Seenaa baqataa kophaa balaa bidiruurraa lubbuun oole duuba jiru

Bidiruu garagalteerraa nama kophaasaa lubbuun oole

Madda suuraa, US Coast Guard

Suurri nama kophaa isaa balaa dooniirraa oolee doonii bahaara walakkaa keessatti garagaltee jirturra taa'ee ka'e addunyaa waliin gaheera.

Tajaajilli BBC Mundoo namani kun dargaggeessa ganna 22 biyya Kolombiyaarraa ta'e Huwaan Esteebaan Montooyaa akka ta'e mirkaneeffateera.

Dargaggoo Montoyaa kan Kibxata darbe qarqara galaanaa naannoo Filooridaarraa baraarame Bahaamaas irraa halkan namoota 39 waliin bidiruu koruu hima.

Namoota biroo 39 isa waliin turan keessa ammoo obboleettiin isaa quxusuun Mariyaa Kamila kan yeroon dooniin isaanii gargaltu achi buuteen ishee dhabame ni argamti.

Eegdonni qaama galaanaa US Kamisa gara galgalaa duula lubbuu baraaruu isaanii xumuruun dura reeffa namoota shanii bahaara keessaa arganiiru.

Aaanga'oonni balaa doonii kanarraa namni lubbuun oole tokko jiraachuu kan beekan Kibxata darbe dooniin daldalaa tokko Fort Piirs Filooridaarraa fageenya km 72 irratti namni wayii dugda doonii garagalteerra ta'uu erga beeksiseeti.

Dargaggoon Kolombiyaa Montoyaan ofii isaa dabalatee imaltootni 39 biroon bahaara irratti wanta lubbuu isaanii baraaruuf oolu (life vest) akka godhatanii hin turre dubbateera.

Montoyaan kaapiteenii doonii nama ta'e tokkoon bakka inni abdii kutannaan bahara qixxalamaan abdii kutannaan ta'uu baraarame.

Hoogganaan Opireeshinii kaampanii daldalaa Signet kan Filooridaatti argamu BBC Mundootti yoo himu dheebuun miidhamee waan tureef bishaaniifi nyaata salphaa kennaniifi akka tureefi akkaan laafee akka ture himeera.

''Walumaagalatti isa waliin namoonnii 40 bidiruu isaaniirraa akka turan nutti hime, halkan qixxee Dilbatatti bar'u Bimini irraa ka'anii sa'aa afuriif erga imalanii sababa haala qilleensaa badaan bidiruun isaanii garagaluu nutti himeera.''

Damee Miyaamiitti ajajaa eegdota daandaa qaama bishaanii kan ta'an Kaapiteen Jo- Ann Burdian miidiyaaleef ibsa kennaniin balaan kun kan mudate daddabarsitoota seeraan alaa Bahaamaas irraa gara Kibba US galan irratti ta'uu himaniiru.

Haalli qilleensaa Dilbata ture qorra jabaa, damabaliifi bubbee guddaadha.

Bakki balaan kun itti qaqqabe jedhamu Biminiin Lixa Bahaamasitti kan argamu ta'us bulchiinsa MiyaamiI US irraa garuu maayila 50 qofa fagaata.

Balaan akkasii naannoo Filooridaatti hedduu haaraa miti. Baqattoota Kuubaafi Heeyitiirraa gara US galuu fedhan irra irra deeddeebiin gaha.

Guyyaadhuma walfakkaataa balaan kun qaqqabe eegdotni galaanaa qarqara Bahaamaatti lammiilee Heeytii 191 qabaniiru. Guyyoota muraasa dura ammoo Lammiileen Heeytii 88 humnaa ool dooniitti fe'amanii turan qabamaniiru.

Imalli ulaa Filooridaan godhamu hanga lubbuu dhabuutti balaa qabaa jechuun Egdotni galaanaa ibsa baasaniiru.