'Wayita sammuun nu dhiphatu waan nurraa hin eegamnefaa dhukkubsataatti himna' - Hakiima Kaansarii Hospitaala Ayidar

Taklamadin Taklahayimaanot umriinsaa waggaa 14, ji'a ja'a dura mallattoolee akka garaan dhiita'uu, qaamni isaa akkaan ho'uu, ulfaatinnisaa hir'achuu fi funyaansaa dhiiguu irratti erga mul'atanii booda maatiinsaa Tanbeen irraa gara Maqalee, Hospitaala Riifaraalaa Ayidar geessan.

Ogeeyyiin fayyaa erga qoratanii booda dhibee Kaansarii Dhiigaa (leukaemia) akka qabu maatiitti himan.

Yeroof wal'aansi keemooteraappii jalqabaa godhameefii hanga tokko fooyya'ee akka ture ogeeyyiin fayyaa himu.

Torbee lama booda deebi'ee wal'aansa keemooteraappii lammaffaa akka argatuuf itti himamee hospitaalaa ba'us, maatiin garuu ji'oota ja'aaf osoo hin deebisiin achumaan badan.

Yeroo hanga kana wal'aansa fayyaarraa fagaatee wayita gara hospitaalaa deebi'u garuu mallattooleen duraan turan daranuu hammaatan.

"Maallaqa qorannoo dhiigaa fi dawaaf barbaachisu waan harkaa dhabneef deebi'uu dadhabne,'' jedhu maatiin.

Dhibeensaa oolee bulee itti fooyya'a abdii jedhuun akka mana tursiisanis himan.

Wayita hospitaalatti deebi'u garuu dhibeen kun daran waan itti hammaatee jiruuf ciisee akka yaalamu itti himame.

Ogeeyyiin hospitaalichaa garuu sababa hanqinni qorichaa fi meeshaalee wal'aansa fayyaa biroo hospitaalicha mudateef daa'immanii fi namoota kaan dhibee kaansarii qaban yaaluuf humna qabu fixataa akka jiru himan.

''Sadarkaa abdii kutachuurra geenyeerra,'' jedhan.

Hospitaala Rifaraalaa Ayidaritti Hoogganaa Damee qorannoo fi barnoota Kaansarii (Oncology) kan ta'an hakiimni hospitaalichaa Dr Kibroom Hiluf, daa'imman naannichaatti irra jireessaan kan mul'atu dhibee kaansarii dhiigaati jedhan.

Dhibee kaansarii daa'immanii salphaatti wal'aanuun kan danda'amuudha kan jedhan Dr Kibroon, ta'us ''amma wal'aansi hin jiru. Akka lubbuun turaniif qofa qoricha yeroon irra darbe kenninaaf.

''Tarii yoo carra qabeessa ta'an jenneeti. Yeroo booda maal akka isaan mudatu garuu hin beeknu,'' jedhan.

Maatiin ijoolleensaanii dhibee kaansariin duraa qabaman carraan ittiin maallaqa argatan waan adda citeef, akkasumas naannichaan ala ba'anii ijoolleesaanii wal'aansisuuf tajaajila geejjibaa fi kaaniif maallaqa baasan dhabuu himan.

Dhibeen kaansarii ofiifuu ba'aa tokko, kanarratti dabalataan wal'aansa keemooteraappii fi kaan argachuun gatiinsaa ni ulfaata, kanarraa kan ka'an daa'imman dhibee kana qaban manatti du'aa jiru sodaa jedhu akka qaban ogeeyyiin himu.

Waggaa shan dura bara 1999 mootummaan baasii tajaajila keemooteeraappii walakkaa akka danda'uu fi maatiin ammoo kan hafe bifa liqiitiin akka kaffalan gochuun hojjetamaa tureera.

Waggoota sadan darban Naannolee Amaaraa fi Affaar akkasumas Eertiraa irraa Hospitaala Ayidaritti wal'aansi dhibee kaansarii namoonni argachaa turan 72 irraa gara 110 ga'ee ture.

Akka ragaa hopitaalichaatti sababa waraanaan lakkoofsi kun walakkaa gadi ta'eera.

Qorumsa Hospitaala Ayidar 'isa hamaa'

Daafoo waraanaa ji'oota 17f itti fufee jiruun kutaalee hawaasaa akkaan miidhaman keessaa namoonni kaansarii dhukkubsatan tokko.

