Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhibee kaansarii ovaarii jaalala ho'aa Mulugeetaafi Tigist karaatti hambise
Obbo Mulugeetaafi haati warraasaa Aadde Tigisti osoo gaa'ila keessa hin galiin dura baatii saddeet ofaaf wal beeku ture.
Mulugeetaan akkuma lammii Ertiraa kamuu jalqaba tajaajila biyyaaleessaa kennuuf buufata leenjii Saawaa galee ture.
Erga leenjicha xumureen booda ammoo humna galaanaatti ramadamuun hojjataa ture.
Isaan booda Ministeera Ittisaatti kutaa faayinaansii keessa hojjataa gama biraatiin ammoo Magaalaa Asimaraatti kaaffee maatiisaa kan ta'e Modernaa keessatti hojii gaggeessaa ta'un hojjataa ture.
Tigist Yoohaannis waajjira isaa keessa hojjataa turtulleen guyyaa tokkoo ol jedhee ilaaleeni akka hin beekne dubbata.
Isheen garuu konkolaataa hojjattootaa waliin fayyadaman yoo seenuufi bahu guyyaa hunda argaanii turte.
Boodas Kaaffee warrasaa keessatti qabduu maallaqaa ta'uun wayita mindeeffamteetti walitti dhiyaachuu eegalan.
Achiinis, Shaayi, laaqana akkasumas irbaata jechuun wal argu eegalan, achumaanis gara gaa'ilaatti ce'un bultii dhaabbatan.
Bara 2014tti gaa'ila dhaabbatan. Guyyaa cidhaa isaaniitti aanees yeroo garii dabarsuuf bashannannaaf imalan. Haata'u malee, yeroon bashannanaa sunis akka eegan hin taane.
Osuma bakka bashannanaa jiranuu Tigisti qaamnishee geeddaramu eegale, garaanis dhiita'e.
Miseensonni maatii tokko tokkoos ulfa guyyaa gaa'ilaatti uffataan dhoksite jedhanii yaadanis, cimdiiwwan haaraa kanneeniif garuu dhimmichi akkas akka hin turre galeefiira.
Gara mana yaalaatti qajeelan. ''Oggeessota gadameessaafi ulfaa Asimaraatti argaman hunda bira deeman. Garuu ifatti dhibeen ishee kana jechuunii waan hin dandeenyeef osoo yeroo hin balleessiin gara Sudaaniitti imallee,'' jedha.
Bara 2014 dhuma Fulbaanaatti haakimoonni Sudaan Tigisti wallaanaa jiran kaansarii gadaameessaa (ovarian cancer) qabamu itti himan.
Gadameessi dubartii tokkoo kutaa garaa garaa qabaachu kan dubbatan ogeessi gadaameessaafi ulfaa Dr Daawwiit Masfiin, innis gadameessaafi ujummoowwan killeen sanyii keessatti oomishamu ykn ovaarii ta'u dubbatu.
Kaansariin ovaarii jedhamuus kan mudatu yoo seeliin kutaan qaama killee sanyii oomishu suni haala isaa uumamaa eeggateen ala guddatuufi seeliiwwan haala sirrii hin taaneen guddatan sun baayyatanidha.
Kaansariin ovaarii kunis addunyaarratti lubbuu namootaa dabarsuun sadarkaa shanaffaa irratti eerama.
Sababoonni kaansarii ovaarii kanaaf saaxilan maali?
Dr Daawwiit akka jedhaniitti sababiiwwan kaansarii ovaarii kanaaf dubartoota saaxilan keessaa tokkoofi ijoon furdina baayyatedha jedhu.
Sababiin inni biraa ammoo umurii ta'u kaasu. Dubartoota umuriinsaanii waggaa 50 fi 60 ol ta'e irratti carraan mudachuu olaanaa ta'u dubbatu.
Kana malees, dubartoota hin heerumiin, dubartoota garaatti baatanii hin beekne ykn kanneen umuriin ijoollummaan laguun itti dhufuu eegaleerratti carraan mudachu olaanaadha jedhu ogeessi kun.
'Jireenyi mi'ooftu qofa osoo hintaane hadhooftuudhas'
Tigisti rakkoo fayyaa qabdu yoo itti himamu, miira abdii kutannaatiin hin simannee turte. Abbaan warraashee Mulugeetaan gaa'illisaanii ganaa jaalala ho'aa keessa jiru osoo lafa hinqabatiin qormaanni cimaan eegaluun naasiseera.
