Yaman: Bidiruu galaana diimaa keessatti dhidhimteen godaantonni hedduun du'an

Bidiruu godaantota baattee jirtu

Madda suuraa, AFP

Godaantonni Afriikaa osoo gara Yaman imalaa jiranii qarqara biyyattiitti dooniin ittiin dhidhimuun hedduun du'an.

Namoonni handaara biyya Yaman bakka qarqara galaanaa Lahj jedhamutti qurxummii kiyyeessaa turan reenfa namoota 25 baasuu AFP'n gabaaseera.

Qondaaltonni naannawa kanaa doonii guyyaa lama dura dhidhimte kanarra namoota 160 hanga 200 ta'antu turan jedhan.

Dhaabbati dhimma godaantotaa idil-addunyaa(IOM) bidiruun namoota hedduu qabattee dhidhimte gabaasa jedhu mirkaneeffataa akka jiru hime.

"Gareen IOM bakkatti argamanii jiru. Kanneen lubbuun hafan gargaaraa jiru,'' jedhee tiwiitara isaarratti barreesse.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Seenaa godaantoota lammiilee Itoophiyaa jireenya fooyya'aa barbaacha dararamanii

Maddi oduu Yaman, Adenal-Ghad gamasaatiin namoonni 150 ta'an akka dhidhimanii achiin hafuu fi kanneen keessaa lammiileen Yaman afur keessa jiraachuu gabaase.

Bakki dooniin kun itti dhidhime, Ras al-Ara, qarqara galaanaa yoo ta'u gara baha Bab al-Mandabitti argama.

Dacheen bishaaniin uwwifame kan kiilomeetira 20 bal'atee galaana Diimaatti marsee argamu kun bakka faddaalonni godaantota seeraan ala deddeebisuuf itti fayyadamaniidha.

Bakki kun daangaa Jibuutii fi Yaman garagar baasuu fi Galoo galaanaa Adan galaana diimaa waliin kan walquunnamsiisuudha.

Godaantonni kumaatamaan lakkaa'aman biyyoota Gaanafa Afriikaa, keessattuu Itoophiyaa fi Somaaliyaa, irraa fulaa kanarraa darbuun Yaman keessa qaxxaamuranii gara Sa'uudii Arabiyaatti imalu.

Imala haala kanaa keessatti yeroo baay'ee dooniin dhidhimuun lubbuun godaantotaa galaana keessatti darba.

Ebla darbe dooniin Yaman irraa gara Jibuutii imaltu galaana diimaa keessatti dhdhimuun godaantonni 44 caalan dhumaniiru.

Danaa Jibuutii, Yaman fi Ras al-Ara

Biyyawaggoota ja'aaf waraanatti jirtu Yaman keessatti godaantonni akka malee dararamu, faddaaltotaa fi qaamolee hidhataniin.

IOM akka jedhutti erga Sa'uudiin sababa weerara koronaavaayirasii daangaashee cufattee godaantonni 32,000 caalan daangaarratti ugguramanii jiraachuu hime.

Godaantonni kunneen nyaata, bishaan, da'oo,nageenya, dawaa kan hin argannee fi bakkeetti kan dararamaa jiran ta'uus himeera.