Haleellaa Teksaas: US Yukireenirra nageenya manneen barnootaarratti akka xiyyeeffattu Tiraamp dhaaman

Ameerikaan gargaarsa Yukireeniif kennamu caalaa nageenya manneen barnootaatif deeggarsa maallaqaa gochuuf dursa kennuu qabdi jedhan pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Traa

Tiraampi kana kan jedhan barattoonni Teksaas 19 erga ajjeefamanii guyyoota muraasa booda.

Yoo US maallaqa biliyoonaan lakkaa'amu Yukireeniif erguu dandeesse, "ijoollee keenya qe'ee isaaniitti nageenya isaanii eeguuf waan barbaachisu hunda gochuu danda'ama" jechuun konfiraansii Waldaa Qawwee Biyyaalessaa irratti dubbataniiru.

Walgahiin Waldaa Qawwee Biyyaalessaa (NRA) garee qawwee Ameerikaa guddaa ta'e Huustanittii argamudha. Kunis erga Uvalde keessatti dargaggeessi umrii kurnanii keessa jiru tokko dhukaasa banuun jumlaan ijoollee fixee booda.

"Iraaqii fi Afgaanistaan keessatti maallaqa tiriliyoonaan lakkaa'amu baasne, kanaafis homaa hin arganne," jechuun Obbo Tiraamp yoo haasa'an kaan harka dhahaaf turan."Addunyaa kaaniif biyya ijaaruu keenyaan dura, biyya keenya keessatti ijoollee keenyaaf manneen barnootaa nageenya qaban ijaaruu qabna."

Jalqaba baatii kanaa Kongireesiin Ameerikaa gargaarsa waraanaa gara doolaara biiliyoona 40 (£31bn) Yukireeniif erguuf sagalee guddaa raggaasiseera.

Walumaagalatti miseensonni mana maree Ameerikaa erga Raashiyaan Fulbaana keessa Yuukireen weerartee gara doolaara biiliyoona 54 Yukireenitti erganiiru.

Tiraamp waamicha to'annoo qawwee cimsuuf dhihaate kuffisuudhaan, Ameerikaanoonni kabajamoo ta'an ''hammeenya" irraa akka of ittisaniif qawwee akka qabaatan hayyamamuu qaba jedhan.

Innis inumaayyuu "gubbaa hanga gadiitti fooyya'iinsa" nageenya mana barumsaa jechuun yaadni dhiheessan, hulaa seensaa tokko kan meeshaa sibiilota adda baasu qabuu fi yoo xiqqaate mooraa hunda keessatti poolisii hidhate tokko qabu jiraachuu qaba jedhan.

Pirezidaantiin duraanii Rippabilikaan haasaa isaanii maqaa namoota dhukaasa Uvalde irratti rukutame dubbisuudhaan kan jalqaban yoo ta'u, tokkoon tokkoon isaanii sagalee dhageesisuun bilbila bilbilaatiin yaadatamaniiru.

Konfiraansiin waggaa NRA miseensota miliyoona shan qabaachuu himatu, Uvalde irraa maayilii 280 (km 450) fagaatee kan gaggeeffamaa jiru yoo ta'u, kunis bakka dhukaasni manneen barnootaa hamaan waggoota kurnan keessatti US mudatetti dhiyaateeti.

''Karaan itti ilma gadhee qawwee qabu ittiin dhaabsisan, ilma gaarii qawwee hidhachiisuuni, jechuun Tiraampi konfiransii Huustan NRA irratti dubbatan.

Ameerikaatti namootni hidhannoo qawwee deeggaran inumaayyuu haleellaa qawween tahu dhaabsisuuf kana caalaa qawwee baay'eetu nuuf dhiyaachuu qaba jechuun amanu.