Tigisti kaansarii gadameessaa kanaan qabamuu yoo itti himamu shamarree waggaa 25 turte. Waggoota torba darbaniifis dhukkubicha waliin qabsoo taasisaa turte.
Hakiimoonni Suudaniitti waggoota shaniif ishee wallaananiif kaanis yaaliishee kana hubachuun qabsooftu cimtu (Brave fighter) jechuun waamanii turan.
Mulugetaan jalqaba cimina dhukkubichaa irratti hubannoo akka hin qabne dubbata.
''Tokkicha qabamnaan battalumatti akka ajjeessun yaada ture'' jedhe.
"Kallattii jireenyaa gaarii qofaa osoo hintaane badaa isaas dhandhamachu akka qabnu yoosan hubadhe. Waan gaarii qofaa yaadaan jiraataa ture waan ta'ef rakkina nu mudate keessaa kan baanu natti hinfakkaatu ture.
''Hamleen ishee garuu hanga dhumaatti harka osoo hinkenniin akka yaalii taasifnuuf na gargaareera,'' jedha.
Tigisti bara 2014'tti wallaansa baqaqasanii yaaluu jalqabaa wayita taasifteetti dhiitoo (mass) kg 6 ulfaatuti bahe. Qaamni gadameessaa (ovaarii) gara bitaa baayyee waan miidhamees gutummaan akka bahu taasifame.
Hakiimoonni isa hafeen daa'ima godhachuuf carraan akka jiru abdachuun dhisan illeen yeroon booda ovaarii garri mirgaas miidhamaa dhufe.
Kanaafu qoricha kaansariif kennamu Chemotherapy fudhachuu eegaluun innis qaamasheerratti jijjiramoota olaanaa qaqqabsiisu yaadata Mulugeetaan.
''Kun hundi walitti dabalamuuf hawwii daa'ima argachuuf qabu miidhe. Ani baayyeen ishe jaaladha waan turef ishee fulduratti daa'imti natti hin mulatu ture.
''Isheen anaaf hunda kiyya waan turteef waanan isheef hintaane homtuu hinjiru jechuun waan hunda raawwachuuf murteesse.''
'Yeroo laman si arge'
Tigisti yeroo sadii wallaansi baqaqsanii yaalamuu taasifameefiira. Torban torbaniin dhiigni liitira afurii garaashee keessaa waraabamee bahaa akka ture dubbata Mulugeetan.
Wallaansa jalqabaa irratti waan ture yoo yaadatus, ''hanga kutaa wallaansa baqaqsanii wallaanutii baatuutti karra hospitaalaa irra taa'ee lakkuu lakkuu bo'aa ture,'' jedha.
Tigisti garuu daftee kutaa wallaansaatii hin baane ture. Hakimoonni uffata wallaansa baqaqsanii yaaluufi haguuggii harkaa dhiigaan makame kutaa wal'aansaa yoo bahan arginaan ittuu naasuun guyyaan itti dukkanaa'u dubbata.
Achiis haatii warraakee wallaansarratti dhiigni baayyeen waan dhangala'eef dhiiga yuunitii 36 barbaachisu kennuuf namoota dhiiga arjooman jaha fidi jedhame.
Gara Sudaan wayita imalanitti namoota isaan simataniin alatti nama biraa waan hin beekneef baay'ee dhiphate. Garuu ammoo akkasiin jedhame jechuun yoo itti himeetti namoota hayyamamoo ta'an fideefii dhufe.
Hakiimiin Sudaanii haala sana dinqisiifatees, ''dhiiga hanga kanaa fudhachuun lammii Sudaan taatee jirta,'' jechuun isheetti qoosuu yaadata.
Tigisti dhagala'uu dhiigaa yeroo sana ishee mudateen waan lubbuun haftu akka itti hinfakkaanne itti himtee akka turte yaadata.
Wallaansicha booda wayita bayyanachuun of barteetti abbaa manaa ishee bira taa'ee hanga dammaqxuutti eegaa ture yoo agartu, ''yeroo lammaffaafan si argee jechuudha'' jechuushee yaadata.
Innis 'Yeroo hundaa na agarta' jechuun deebiseef.
Tigisit wallaansa baqaqsanii yaaluu yeroo sadiitinuu dhiitoon (mass) keessaa baheera. Isaan boodas Chemotherapy fudhataa turte jedha.
