Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Balaa beelaa ummata naannichaa mudate sadarkaa maaliirra jira?
- Barreessaa, Alex de Waalitiin
- Gahee, Xinxalaa dhimmoota Afriikaa
"Amma naannoo Tigraay beelli hamaan mudateera,'' jedhan UNtti qondaalli qindeessaa olaanaa gargaarsa namoomaa atattamaa Lowkuuk haala naannoo Tigraay keessa jiruu yeroo ibsan.
Kana kan dubbatan marii yaa'ii biyyoota G7 durse qondaaltoota olaanoo US fi EU waliin taasifameerratti ture.
Gabaasa xinxala dhaabbilee gargaarsaa UNniin deegaraman (UN-backed Integrated Food Security Phase Classification (IPC)) haalaa naannicha keessa jiru irratti taasifameetiin, namoonni kuma 353 amma beela hamaaf saaxilamaniiru.
Kanneen miliyoona 1.769 ta'an ammoo sadarkaa atattamaa 4ffaa keessatti argamu jedhameera.
Dhaabbanni kun sababii mootmmaan hin fudhanneef jecha 'famine' jedhutti hin fayyadamne. Jechi afaan Ingilifaan 'Famine' jedhamu kun ammoo Afaan Oromootiin jecha 'xannee' jedhutti dhiyaachuu mala.
Haata'u malee, lakkoofsawwan kanneen duuba balaa ilmaan namaa hamaatu jira.
Tigroonni jiraattoonni gandoota baadiyaa keessa jiran du'anii bariidhuma akka argaman himu.
Akkasumas, dubartoonni loltootaan ukkaamfamanii dirqiin qudeedamuun booda hospitaalootaafi manneen kunuunsaa keessatti argamanis, bakka isaan hin jirreetti ijoolleensaanii beelaaf saaxilamuu malu jechuun yaaddoo keessatti argamu.
Duutii sababii beelaatiin qaqabu baayyee cimaadha sababiin isaa ammoo qaamni namaa nyaata dhabee lubbuun turuuf jecha qaamuma isaa sana nyaachuutti waan deebiyuufidha.
Wayita balaan akkanaa qaqqabuutti kanneen balaa akkasiitiin dursa miidhaman keessaa kanneen harka sadii keessaa lam ta'an ammoo ijoollee xixiiqqoodha.
Lakkoofsa namoota Tigraayiitti balaaf saaxilamanii jiru jedhaman keessaa kumni 300 daa'imman. Baayyiinni kunis walakkaa ijoollee sadarkaa manneen barnoota duraa Landoon keessaati.
Garee qorannoo bakka hunda qaqabu waan hin dandeenyeef baayyinni namootaa amma jedhamee kunis kan odeeffannoo murtaa'aa irratti hundaa'eedha.
Akka odeeffannoo qorattoota Yunvarsitii Ghen kan Beeljiyeemiin maxanfameetti, ummata Tigraayiitti argaman miliyoona jaha keessaa:
- harka sadii keessaa tokko bakka mootummaa Itoophiyaatiin to'ataman keessa jiraatu
- Kanneen harka sadii keessaa tokko ta'an biraa ammoo lafa humnootii Ertiraa kan loltoota Itoophiyaa deeggaraniin qabaman keessa jiraatu. Asiitti deegarsi akka qaqabuuf hin hayyaman.
- Namoonni miliyoona 1.5 ta'an ammoo eeddoowwan baadiyaa riphee loltoota naannichaatiin qabaman keessa waan jiraniif hojjattoota deeggarsaatiin qaqabuufis ta'ee bilbilli hin hojjatu.
Mootummaan Itoophiyaas naanichatti haarcaatuuwwan riphee loltootaa qofti hafuu himuun yeroo gabaabaa keessatti gutummaatti kan to'atu ta'u waadaa gala.
UN garuu haallii jiru baayyee yaadeessaa ta'uu raageera- gaaffiin jiru garuu hangamiifi saffisa attamiin kan jedhuudha.
Gabaasni dhiheenya UN baase kun garuu ''mootummaa Itoophiyaatiin hin fudhatamne.''
Aanga'oonni Itoophiyaa garuu beelli sadarkaa yaachiisaa irra gaheerra jechuuf haala ulaagaa idil-addunyaatti kaa'ameen, naannicha keessatti bakka tokkotti namoonni sadarkaa shanaffaa irra gahan %29 hin jiru jedhu.
Dukkana halkanii keessa qotuu
Marii dhiheenya gaggeeffamerratti gaggeessituun dhabbata USAID Saamaantaa Paawor , ''mootummaan Itoophiyaa dhimmoonni ifa akka hin taaneef yaalaa jira,'' jette.
