Abbaan Alangee Paaraaguwaay warra maafiyaa qorachuun beekamu shirrishirriirratti ajjeefame

Maarselloo Pechii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haati warraa Pechii ulfa ta'uu ishee Inistaagiraama gubbaa barreessiteetti
    • Barreessaa, George Wright
    • Gahee, BBC News

Abbaan Alangee beekamaa lammii Paaraguwaay biyya isaatti yakka hammaataa balleessuuf guddoo dhamahaa ture cidha booda osoo Kolombiyaatti shirrishirriirra jiruu itti dhukaafamee ajjeefame.

Hidhattoonni meeshaa waraanaa hidhatan lama osoo Maarselloo Pechiin odola Baaru turistoonni itti heeddummaatanitti bashannanaa ture itti dhukaasani.

Ajjeechaan raawwatuu sa'aatii muraasa dura haati warraa isaa ulfa ta'uu Inistaagiraama gubbaa barreessitee turte.

Pirezidantiin Paaraaguwaay Maariyoo Abdoo Beniteez ''ajjeechaa dabummaan raawwate,'' jechuun balaaleeffatan.

Haati warraa Obbo Pechii gaazexeessituu Kilaawudiyaa Aguleeraa qarqara galaanaatti namoonni lama itti dhihaatanii abbaa warraa isheetti dhukaasuu himte. Kana dura doorsisi irra gahe hin jiru jette.

''Namoonni lama Maarsellootti dhukaasan. Bidiruu xiqqoon dhufani. Dhugaa dubbachuuf sirriitti hin ilaalle,'' jechuun gaazexaa El Tiempo'tti himte.

Lamaan keessaa tokko as bahee ''osoo homaa hin dubbatiin Maarselloo si'a lama itti dhukaase, rasaasni tokko fuula kaanimmoo dugda keessa rukute,'' jechuun himte.

Hoteelli Decameron bakka jaalalleewwan lama qubatanii turan ibsa baasen ''galaafattoonni qarqara galaanaa dhufanii keessummoota keenyarratti haleellaa raawwatan,'' jedhe.

Hoteela Decameron bakka ajjeechaan itti raawwate

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hoteela Decameron bakka ajjeechaan itti raawwate

Hiriyyaan Maarselloo Pechiifi ofiiyyuu abbaa alangee ta'an Awugustoo Saalaas haleellaan raawwate kanneen qoricha hadoochuu dalaganiin ta'u hin oolle jechuun AFP'tti himani.

Ajajaan poolisii Kolombiyaafi qorattoonni Paaraaguwaay bakka ajjeechaan raawwate dhaqanii ilaalaniiru.

Ajajaan olaanaa poolisii Kolombiyaa Janaraal Jorgee Luwiis Vargaas qondaaltonni Ameerikaa qorannoo kana ni tumsu jedhaniiru.

Obbo Pechiin yakka qindaa'aa, daldala qoricha hadoochu, daddabarsa maallaqaafi yakka shororkaa tumsuurratti addatti dalagu.

Bara 2020 dhimma taphataan duraanii Biraazil Ronaaldiniwoon Paasportii sobaan Paaraaguwaay yeroo seenuuf jedhu qabameerratti dalagaa ture.

''Ajjeechaan dabummaa abbaa alangee Maarselloo Pechii Paaraaguwaay gaddisiiseera,'' jechuun Pirezidant Maariyoo Abdoo Tiwiitara gubbaa barreessaniiru.

Ajjeechaa kana balaaleeffachuun yakka qindaa'aarratti qabsaa'uuf kaka'umsa keenya cimsina jechuuniis ibsan.