Lola Tigraay Itoophiyaa: 'Magaalli Maayikaadraa foolii reeffaa hamaan kan guutamte turte'

Ajjeechaa Maayikaadiraan garee qorattootaa Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa garasitti erge keessaa tokko kan taate, magaalicha keessatti wanti argite haalaan sukanneessaa ta'uu BBC'tti himte.

''Magaalaan kun foolii reeffaa hamaadhaan kan guutame ture,'' jetti Aadde Hayimaanot Ashannaafii.

Ajjeechaa magaalaa Mayikaadiraatti raawwatamen lubbuu namoota 600 caalu darbuu isaa, Komishiniin mirgoota Namoomaa Itoophiyaa qorannoo duraa gaggeesse jedhe, guyyootaan dura ifoomseera.

Torban lama dura magaalaa Lixa Tigraayitti argamtu kanatti haleellaa kan raawwatan caasaa nageenyaa bulchiinsa naannoo Tigraayifi qindoomina garee dargaggootaa al-idilee maqaa 'Saamrii' jedhamuun waamamuun akka ta'e komishiniin kun gabaasa isaa keessatti eereera.

Gareen mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaalillee namoonni lakkoofsi isaanii hedduu tahe, tarii dhibbaan kan lakkaa'aman jumlaan ajjeefamuu qorannoon bira gaheera jedhee ture.

Qorannoo sanaanis, kanneen ijaan argan humnoota TPLF'tti hidhata qaban himatani. MM Abiy Ahimadis ajjeechaa raawwatef humnoota TPLF himataniiru.

Mootummaan Naannoo Tigraay garuu "Humni nageenyaa Tigraay saba adda qoodee tasumaa haleellaa hin raawwatu," jechuun himannaa kana haala. Qorannoon idil - addunyaafi walaba ta'e akka taasifamus gaafate.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) wanti raawwate yoo mirkanaa'e 'yakka waraanaa ta'u mala' jedhee ture.

Gama kaaniin, AFPn baqattoota Tigraayirraa godaanuun Sudaanitti ce'an dubbisee gabaasa hojjeten, baqattoonni humnoota mootummaafi isaan waliin hidhata qabantu dhalattoota Tigraay irratti miidhaa geessise jechuun himatu.

Garee mirga namoomaa Aminastii Intarnaashinaalitti qorataa gaanfa Afrikaa kan ta'an Fissahaa Takilee wanti Maaykaadiraatti raawwateefi warri Sudaanitti baqatan wanti dubbatan lamaanuu dhugaa ta'u mala jechuun AFP'tti dubbataniiru.

Haa ta'uutii naannicha keessa malli qunnamtii hundi adda citee waan jiruuf, BBCn wanta lafarra jiru hawaasarraa argachu hin dandeenye.

Lolli mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi humnoota naannoo Tigraay gidduutti gaggeeffamu erga eegale torban sadaffaa keessa jira.

Dhibbaan kan lakkaawaman lubbuu dhabaniiru, kumoota kudhaniin kan lakkaawaman ammoo qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru.

Miseensi qorannoo achi imalte maal argite?

"Akka qorattuu tokkootti miira kee too'attee hojii qorannoo irratti fulleeffachuuf ni yaalta. Ta'us akka namaatti wantooni miira namaa jeeqan hedduutu jira,'' jetti Aadde Hayimaanot Ashannaafii.

''Namni erga ajjeefameen boodallee gocha irratti raawwatamu namootarraa ni dhageessa. Warri irraa hafanis wanti sitti himan si jeeqa.''

Ajjeechaan kuni raawwatamee guyyaa shan booda achi gahuu kan himtu Hayimaanot, yeroo isaan gahanitti haala magaalittiin fakkaattu yoo himtu,

"Magaalattiin baayyee jeeqamtuudha. Meeshaaleen caccaban, saamaman, aspaaltiin balfaan kan guutame.

Reeffi namootaa magaalaa walakkaarraa kakaafamus fooliin reeffaa baayyee jira. Namni baayyeen hin mul'atu. Namni argitus miirri keessa jiru cimaadha. Magaalattiin balicharraa akka hin dandamanne wanti mul'isu baayyee ture," jetti.

Tajaajiloonni akka ibsaa, bishaan fi telekoomii guutummatti waan adda citee tureef, yeroo qorannoo kana magaalichatti gaggeessan, guyyoota jahaaf magaalaa dhihoo jiranirraa deddeebi'anii qorachaa turuus himan.

Iddoowwan awwaalchi jumlaa raawwatame daawwachuu fi waan achitti argites BBC'tti himte.

"Awwaalcha jumlaa kan argine bataskaana keessatti. Mana amantaa Abuna Aragaawwii jedhamu keessa inni tokko. Koree awwaalchaa namoota turan dubbisnee turre.

Namni tokko yeroo awwaalamu akkaataa itti awwalamu mataasaa qaba, baay'inarraa kan ka'e san raawwachuu waan hin danda'amneef bakka sanis foolii cimaatu jira ture," jetti.

Awwaalchi namoota kunneenis guyyoota kan fudhate akka tures dubbatti.

Gareen Saamrii jedhamu eenyu?

Akka aadde Hayimaanot jedhanitti gareen 'Saamrii' garee ajjeechaa Maayikaadraa irratti olaantummaadhaan hirmaatanidha.

"Odeeffannoo hanga ammaa qabnuun Saamriin garee dargaggootaa garri caalaan isaanii Raayyaa irraa dhufanii Maayikaadraa keessa jiraatanidha. Maagalittii keessattis safara qabu. Kanaafuu akka gurmaa'insa al-idilee wayiiti," jedhan.

Maayikaadraan naannoo investimantiiwwan qonnaa gurguddaan itti adeemsifamu waan taateef, humni namaa hojiidhaaf baayinaan garasitti akka dhufuufi sababuma kanaanis gareen Saamrii kuni magaalattii kan dhufan, hojii kanaan waan walqabatuun akka ta'e ni tilmaama jedhan.

Gareen Saamrii kuni hidhannoo meeshaa waraanaa qabaachuu fi dhiisuun ammaaf qulqullaa'uu baatus, meeshaalee sagalee hin qabneen yakka kana raawwachaa turuus eeran.

"Haleellaan suni kan raawwatame meeshaalee sagalee hin qabneeni. Waan akka cuubee, gajaraa fa'iin.

Kanaafuu seera meeshaa waraanaa haaraa baheen meeshaaleen akkanaas akka meeshaa waraanaatti ilaalamu. Kanaafuu hidhataniiru jechuun ni dandahama," jedhan.