Akka ibsa Dr Daawwiititti, ucubni ykn dhiitoowwan bakka killeen sanyii oomishamurratti umaman kan miidhaa qaqqabsiisaniifi kan miidhaa hin qabne jechuun bakka lamatti kan qoodamaniidha.
Gosti dhiitoo miidhaa hin qaqqabsiifnees qaama killee oomishu irratti bishaan guddifachuun baatii sadii hanga baatii jahaa keessatti ni badu jedha.
Kunis dubartoonni tibba hordoffii ulfaasaanii ykn altiraa saawundiin argamu kan danda'aniifi mallattoo omaatu kan hin qabne ta'u himu.
Yeroo baayyees gosti kaansarii ovaarii gara sadarkaa hamaatti geeddaramanii kan baraman erga baay'ee turanii boodadha.
Kanaafu wayita gara dhaabbilee wallaansaa wayiita dhaqanittis garaansaanii dhita'ee, bishaan guddifachuun dhiitoo guguddaa ta'u danda'u.
Yeroo tokko tokko ammoo osoo dhiitoon homtuu hin jiraanne dhukkubbii dugdaa, dhukkubbii naannawa gadameessaa fi teessuma ishee itti dhagahamuun gara mana yaalaa kan deemte ta'u dandeessi.
Gosti kaansarii ovaarii kunis shamarran xixiqqoo ganaa laguu arguu hin eegallee irrattis mudachu akka danda'u himu. Kanneen umuriin deemaniin alattis dubartoota waggoota 30 keessa jiran illeen ni mudata jedhu.
Dubartoonni umuriinsaanii waggaa 50 fi 60 dhukkubichaan qabaman mallattoo garaan dhiita'uu kan irratti mul'atu yoo ta'u, kanneen waggaa 30 keessatti argaman ammoo dhiigni dhangala'uun ykn dhiitoon garaa keessatti guddachuun gara wallaansaa akka dhaqan dubbatu Dr Daawwiit.
Abdii kanan kutadhe...
Tigisti wallaansa waggaa shanan jalqabaatiin fayyaanshee fooyyee agarsiisee ture.
Gargaarsa namaa malee Ertiraa deemuun maatii gaafatti, biyyas ilaaltee deebiti turte.
Bara 2019tti ammoo wallaansa fooyya'aaf gara Kaanaadaa imalan. Garuu kan isaan mudate waan eegan caalaa cimaa ture.
''Gara biyya kanaa yoo dhufnu itti wayyaa'ee ture. Abdii ni fayyiti jedhun qaba ture. Gara Turki, Meeksiiskoos geessuufan yaalaa ture. Dadhabdee osoon arguu abdii fayyuu akka qabdu natti dhagahama ture.''
Oggeessonni fayyaa Kaanaadaas haala irra jirtu tilmaamuun ''umurii baatii lamaa qofaa qabda'' jedhaniin illeen, wallaansa osoo addaan hinkunnee hordoffii taaasisaniifin waggaa tokko oliif lubbuun turte.
Dhukkubsataa kaansariitiif hamleen waan murteessaadha kan jedhu Mulugeetaan, dhukkubichi cimaa ta'ulleen haala xin-sammuu haadha warraasaa irratti xiyyeeffachuun hordoffii taasisaaf akka ture hima.
''Hojiin ykn dhimma barbaachisaa biraatiin ishee biraa daqiiqaa shaniif yoo adda bahee nan naha. Keessattuu bilbila isheetiin yoo naaf bilbilame waa taateetti jedheen of wallaala.
''Sababiinsaas dhukkubichi nama dagachiisa. Itti fooyya'eera yoo jettu ni ajjeesa. Kanaaf malee guyyaa tokkoyyuu abdii kutadhee hin beeku,'' jedha.
Kana malees, ''Isheenis barsiiftu jireenyakooti. Kana hundaa isheerran baradhe. Jabaadhu omaa miti naan jetti turte. Maqaakoon na waamti hin beektu. Jaalallee naan jetti turte. (callisee bohee)...''
Dhukkubni kaansarii addunyaarratti ka'umsa du'a miliyoonotaati. Bara 2020 qofaatti namoonni miliyoona 10 ta'an sababiidhuma kaansariin du'u ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni mul'isa.
