'Bakka baqattummaan itti dhaladheettin ijoollee tiyya waliin baqadhee deebi’e'

Lola Naannoo Tigraayitti waraana mootummaa federaalaafi loltoota TPLF amanamoo ta'an gidduu Sadaasa darbe dhalatee baqachuun lammiileen Itoophiyaa 60,000 caalan gara Sudaanitti baqataniiru.

Kanneen baqatan keessaa immoo lola bara Dargii tureenis kan baqatan akka jiran tibbana BBC'n gara Sudaan bakka baqattonni jiran imaluun odeeffateera.

Obbo G/Igzaabiheer H/Sillaase waggaa 27 booda Itoophiyaa irraa ka'anii kaampii baqatoottaa Um-Ruquubaa Suudan argamutti baqatummaan deebi'a jedhanii hin yaadane.

Bara 1984, bulchiinsa Dargii jalatti yeroo waraanniifi beeltii Itoophiyaa cunqursite jennaan baqatan umrii isaanii 30 keessatti rakkinaaf cinqii gahaa argan itti fakkaatee ture.

Waggaa dheeraa dura maanguddoon kuni namoota kumaataman lakkaa’aman waliin ta'un waaraanaafi beela seena qabeessa yeroosii baqatanii guyyaa hedduu miilaan deemanii Suudaniiti qaxxaamuran keessa tokko.

“Namni hedduun karaatti du’e” jedhu Obbo G/Igzaaber. “Sababa ajjeechaa bara dargii, ollaa keenna keessa taa’u hin dandeenye, tanaaf dhiphuu bara 1984 baqanne.''

Waggaa 10 kaampii baqatoota tana keessa jiraatanii achitti ijjoolee lama godhatani. Waggaa sadii erga mootummaan Dargii aangoorraa bu'e booda garuu jireenna haaraa eegaluuf, gara bakka Rawwiyyaa, Lixa Tigraayiitti deebi'an.

Haadha warraa kan biraa fuudhanii, ijoollee lama dabalataa Raawwiyyaatti godhatan.

Wanti garmalee isaan gaddisiisee, waggaa 27n boodaa, umri ganna 70'tti, haaluma walfakkaatun, kaampii irra deebi’e hin arguu jedhanii abdatanitti deebi'ani.

Obbo G/Igzaabiheer, namoota 60,000 daangaa ce'uun gara biyyaa ollaa Sudaanitti baqatan keessa tokko.

Akkuma isaanii, namootii garii si’a lammaffaaf, waggaa 30n jala, baqattoota ta’an.

Waldhibdeen Tigraay Sadaasa 04, 2020 eegale. Yeroo Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad humnoota naannoo Tigraayitti lola ajaje.

Ministirri Muummee kan kana godhanif haleellaa buufata waraanaa loltoonni mootummaa buufatanitti raawwatef deebii kennuuf akka ta'e ibsan.

Yeroo waraannii Tigaayitti eegalee, Obbo G/Igzaabiheriifi maatiin isaanii, lafa qonnaa maatii isaanii turan.

“Walitti bu’iinsii nu’i lafa qonnaa jiruu eegalee, halkan lama achii rafnee. Achiin boodaa, ollaatti deebinee, halkan tokko rafne.”

Waraanni cimaa taanaan, isaan maatii isaanii waliin waan qaban cufaa dhiisanii, sodaa lubbuusaanif, sudaaniitti baqatan.

“Qaroo dhabeessa ajjeesanii, qeesoota abbaa kiyyaa dabalate ajjeessan,'' jechuun boo'an.

Dhaabbileen mirga idil-addunyaa, lolli Tigraay lubbuu namoota hedduu galaafatu ibsanis lakkoofsa nama du’e walabaan mirkaneessuun ulfaataadha.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad sadaasa 30 paarlaamaa biyyattii duratti dhiyaachuun miseensota paarlamattin waraana kana keessa ''namni nagaan tokko hin ajjeefamne'' jechuun himanii turan.

Haata'u malee, ragaan namoota ijaan arganiif gabaasootii dhaabbilee mirga idil-addunyaa, akka agarsiisutti, raayyaa ittisa biyyaa, TPLF, milishaa Amaaraa fi loltootaa Ertiraa namoota nagaa ajeessuu himan.

