Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigraayitti daa'imman 33,000 beelaan du'uu malu jedhe UN
Kaaba Itoophiyaa Tigraayitti daa'imman 33,000 sababa beelaatiin lubbuu dhabuu malu jechuun eejansiin deeggarsa daa'immani UNICEF akeekkachiise.
Qorannoon UN deeggaru kan Kamisa bahe naannichatti lammileen 353,000 beelaaf saaxilamuu ifa godhee ture.
Xiinxalli 'The Integrated Phase Classification (IPC) wabii nyaataa sadarkaa shanitti qoodee kan xiinxalu yoo ta'u, namoonni 353,000 sadarkaa isa dhumaa hammaataa ta'e "catastrophe" jedhamu keessa jiraachuu agarsiise.
Itoophiyaan gabaasawwan 'beelaa naannoo Tigraayin' walqabatee bahan fudhatama hin qaban jetti.
Hogganaan deeggarsa namoomaa UN Maark Loowkook xiinxala IPCn baase kana eeruun Itoophiyaa keessa beelli jiraachuu dubbatan.
"Amma beelli jira, kanarra hammaachuuf deema," jechuun Kamisa dubbatan.
"Lakkoofsi 353,000 kun lakkoofsa uummataa waliigalaa keessaa dhibbeentaa 20 kan ifatti beelli jira jedhanii labsuuf kaa'ame guutuu baatullee, osoo namni du'aa jiruu waa'ee ulaagaa haasa'uu hin qabnu" jedhan dubbi himaan UNICEF Jeems Eeldar.
Daa'imman 33,000 sababa hanqina nyaataa akka malee dhukkubsaachuu fi du'aaf saaxilamuutti dhiyaataniiru jedha UNICEF.
Namoonni kaan miliyoona lama ta'an ammoo 'gadadoo hamaa' keessa jiru jedhamanii adda baafamaniiru.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti daayirektarri olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) Deevid Biislii "Tigraay keessa namootni beelaan du'aa jiru" jechuun toora miidiyaa hawaasaa 'twitter' irratti barreessanii turan.
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez immoo ''naannoo Tigraay keessa bakki hedduun fiixee beelaarra jiru'' jechun isaanii ni yaadatama.
Mootummaan Itoophiyaa garuu naannoo Tigraay keessa beelli uummamuu fi yaaddon beelaa jiraachuu gabaasaaleen ibsan sirrii akka hin taane hima.
Komishinarri Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa "haalli yeroo ammaa naannoo Tigraay keessa jiru 'beelli jira' jedhanii labsuu kan dandeessisu miti" jedhan.
Ibsa komishinarichi Roobii miidiyaaleef kennanin naannoo Tigraay keessa beelli jira jechuf ulaagaaleen hiikkoo beelaa guutan kan hin jirre ta'uu dubbatan.
Xiinxalli IPC maal jedha?
Xiinxalli IPC naannoo Tigraayi fi godinaalee naannoo Amaaraa fi Afaar ollaa naannoo Tigraay jiran keessatti hojjetame.
Akkaataa xiinxala kanaatiin hanga Caamsaa darbeetti namoonni miliyoona 5.5 hanqina nyaataaf jabaaf saaxilamaniiru.
Kanneen keessaa namoonni 353,000 sadarkaa shanaffaa "catastrophe" jedhamee adda baafaame keessa kan jiran yoo ta'u kana jechuun kan beela'an jechuu akka ta'e IPCn himeera.
Namoonni miliyoona 2.1 ammoo sadarkaa afraffaa kan IPCn "emergency" ittiin jedhu keessa jiraachuu gabaasichi himeera.
Namoonni miliyoona 3.1 sadarkaa sadaffaa kan "crisis" jedhame keessa jiru.
Hanga Fulbaana dhufuutti haalli kun hammaachuu akka danda'us eereera.
Dhaabbileen UN kan akka Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa (FAO), Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) fi Eejansiin daa'immanii UNICEF rakkoon kun hatattamaan furmaata akka argatu waamicha dhiyeessaniiru.
Beelli fi hanqinni nyaataa naannoo Tigraay keessatti uumamaa jiru sababa lola erga Sadaasa darbeeti naannicha keessatti adeemaa jiruun hammaachuu hime IPCn.
Deeggarsi namoomaa dhaabbilee gargaarsaa idil-addunyaa gara garaan godhamuu loltoota mootummaa fi hidhattootaan danqamaa jiraachuutu komatama.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin deeggarsa barbaachisaa gochaa jiraachuu himaa ture.
Beelli jira yookin uummameera jechuuf ulaagaaleen sadi guutamuu akka qaban kan dubbatan Komishinarri Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Mitikkuu Kaasaa, "beelli jira kan jedhamu ummata iddoo tokko jiraatu keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaan 20 hanqina nyaataa cimaa yoo isaan mudatedha" jedhu.
"Daa'imman iddichatti argaman keessaa dhibbeentaa 30 ol hanqina nyaataa cimaaf yoo saaxilaman akkasumas namoota 100,000 keessaa guyya guyyaan namootni lamaa ol sababa beelaan yoo du'an" jedhan. Ulaagaalee kunneen bu'ureeffachuunis gabaasawwan beelaan walqabatanii bahaa jiran sirrii akka hin taane dubbatan. Dabalataan "hanqina nyaataa gonkumaayyuu hinqabnu" jechuun hanqinni dhiyeessii soorataa akka hin jirres himaniiru.