Helikooptara pirezdaantii Kolombiyaarratti dhukaasi baname

Pirezidaanii Ivaan Duuk aleelaan booda haasaa taasisan

Madda suuraa, EPA/President of Colombia

Helikooptarri pirezdaantii Kolombiyaa fi qondaaltoota mootummaa kan biroo qabbattee turte osoo naannawaa daangaa Venizuweelaa irra balaliituu dhukaasa raawwatameen rukutameera.

Pirezdaant Ivaan Duuk, ministira Ittsaa biyyaa, Ministira Haajaa alaafi bulchaa naannichaa qabachuun gara Kukaataa bulchiinsa Norte de Santanderitti imalaa turan.

Dubbii himaa pireezdaantichaas taatee kanaan namni miidhame akka hin jirre himeera.

Pireezdaant Duuk “haleellaa dabeessaa” jedhaniin kana balaaleffachuun “gocha hokkoraa ykn shororkeessummaa” kana akka hin sodaannee ibsaniiru.

“Biyyi keenya cimtuudha, Kolombiyaan dorsiisa akka kanaaf deebii kennuuf cimtuudha,” jedhan haasaa karaa viidiyoo toora tiwiitara irratti maxxansaniin.

Humnoot nageenyaa biyyattiis itti gaafatamtoota haleellaa kanaa akka qorataniif ajajanni kennameefara jedhame.

Suuraa hiilikoptara pirezidaanticha qabattee turte erga itti dhokaafameen booda

Madda suuraa, Presidency of Colombia/Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Taatee kanaan kan miidhame omtu hinjiru

Gaazexaan biyyaa keessaa Semana jedhamu akka gabaasetti, wayita hilikooptarichi lafa qubachuuf dhiyaatetti namoonni keessa turan sagalee injinii rukutee wayii dhaga’an.

Waraanni Bilisummaa Biyyaalessaa Leefti Wingi (ELN) jedhamus naannawa Katatumboo kan daangaa Kolombiyaa fi Venizuweelaa keessa socho’a.

Bara 1964tti dhabiinsa wal qixxuummaa fi qoodiinsa qabeenyaa sirriif qabsaa'uuf kan hundeeffame dhaabni ELN, biyyattii keessatti gartuu fincilaa isa guddaa fi Kolombiyaa fi biyyoota akka US fi Gamtaa Awurooppaatiin kan akka shororkeessaatti ilaalamudha.

Jalqaba ji’a kanaattis haleellaa boombii wiirtuu waraanaa Kukutaa irratti raawwatamee ture keessaa harka akka hin qabne ELN waakateera. Haleellaa sanaanis gorsitoota waraanaa US lama dabalatee namoota 36 irra miidhaan qaqabeera.