Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qabduu harmaa dhiphaa keewwachuun kaansarii harmaa na qabsiisaa laata?
Bara 2020tti akka addunyaatti dubartoonni miiliyoona 2.3 tahan kaansarii harmaan kan qabaman yoo tahu isaan keessaa kuma 600 ol lubbuun darbeera jedha odeeffannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.
Dhuma bara kanaarratti dubartoonni miiliyoona 7.8 waggaa shan darbanitti dhukkuba kanaan qabamuu isaanii baraniiru, kanaanis kaansariin harmaa gosa kaansarii akka addunyaatti namoota baayyee hubuun isa guddaa taheera.
Dubartii yoo taate, umrii kamirrayyuu jiraadhu carraa kaansariidhaan qabamu qabda. Sabiibiinsaas dhukkubichi dhiirota %0.5-1 qofa kan hubu yoo tahu dhimmooti dhukkuba kanaaf akka saaxilamtu si taasisan carraa dhukkubichaan qabamuu kee harka 30 qofa waan hir'isaniifi.
Kanaaf mallattoo dhukkubichaa, of-eeggannoo dursaafi yaalii dhukkubichaa baruun murteessaadha. Odeeffannoo isa sirrii, isa sirrii hin taanerraa adda baasuunis yaaddorraa si baraaruu mala.
Dhimma kanarratti odeeffannoo murteessoo tahan argachuuf Yunivarsiitii Madda Walaabuu, Hospitaala Riifaraalaa Goobbaatti Ispeeshaalistii baqaqsanii yaaluufi dhimma kaansarii harmaa irratti qorannoo kan geggeessan Dr Kabbaba Baqqalatti bilbilee haasofsiiseera.
Itoophiyaa keessatti haalli jireenyaa jiijjiramaa dhufuun-ulfaatinni namootaa dabaluun, alkoolii baay’inaan fayyadamuu, tamboo xuuxuufi kaanillee kaansariif saaxilamuun umrii 40 gaditti akka baay’atu gochaa jira jedhan.
Kaansariin harmaa maalirraa akka dhufu beekamaa?
Dr Kabbabaan kaansarii harmaas tahe gosooti kaansarii biroo qabatamaan maaltu fida kan jedhu waanti beekamu hin jiru jedhu.
Kaansariin harmaa harka 85 seeliiwwan ujummoo xannacha burqisiisan (epithelium) of the ducts jedhaman keessatti biqiluu jalqabuu danda’a jedha odeeffannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaarraa arganne.
Dr Kabbabaan,’’seeliiwwan kaansarii kunneen seelota qaama keenyaa kaaniin addatti daddafanii baay’achaa sadarkaa to’atamuu hin dandeenyeen qaama keessatti faca’uun lubbuu dabarsuu danda’u,’’ jedhan.
Dhukkubni kuni maalirraa akka nama qabu yoo hin beekamne haalota dhukkubichaaf saaxilamuu keenya dabalan maal fa’i jechuun hakimticha gaafadheera.
Umurii
Dhukkubni kaansarii harmaa Itoophiyaatti dubartoota umuriin isaanii 30 fi isaa ol jiran irratti baay’inaan haa mul’atuyyuu malee dubartoota umurii diigdamoota keessa jiranillee ni qabata jedhu hakiimtichi.
‘’Qorannoo kana dura taasifameen dubartoota umrii digdamaa keessa saddeet tahan irratti akka argame mirkaneeffameera,’’ jedhan
Tahus garuu hamma umriin dabalaa adeeme carraan dhukkubichaaf saaxilamuu dabalaa dhufa jedhan.
Odeeffannoon Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhukkbni kuni yeroo baayyee dubartoota umriin isaanii 40 ol jiran huba jedhus, Dr Kabbabaan, ‘’biyya keenyatti dubartoota umriin isaanii kanaa gadirra jiran irratti baay’inaan mul’achaa jira,’’ jedhaniiru.
Saala
Dr Kabbabaan, ‘’dubartii tahuun qofti kaansarii harmaaf baayyee nama saaxila,’’ jedhan kana jechuun garuu dhiirota hin qabatu jechuu miti jedhan. Dhibbeentaan saala dhiiraa itti qabatu garuu baayyee xiqqoo dha jedhan.
Sababii saalli dubartii harka 99 kaansarii harmaaf saaxilamuu yoo ibsan,’’dubartiin harmishee yeroo marsaa laguu, ji’a, ji’aan dabalaafi hir’isaa waan adeemuuf, haala kana keessatti hormoonii istiroojinii jedhamu kan dubartii keessatti argamuuf yeroo dheeraaf waan saaxilamtuuf seeliin kaansarii kuni akka biqiluu haala mijataa uumuu mala,‘’ jedhan.
Kaansariin firaan taruu mala
Akka hakiimni kuni jedhanitti, ‘’kaansariin harmaa harki 20 fira irraa kan dhaalamu dha,’’ kunis haadha, obboleettii, ijoolleenillee yoo dhukkubicha qabaatan carraan saaxilamuu dabalaa adeemaa jechuu dha.
Kana malees haalota dhukkuba kanaaf saaxilan keessaa, ulfaatinni qaamaa akka malee dabaluu, alkoolii fayyadamuu, ispoortii hojjechuu dhiisuu fi yeroo dheeraa sochii malee taa’uu, harmi tokko kaansariin qabamee yaalameera taanaan, harmi inni gara biraas carraa saaxilamuusaa guddaa dha, akkasumas harma hoosisuu dhiisuun fa’i dha.
