kuma dhibbaan lakka'aman yemmuu buqqa'an kan lakkoofsi isaanii qabatamaan hinbeekkamne lubbuu dhabaniiru.