Erga waraanichi eegalee namoonni of beekan 1643 fi daa'imman 126 dhibee kaansariin qabamuun hospitaalciha seenaniiru.

Hedduun ammoo sababa hanqina geejjibaa, rakkoo maallaqaa fi tajaajila quunnamtii dhufanii wal'aanamuuf carraa hin arganne jedhu hooggantoonni hospitaalichaa.

"Kanneen kaansarii dhukkubsatan keessaa dhibbeentaa 70 dubartoota. Kanneen keessaa ammoo dhibbeentaa 30 kan ta'an kaansarii harmaa qabu.

''Dubartoota kaansarii ulaa gadameessaa qaban 126 keessaa 15 qofatu wal'aansa baqaqsanii yaaluu jalqabaa argatan.

''Kanneen hafan 111 garuu sababa hanqina tajaajila keemooteraappii wal'aansa hin arganne. Manumatti galanii haa du'an jennee manasaaniitti gaggeessine,'' jedhe hospitaalichi.

Hojjettoonni hospitaalichaa ji'a darbe akka BBC'tti himanitti, sababa hanqina meeshaalee wal'aansa fayyaa dhukkubsattoonni kaansarii 1700 caalan du'aaf saaxilamanii jiru.

Waraana dura hospitaalichi namoota 60 hanga 70 ta'aniif tajaajila keemooteraappii kennaa turuufi qoricha kaansarii gosa 45 ol akka qabu ibse.

Amma tajaajilli keemooteraappii dhibba keessaa 10 qofa, gosti qorichaa ammo sadii qofatu jira jechuun hospitaalichatti dameen wal'aansa dhibee kaansarii Bitootessa darbe ibseera.

Kanarraa kan ka'e qorichoonni yeroon itti darbellee kennamanii dhumaa jiru jedhan Dr Kibroom.

"Tajaajilli keemooteeraappii guutummaatti dhaabbateera. Dawaa dhibee kaansarii argachuun ulfaataadha.

''Dhukubsattoota baayyee wal'aansi hin jiru jennee deebisaa jirra. Akka obsaniif gorsa kennuu malee tajaajila wal'aansaa kennaa hin jirru,'' jedhan.

''Dhiphachuurraa kan ka'e waan hakiimarraa hin eegamnefaa dubbanna''

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa Guraandhala darbe erga ji'a ja'aatii yeroo jalqabaaf meeshaalee wal'aansa fayyaa naannooo Tigraayiin ga'e, ta'us naannicha hanqinni boba'aa waan jiruuf deeggarsa iddoo barbaachisuun ga'uuf akka rakkate ibseera.

Bitootessa keessa ammoo mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay deeggarsi namoomaa danqaa malee akka qaqqabuuf jecha dhukaasa dhaabuuf erga murteessanii booda rakkoon ni furama jedhamee abdatamee ture.

Garuu qaamoleen lameen osoo fagoo hin deemin quba walitti qabuu waan eegalamiif jijjiirama eegame hin fidne.

Tajaajilli bu'uuraa kanneen akka bilbilaa, baankii, interneetii fi geejjibaa ji'ootaaf adda cite tures hin deebine.

Ammoo dawaan gara naannoo Tigraay seene dhibeewwan akka kaansariif kan ta'an osoo hin taane dhibeen balaa tasaa fi hatattamaaf kan oolan qofadha.

Kanaafuu haala hospitaalichaa ilaalcha keessa kan galche miti kan jedhan Dr Kibroom, sababa Kanaan dhiyooma kana dhukkubsattoota hedduu dhabneerra, hedduus dhabuuf fiixeerra jirra jedhan.

"Namoonni yaalii carrallaan kennamu, Radiotherapy, hatattamaan argachuu qaban heddu. Dhibba shan kan ta'an keemooteeraappii barbaadu, 300 kan ta'an wal'aansa Radiotherapy hatattamaa barbaadu.

''Haala amma jirruun namoota kunneen dhabuuf deemna. Dawaan hin jiru jennee kanneen manasaaniitti deebisnes maalirra akka jiran hubachuu hin dandeenye, bilbilli waan hin jirreef.''

Rakkoon amma Hospitaala Ayidar mudate furmaata hin argatu taanaan, hospitaalichi daa'imman fi namoota kaan dhibee kaansarii dhukkubsataniif tajaajila wal'aansa kennuu sadarkaa hin dandeenyerra ga'uuf yeroonshee gabaabduudha jedhan Dr Kibroom.