Hojjettoonni gargaarsa namoomaa haala rooba gannaa amma Tigraay guutuutti eegalaa jiruun baayyee yaada'aniiru. Silaa qonnaan bultoonni qonnaa hojjechuu barbaadu garuu hojjtaa hin jiran.
Gareen Yunvarsitii Ghent kanneen hanga bara darbeetti naannicha keessatti pirojaktiiwwan qonnaa irra hojjata turanis, sababii qonnaan bultoonni sanyiifi qotiiyyoo ykn xaa'oo hin qabneef qotachuu waan hin dandeenyeef bara kana lafti hedduun duwwaa akka bahu himan.
Kana malees, loltoonni ni dhorkuun: ''Qotuu hin dandeessan, yoo qotuu yaaltan isin adabna,'' jedhu.
Gandoota baadiyaa fagootti ammoo, qonnaan bultoonni halkan dukkana keessa camadanii osoo loltoonni isaan hin argiin qotan.
Bara kana omishin hin jiruu taanaan, lammiileen naannichaa gutummaan deegarsa irratti hirkatu ykn ni beela'u.
Kun ammoo beela namni tolcheedha.
Ongeen hin jiruu, awwaannisaan bara darbee turellee amma badee jira.
Naannichi osoo waraanni mootummaa Itoophiyaafi humnootii TPLF kan amma shororkeessummaan farajaman jidduutti hin eegaliin durayyu rakkina wabii nyaataa akka qabu himamaa ture.
Midhaan deeggarsaa hatamuu
Waraanni naannichatti gaggeeffame tajaajilawwan adda kutuun, baankiiwwan cufamuun adeemsa deebii balaa yeroo tasaa gurguddaan (Sagantaan Seeftii Neetii Omishaa) akka dhaabbatan ta'eera.
Bakkeewwan baayyee gabataa naannichaa ammoo naannoo ollaa kan ta'ee Amaaraan qabamuun, Tigroonni akka oyiruu isaanii hin qonne dharkamaniiru. Akkasumas, carraa hojii waqtii omishaa isa guddaas ni cufan.
Humnootiin Ertiraa loltoota Itoophiyaa waliin waranicha keesatti hirmaatanis balleessaawwan akka midhaan gubuu, dhaabbilee fayyaa barbdaeessfi qonnaan bultoonni maasaa isaanii akka hin qonnee dhorkuun himatamu.
UN naannichatti namoonni dirqiin gudeedamuuf saaxilaman 22,000 ta'an deeggarsa akka barbaadan hima.
Dubartoonniifi shamarran gudeedamuu sodaatu jechuun ammoo hedduun waan dhokataniif nyaata barbaadu hin danda'an.
Ejansiiwwan gargaarsa namoomaas sababii nageenyaafi birokraasiiwwan hedduutiin haala barbaadamuun deebii kennuu hin dandeenye. Hojjettoonni haala akkasii keessatti socha'uun hojjachuuf meeshaalee quunnamtiitu barbaachisa.
UN deeggarsi raabse namoota miliyoona 2.8 qaqqabu hima. Dhuunfaattis hojjettoonni deegarsa namoomaa kunis baayyee gaariidha jedhu.
Irra caalaan namoota kanneenis kan raashinii daakuu kg30 maatii tokko guyyaa 10f sooruuf gahaadha jedhame al tokkicha fudhataniidha. Kanneen carooman ammoo ala lama argataniiru ta'a.
Gabaasaalee konkolaatonni midhaan gargaarsaa fe'an loltootaan saamamuu irra deddeebiin dhagahama. Jiraattoonni gandoota tokko tokkoos battaluma miidhaan gargaarssa raabsameetti, loltoonni Ertiraa dhufuun fudhatanii akka deeman himu.
Tilmaamni ta'e akka jedhaniitti namoota miliyoona 5.2 deeggarsa barbaadu keessaa %13 kan ta'uti argataa jira.
Kan dhiheenya Caamsaa keessaa dabalate hojjattoonni gargaarsa namoommaa ajjeefamaniiru. Yeroo baayyees loltoonni Itoophiyaa hojjattoonni deegarsaa akka gara baadiyaa hin galleef dhorkuun, riphee loltoota deeggaruuf jechuun himatu.
Qondaaltoonni naannichaa ammoo saamicha midhaan deegarsaa keessatti qaamolee hunduu gahee akka qaban dubbatu. Haata'u malee, gabaasni UN taateewwan 129 irratti dhiyaate loltoota mootummaa Itoophiyaa, humnootii Ertiraa fi milishoonni deegarsi namoommaa akka hin qaqabneef danquun himata.
