Lola Tigiraay: Qonnaan bultoota waraanni abdiisaanii dukkaneesse

Qonnaan bultoonni naannoo Tigraay loltoota Eertiraa fi hidhattoota naannoo Amaaraan hojii qonnaarraa cunqurfamaa jiraachuu himatu.

Naannoo Tigraay ganda qonnaan bulaa Aatsalaa keessa kan jiraatan abbaa ijoollee ja'aa kan ta'an maanguddoon ganna 60 Obbo Gabramaaram, kanaan dura qonnaan bulaa adda-duree jedhamuun badhaafamaa turan.

Yeroo ammaa garuu sababa waraanaatiin qabeenyasaanii hunda waan dhabaniif akka duriitti qotachuun hafee waan afaaniin qabanillee dhabanii jiraachuu aariidhaan dubbatu.

Obbo Gabramaaram Kanaan dura oomisha kuntaala 30 hanga dhibbaa argatu turan.

Bara kana garuu loltoonni Eertiraa fi milishoonni Amaaraa iddoo ooyiruu qonnaa dahannoo godhatanii waan jiraniif lafasaanii qotachuun akka isaaniif hin eeyyamamne dubbatan Obbo Gabramaaram.

Hojii qonnaa dhorkamuu qofa osoo hin taane horiin isaanii jalaa fudhatamuus dubbatu maanguddoon kun. Haata'u malee BBC'n himannaa kana ofiisaafis ta'e karaa qaama sadaffaa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Bakka loltoonni Eertiraa fi Amaaraa hin jirretti eeggatanii hojii qonnaasaanii gaggeessaa jiraachuu kan himan qonnaan bultoonni kunneen, akka Kanaan dura xaa'oo fi sanyii filatamaa argachuu baatanis,''haalli kun ni jijjiirama'' abdii jedhuun hojiisaanii akka itti jiran dubbatu.

Qondaaltonni waraanaa Itoophiyaa, ''miseensonni raayyaa ittisa biyyaa daba akkanaa hawaasa irratti hin raawwatan,'' jechuun himannaa namootaa yoo waakkatan.

Mootummaan Eertiraa gamasaan, ''kun duula maqa-balleessiiti,'' jechuun himata.

Mootummaa federaalaan kan hundaa'e bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay, loltoonni Eertiraa qonnaan bultoonni Tigraay akka hin qotanne dhiibbaa uumaa jiraachuu fi hidhattoonni naannoo Amaaraas xaa'oo fi sanyii filatamaan gara naannoo Tigraay akka hin seenne dhorkaa jiraachuu ibseera.

Hidhattoonni TPLF ammoo ta'e jedhanii bakkaa bakkatti dhukaasa banuun walitti bu'iinsi akka itti fufu gochuun uummati tasgabbaa'ee akka hin jiraanne gochaa jiru jechuun ibsan qondaaltonni bulchiinsa yeroo.

Sababa naannoo Amaaraan wal daangessaniif jecha sodaadhaan bir'ataa akka jiraatan kan himan jiraataan aanaa Booraa abbaan ijoollee afurii Obbo Marassaan, ''qonnaan bulaan bara darbe osoo oomishi isaa awaannisaan miidhamee jiruu rakkoon waraanaa itti dabalame barana harka maratee taa'aa jira,'' jedhan.

Kanaan dura hidhattoonni Eertiraa fi naannoo Amaaraa horii qonnaan bulaa qalanii akka nyaataa turanii fi oomisha qonnaan bulaas dacheetti firfirsaa akka turan kan himan qonnaan bulaan kun, warraanni mootummaa federaalaa ammoo, ''meeshaan waraanaa eessa jira?'' jechuudhaan qonnaan bultoota hedduu ajjeesaniiru jedhan.

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa maal jedhe?

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Koloneel Geetinnat Adaanee, raayyaan ittisaa dirqamasaa sirnaan ba'achuu fi komiin qonnaan bultoonni dhiyeessanis waan madaala kaasu akka hin taane ibsan.

''Qonnaan bulaan Tigraay bara waraana Itoophiyaa fi Eertiraallee osoo bitaa fi mirgaa rasaasi irratti roobuu qotachaa turan.

Dargaggoonni hojii misoomaa dhiisanii gara waraanaatti akka seenan kan gochaa jiru TPLF. Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa kana raawwachuuf bu'uura seeraas hin qabu, hamilee kana ittiin godhus hin qabu,'' jedhan.