Dubartoonni baayyeen ammoo gosa dhukkuba kaansarii garaagaraatiin akka miidhaman ogeessoonni ni ibsu.
Mulugeetaafi haati warraasaa waggoota torba darbaniif dhukkuba kanaan wallaansa akka qabaniif cimina kan kenneef haalichaaf hordoffii wallaansaa barbaachisu taasisuufi wal gargaarsa isaan jidduu ture akka ta'e kaasa.
''Waan salphaa hin turre. Waan hedduu agarree baranneerra. Du'uufi lubbuun jiraachuun gahee Waaqaa ta'e garuu haala jiru fudhachuun fayyina guddaadha. Qorichoota fudhataman waliin lubbuun turuun carraa dabala,'' amantaa jedhu qaba.
''Dhukkubni akkuma gaa'ila dhaabbanneen gara jireenya keenyaa dhufe kanaaf waan hedduu waliin akka dabarsinu nu taasiseera'' jedha.
Jijjirama qaamaa fi wallaansoo xin-sammuu haadha warraasaa waliin dabarsan. Haala sana hunda keessatti jaalallisaanii osoo hin qabbanaa'iin turuu dubbata Mulugeetaan.
''Daa'ima hin godhanne... Anaaf qaamaan malee afuuraan fayyaa turte. Kanaafu daa'imaaf badaa sammuun koo hin dhiphatu ture. Fayyaan jiraannaan waan hunda gochuun ni danda'ama'' jedha.
Tigisti Caamsaa 25, 2021 sababiidhuma kanaan lubbunshee darbe.
''Duungoo ishee yaadachuuf qabsiise fuldura taa'een sitti odeessaa jira...Waggoota dheeraaf abdii osoon hin kutiin jiraadhee harkakoorratti yoo dutuun abdii kutadhe.
''Yoon du'ee of biraa na hinfageessiin waan naan jetteef asumattin awwaale. Sababiiwwan adda addaatiin dhaqee ilaala,'' jechuun imimmaaniin hudhamaa dubbata.
Dubartoonni addunyaa kanarratti jireenyi dabarsan baayyee cimaa ta'u haadha warraa isaarraa akka hubate kan dubbatu Mulugeetaan, dubartoonni sababii dhibee kanaatiin gatii hedduu baasan akka isa mudatan yaadata.
''Kan dhibee kanan qabame hundi ni du'a jechuu miti. Namoonni Sudaanitti wallaanamanii daa'ima godhachu danda'an akka jiran nan beeka,'' jechuun namoonni wallaansa irratti abdii akka hin kutanne gorsa.
Wallaansa kaansarii argachuuf maallaqa olaanaa gaafata. Ertiraatti ammoo haala bu'uuraalee wallaansaa waan hin qabneef waan akkasii gara Itoophiyaa, Sudaan, tarkii, Kaanaadaa fi biyyoota biraatti ergiti.
Mulugeetaas waggota dheeraaf maallaqaafi hamleen gargaaraa kan turan Ertiraanoota, Itoophiyaanotaa fi kaan biraa akka ta'an dubbata.
''Jiddugalli wallaansa Kaansarii tokko deeggarsa ummataafi dhaabbilee birootiin osoo ijaaramee namoonni baasii biyyoota alaa deemuun baasan olaanaa irra bayyanatanii nan gammada.
''Dhukkubni kan garaagarummaa siyaasaa fi amantaa gaafatu miti. Kanaafu hundu tokko ta'un motummaa waliin dubbatanii Ertiraatti dhaabbata wallaansa kaansarii tokko saaqu qabaatu.
''Ani baasiin waggootaaf biyya alaatti baase osoon maatii koo bira ta'e waan hedduu naaf hojjata ture,'' jedha.
Mulugeetaan amma Kaanaadaa magaalaa Albartaa Kaaglaarii keessa jiraata. Erga haati warraasaa jalaa duutee amma baatiiwwan 11 ta'eera.
''Amma bakkeen isheen haguugduu duwwaa ta'eera... Amma natti cime malee yeroon dhukkubbiishee cimaa hinturre,'' jedha.
Jireenya guyyaasaatiif hojjachaa, jireenyasaa gara fuuladuraa fooyyefachuuf barataa akka jiru kan dubbatu Mulugetaan, mummeedhaan dhukkubsattoota kaansarii gargaaruufi hojiiwwan hubannoo cimsan hojjachuuf sochii taasisaa jira.