“Waan akkanaa takka argee hin beekuu”

Obbo G/Igzaabiher, lolii Tigraay kun, kan bara 1970 hanga 1991 waggaa 17'f fincilootii Tigraay mootummaa Dargiin wal-waraanan fakkaachuu hima.

Gaafas, Tigreen gad aanoo akka taʼanitti nuu ilaalan jechuun Mootummaa Dargii hadhuuf TPLF waliin dhaabbatan.

“Mootummaa Dargii wal-lollee, garuu dargiin qonnaan bultoota jeequmsa hin kaasin hin ajeefne, maneen-kadhaa hin gubne,” jedhu.

Manguddoon kuni, mootummaan dargii ka Tigreen hedduu ittiin mufatan, namootaa nagaa tiksuun mootummaa amma caaluu dubbata.

“Jireenya kiyya keessatti, si’a sadii waraanaaf qeʼee teenna irraa buqqaane. Kun cufaa irra ulfaataadha, waan akkanaa takka argee hi beekuu. Halkani guyyaa boo’a. Bisingaa nuu nyaannu fi, afata irra ciifnuuf nuu kennani jiran.

''Haata’u malee, namoota biyyatti beelaʼaniifi yaadda’a. Beela du’utti jirani, namni gargaaruu hin jiru. Dhalachuuf kiyyaaf gaabba,” jechuun boo'u.

Kaampii baqattootaa kan itti dhaladheetti deebi’e

Obbo Gabra Igzaabiher qofaamiti namni sababa lola Tigraay kanaaf si’a lammaffaaf biyyaa bahee baqataa ta’e.

Mulugeetaa Barihee seenaafi aaritii si’a lammaffaaf baqata ta’u hima.

Seenaan Mulugeetaa baayʼee nama ajaaʼibsiisa. Sababni isaas bakkuma dhalate itti guddate, kaampii baqattootta Tunyadbah sudaanitti deebi’e.

Isaaf Ijjoolleen isaa afran, amma baqattootaa 13,000 Tunyadbah jiran keessa jiru.

Bara 1980, haadhaafi abbaa Mulugetaa dabalatee baqattootii Itoophiyaa waraanaa naannoo Tigraay baqatan, kaampii tana keessa jiraachaa turan.

“Akka baqataa dhaladhee, akka baqataa guddadhe, asiitti baradhee, asumatti gaa’ela godhadhe osoo Tigraayitti hin deebi’in,” jedha Mulugetaa

“Bakkumma itti dhaladhee guddadheetti, waggaa 20n boodaa ijoollee tiyyaa waliin deebi’e.”

Akkuma baqattoota biroo, lolli qe’ee isaani irraa buqqisee, akka tasaa eegale. Erga lolii eegaleellee, haallii dafee hammaataa ta’a jedhe hin yaadne.

“Ammallee deebi’e baqataa ta’a jedhe hin yaadne,” jedes. “Jiruu gaarii jiraachaa ture Humeeratti. Ijjoolleen tiyya afran achiitti dhalate.”

'Sudaan nuuf biyya lammataati'

Qe’ee isaaniirra buqqa’uu isaatif, Mulugeetaan Mootummaa Itoophiyaa komata. Erga mootummaan, magaalaa Humaraa, Lixa Tigraay jiru hadhee, maatiinsa waliin baqachuu hima.

“Akka baqataa guddadhee, ijjoollee tiyya haaluma akkasii keessa jiraachuu isaaniin baayʼee gaddaa. Ijjoolleen tiyya jiruu cimaa ani keessa bahee keessa jiraachuu amanuun na rakkisa,” jedha.

Ta'us biyya biraa itti dahate argachuu isaaf gammachuu qaba. “Yoo Sudaan unuuf biyya lammataati jenne, arbeessuu hin ta'u,''.

Mootummaan Sadaasa keessa erga magaalota hedduu to’ateen booda injifannoo labse, haa tau malee lolli naannicha keessatti itti fufuutu himama.

Baqattoota kumaatama kan Sudaan jiran keessa tokko kan ta'an Obbo G/Igzaabiher fi Mulugeetaa dabalatee kumaatama kaan yoom biyyatti akka deebi’anis ta'e osoo lolli biraa isaan hin buqqaasin jireenya isaanii duraanii sodaa tokko malee deebisanii ijaaruu danda'u isaanii namni beeku hin jiru.