Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay: Namootni nagaa jumlaan ajjeefamuu qorannoon bira gahe jedhe Aminestii Internaashinaal
Lola Naannoo Tigiraay keessatti gaggeeffamaa jirun namootni nagaan lakkoofsi isaanii hedduu tahe, tarii dhibbaan kan lakkaa'aman jumlaan ajjeefamuu qorannoon bira gaheera jedhe Aminestii Internaashinaal.
Namootni ijaan argan ajjeechaa gaafa Wiixataa raawwate kanaaf humnoota TPLF'f amanamoo tahan humna poolisii addaa naannichaa tahuu himan jedhe dhaabbatni mirga namoomaaf falmu kun.
Himatni ajjeechaa jumlaa kun erga paartilee siyaasaa naannoo Amaaraa irraa dhagahamee booda, mootummaan naannoo Tigraay garuu, "waan hin yaadamnedha" jechuun haaleera.
Lola kana keessatti taateen kun ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwate jedhame isa guddaa dhagahamedha.
Tajaajilli interneetii fi bilbilaa addaan cituu irraa kan ka'e odeeffannoo argachuun ulfaataadha.
Wal dura dhaabbannaan mootummaa federaalaa fi naannoo Tigiraay hammaachaa dhufuun gara haleellaa waraanaatti ce'eera.
Kana hordofee namootni nagaan kumaatamaan lolicha baqachuun daangaa qaxxaamuruun Sudaan galaniiru.
UN naannoo Tigiraayitti deeggarsa namoomaa akka dhiyeessuu danda'uu fi namoota baqatanii achiii bahaniif hulaan nagaa tahe akka jiraatuuf gaafateera.
UN haala amma jiruun deeggarsi nyaataa, fayyaa fi yaala ariifachiisaa gara naannichaatti seenuu hin danda'u jedha.
Aminestii Internaashinaal maal jedhe?
Aminestii Internaashinaal ibsa baase keessatti ''namootni nagaa baay'een tarii dhibbaan lakkaa'aman, gaafa Sadaasa sagalii magaalaa Mayikaadiraa kan Kibba Lixa Tigiraayitti argamtu keessatti, waraanamanii ykn mummuramanii ajjeefamaniiru,'' jedhe.
''Suuraa fi viidiyoo suukaneessaa reeffa namoota ajjeefamanii magaalaa keessa faffaca'ee jiru agarsiisu kan karaa dijitaalaas adda baase argeera,'' jedhe.
Dhaabbatichi suuraalee fi viidiyoowwan kan itti qoratu 'Crisis Evidence Lab' jedhamuun, suuraalee kana xiinxaluusaa ibseera.
Kanaanis suuraaleefi viidiyoowwan achii bahan kunniin kan dhiyeenyaa tahuufi iddicharraa kan dhufan tahuu saatalaayitaafi maloota biraa fayyadamee mirkaneesseera jedha Aminastiin.
Aminestiin namootni miidhamani dafqaan bultoota malee kanneen waraana keessatti hirmaatan miti jedhe.
Depiroosee Mucheenaa Daarikterii Aminestii Internaashinaal Bahaa fi Kibba Afrikaa ''gadda suukaneessaadha'' jedhee mootummaan tajaajila qunnamtii deebisuun hordoffiif banaa akka tahuu qabu gaafate.
Aminestiin akka jedhetti namootni ijaan argan namootni kan miidhaman ''meeshaalee qara qaban kan akka haaduu fi meencaatiini.''
Kaan ammoo haleellichi kan raawwate humnoota TPLF kanneen bakka Luugdi jedhamutti lola humnoota federaalaa waliin taasisaniin mo'amaniin akka tahe himan jedhe.