Hidhattoonni naannoo Amaaraa fi loltoonni Eertiraa qonnaan bultoota Tigraay irraan cunqursaa geessisaa jiraachuu ilaalchisuun yaada kan kennan Koloneel Geetinnat, ''Himatichi Itoophiyaarratti dhiibbaan akka cimuuf duula hololaa jalqabameedha,'' jedhan.

Raayyaan ittisaa bulchiinsa yeroo fi qaamolee nageenyaa kaan waliin ta'uun dhimma kanarratti ni hojjetas jedhan.

''Ooyiruu keenya keessa fanjiin awwaalameera''

Qonnaan bultoonni gandoota naannoo Tigraay kanneen akka Galabadaa, Tanbeen, War'ii, Adeet, Idagaa Arbii, Farasmaay, Inticoo, Nabalat, Imbasannaayit fi Hawuzeen keessa jiraatan, loltoonni Eertiraa ooyiruusaanii keessa fanjii awwaaluun kanaan dura hidhattoonni TPLF bakka tokkoo akka barbadeessanii turan himu.

Adwaa naannawa Galiilaa jedhamtutti loltoonni Eertiraa, ''osoo nuti isiniif hin eeyyamin hin qottan, yookiin ammoo oomisha argamu qooddachuurratti yoo waliigaltan malee hin qottan,'' jechuusaanii Obbo Haayileen (nageenyumm isaaniif jecha maqaan geeddarameera) nutti himaniiru.

Dhimma kanarratti gama Eertiraatii deebii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.

Komii saamichaa, ajjeechaa fi gudeeddii irra deddeebiin loltoota Eertiraa irratti ka'u irratti yeroo baayyee gama tiwiitariin deebii kan kennan dubbi himaan Mootummaa Eertiraa Obbo Yamaanee Gabramasqal, ''duula maqa-balleessiiti,'' jechuun ibsu.

Bulchiinsi yeroo Tigraay maal jedhe?

Hoogganaa Itti Aanaan Bulchiinsa yeroo Tigraay Obbo Abbabe Gabrahiwot cunqursaa qonnaan bultoota irra ga'eera jedhame furuuf mootummaa Naannoo Amaaraa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin dubbachaa akka jiran BBC'tti himan.

Keessattuu xaa'oo fi sanyii filatamaan gara Tigraay akka hin seenne humni addaa naannoo Amaaraa daandii waan cufaniif yeroof karaa naannoo Affaar seensisuu akka furmaataatti qabanneerrra jedhan.

Loltoonni Eertiraa akka bakka kana gadi dhiisanii ba'aniif yaaliin taasifamaa jiraachuu kan himan Obbo Abbaben, hagasiif qonnaan bultoonni hojii qonnaasaanii irratti yaa xiyyeeffatan jedhan.

Tigraay keessatti bakka garaagaraatti riphee loltummaan heddummaachaa jiraachuu kan himan qondaalli kun, humnoonni TPLF dhukaasa banuun qonnaan bulaan rifatee hojii qonnaa dhiisee akka tasgabbii dhabu taasisaa jiru jedhan.

Haga ammaatti aanaalee 12'f xaa'oo fi sanyii filatamaa dhiyeessuu kan himan hoogganaan kun, jaarmiyaaleen gargaarsaa kanneen akka GIZ, USAID fi MRT qonnaan bultoota deggeraa jiraachuu himan.

Beelaa fi buqqaatii

Mootummaan Itoophiyaa duulli naannoo Tigraay keessatti taasifamaa ture torbee sadi keessatti xumuree ibsee kan ture yoo ta'u, walitti bu'iinsi garuu kunoo ji'oota torba caaleera.

Sababa Kanaan naannocha keessatti rakkoo bakka jireenyaatii buqa'uufi lubbuu dhabuu namoota hedduu qaqabeera. Jaarmiyaaleen Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis naannoon Tigraay beela hamaa keessatti kufti sodaa jedhu ibsaa jiru.

Keessattuu jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf falman, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa dhiittaan mirga namoomaa naannicha keessatti mudatu akka dhaabbatuu fi uummati deggeramuu akka qabu dhaamaa jiru.

Waraana naannoo Tigraayiin kumaatamni kan lubbuu dhaban yoo ta'u, miiliyoona 1.7 kan ta'an qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru, kuma 60 kan caalan gara Sudaan baqataniiru.

Ragaan Dhaabbata Nyaataa Addunyaa akka mul'isutti uummanni Tigraay miiliyoona 5.2 deggersa midhaan nyaataa barbaada, lakkoofsi kun dhibbeentaa 90 baay'ina uummataa naannichaati.