Akka gabaasichaatti humnootiin TPLF kan shororkeessaa jedhamaniin taatee tokkichi mudachuu hima.
Marii torban darbe Kamisa Ms Paawur hojjattoota deeggarsa namoomaa waliin taasisan wayita xumuraniitti, ''haala namoomaa hamaa jireenya keessatti argeedha',' jedhan. Kunis biyyoota deegarsa taasisan hunda birrattu hubannoo jiruudha.
Waamicha dhukaasa dhaabuu
Balaa jiru xiqqeessuuf maal ta'uu qaba dhimma jedhurratti yaada walfakkaataatu jira. Amma dhaabuuf garuu baayyee guyyaaffateera.
Tarkaanfiin jalqabaa tarreerra ture akka hogganaan Mana Maree Baqattoota Nooriwee Jaan Egelaand jedhaniitti, ''beela ittisuuf dhukaasa dhaabuu'' ture.
Kunis wal waraansa dhaabuu, miidhaa siviiloota irra gahu kan akka guddeeddiifi akka deeggarsa namoommaa hin argannee dhorkuu dhaabuu kan hammatudha.
Kamiyyuu hin taane. Waamicha US akka loltoonni Ertiraa naannicha keessaa bahaniif taasiseef deebii kennameen, ministirri Haajaa Alaa Ertiraa bulchiinsa Baayida balaaleefachuun 'waldhabdee biraa barbaachaafi nageenya dhabsiisuuf'' jedheera.
Guyyaa Kibxataas TPLF kan shororkeessaa jedhamuun farajame ammoo deeggarsa simachuu raabsuun akka gargaaru dubbate. Garuu waa'ee dhukaasa dhaabu kan jedhe hin jiru.
'Awwaalcha lakkaa'uuf hin turiinaa'
Ejansiiwwan deeggarsa namoomaa zooniiwwan waraanaa keessatti hojjechuuf walta'insa qaamoolee hundaa barbaadu.
Haata'u malee, haalli qabatamaan sana agarsiisu qaamni walta'insa taasisuuf barbaadu jiraachu hin agarsiisu.
Haalli rakkina namootaa naannoo Tigraay keessaa dabalaa jira. Kanaaf, harkifannaan jiraachuun ammoo balaa hamaan osoo hin mudanne namoota qaqqabu irratti rakkisaa ta'a.
Caasaaleen gargaarsaa waraanaan dura turan irra caalaan barbadaa'aniiru.
Qabeenyaa hedduun ni barbaachisa. US deegarsa dabalataa doolaara miliyoona 181 akka kennitu beeksiifte. Akkasumas deeggarsa biraalleen akka taasiftu eerte jirti.
Kana malees, naannoolee ollaa Amaaraafi Affaar keessatti sababiidhuuma waraana kanaatiin walqabatee sochilee misoomaa hedduun waan jeeqamaniif wabiin nyaataa gadi bu'aa jira. Akkasumas, Sudaanittis fedhii wabii nyaataa dabaluu akka danda'u akeekkachiifamaa jira.
Mana Maree Nageenya Mootummoota Gamtoomaniitti waggoota sadiin dura rizolushiniin (seerri) 2417 waaraana hidhannoofi beela irratti bahee kan rakkoolee akka kanaa ilaalatuudha.
Erga waraanni eegaleen baatii torbaan fi erga akeekkachiifni jalqabaa dhageessifameen boodas, Manni Maree Nageenyaa UN balaa namoomaa addunyaa cimaa kanarratti walgahii ummataa tokkoolleen hin gaggeessine.
Seerri (Resolution) 2417 kunis UN namoota dhuunfaafi dhaabbilee sochiilee namoommaa danqan irratti qoqqoobbii akka kaa'uuf humna kennaaf.
Akkasumas beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun yakka waraanaa ta'uu akka danda'u akeekkachiisa.
Torban kana ammoo dureewwan biyyoota miseensa G7 UKtti taa'aa jiran, Itoophiyaafi Ertiraa irratti akka tarkaanfii deeggarsa namoommaa atattamaa guutaniif dhiibbaa taasisuuf ta'a jedhamee eegama.
Ergamaa Addaa US Jeef Fiildmaan, naanoo Tigraay keessatti ''awwaalcha lakkaa'uuf turuu hin qabmu'' jechuun akka akeekkachiisanitti, tarkaaniiffiin barbaachisu fudhatamuutu fala ta'a.
Alex de Waal Mana Barnootaa Fletcher School of Law and Diplomacy kan Yunvarsitii Tufts US keessatti argamuutti Daarektara Olaanaa Faawundeeshinii Nagaa Addunyaa ( World Peace Foundation)tti.