‘’Harmi koo guddaadha, kaansariif na saaxilaa laata?’’
Dr Kabbabaan, ‘’harmi guddateef qofa kaansariif hin saaxilu, xiqqaateef immoo kaansariin harmaa irratti hin bahu jechuu miti,’’ jedhan.
‘’Harmi wantoota sadii irraa uumamaa, kansariin harmaa kan irraa ka’u tishuu isa aanan burqisiisu dha malee harmi coomeef kaansariin harma qabata jechuu mitii, ‘’ jedhan.
‘’Qabduu harmaa dhippaa keewwachuun hoo?’’
Hanga ammaatti qabduu harmaa dhiphaa keewwachuurraan kaansariin harmaa nama qaba waan jedhu adda bahee waan beekame hin jiru jedhu hakimtichi.
‘’Yeroo baayyee dhukkubni kun jeneetiksii ykn qaccee sanyii irraa dhufa gatii taheef gochaa qaama isaa alaa irratti taasifamuun waan nama qabatu mitii,’’ jedhan.
Kaansariin harma yoo na qabe fayyuu danda’a?
Duraan dursa, kaansariin harmaa waan yaalamuufi fayyuu danda’u dha jedhu Dr Kabbabaan.
Kuni garuu kan tahuu danda’u otoo dhukkubni kuni qaama keessa hin faca’in yoo yeroon bira gahame dha jedhan.
Yeroodhaan bira gahuu jechuun maal akka tahe yeroo ibsanis,’’ kaansariin harmaa sadarkaa tokko hanga afurii qaba, sadarkaan tokkoffaan kaansarii kutaa harmaa biqiletti kan jiru jechuu dha.’’
Sadarkaan tokkoo fi lamma irratti yoo bira gahame kan yeroon argame jedhamuu danda’u dha. Sadarkaa sadaffaafi afraffaa irra jira taanaan immoo erga bobaa jalaafi gara sombaa fa’itti faca’ee kan bira gahamu dha,’’ jedhu.
‘’Kanaaf dubartoonni harma isaanii irratti waan akka dhiitoo wayii yoo argan mana hakiimii deemuun kaansarii tahuufi dhiisuu adda baasuu qabu,’’ jedhan.
Kaansariin harmaa yeroo jalqaba bahu homaa nama hin dhukkubu gatii taheef, ‘’kuni xiqqoo dha homaa nan gootu jechuun ji’a afur turuu, achumaan qaama keessa faca’a jechuu dha,’’
‘’Atattamaan qaama isaanii irratti akkuma arganiin mana yaalaa deemuutu irra jiraata’’ jedhaniiru hakiimni.
Kaansarii harmaa yeroodhaan arguuf maal gochuun qaba?
Harmi keenya kutaa qaama keenya qaqqabuu dandeenyu gatii taheef dubartoonni harkaan qaqqabuun ofirratti baruu akka danda’anis himu.
Dubartoota waggaa 45 gadi jiran- umrii laguun otoo hin badiin dura jiran jechuu dha. Harmi yerootti jajjabaatuufi laaffatu jira. ‘’Laguun dhufee akkuma deemeen, ji’a,ji’aan, harma ofii harkaan sirnaan qaqqabuudhaan dhiitoon jiraachuu mirkaneessuu qabu, keessttuu namni harma guddaa gogaarra qofa yoo tuttuqe arguu dhabuu waan maluuf sirriitti keessa soquu qaba jechuu dha,’’ jedhan.
Kuni warreen ammallee laguu argaa jiraniif kan hojjetu yoo tahu, warri laguu argaa hin jirre garuu,’’ji’a keessatti guyyaa murteessaanii ji’a, ji’aan sakatta’uu qabu,’’ jedhan
‘’Dhiita qaama keessatti arginaan homaa otoo hin dhukkubsatiinillee mallattooo kaansarii tahuu ijaa maluuf atattamaan gara mana yaalaa deemuu qabu,’’ jechuun hakitmichi akeekkachiisaniiru.
Kana malees namoonni maatii isaanii keessaa namni dhukkuba kanaan qabame jira yoo taheefi umriin isaanii 40 ol taanaan, otoo mallattoo hin argin mana yaalaa deemuun ilaalamanii yeroodhaan bira gahuu danda’u.
Kaansariin harmaa,’’yeroo baayyee mallattoo dhiita’uu otoo hin agarsiisiin qaama keessa baduu hin danda’u garuu takka takka, dhiitoon harma dhiisee bobaa jalatti bahuu waan maluuf achis sakatta’uun barbachisaa dha,’’ jedhan.
Kaansariin harmaa yeroo jalqabu dhukkubbii hin qabu garuu yoo takkaa dhukkubuu jalqabe dhukkubbiin yeroo laguun dhufu harma irratti dhagahamu suni jiraates jiraachuu baates dhukkubuun itti fufa jechuu dha jedhan.
‘’Garummoo kaansariin qabaachuuf dhukkubbiin mallattoo isa jalqabaa miti,’’ jechuun ibsu.
Kaansariin harmaa erga babal’atee yaalamee fayyuu danda’a?
Kaansariin erga qaama keessatti babal’atee yaaliin garagaraa ni kennama jedhu hakiimni kuni, kanaanis namoonni dhukkubicharraa fayyan ni jiraatu garummoo hammuma sadarkaan kaansarii kanaa guddachaa fi qaama keessa babal’achaa deeme wal’aansa wal-xaxaa ni godha jedhan.