Seenaa godaantoota Itoophiyaa jireenya fooyya'aa barbaacha gidiraa argan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Seenaa godaantoota lammiilee Itoophiyaa jireenya fooyya'aa barbaacha dararamanii

Waggaa waggaan lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman jireenya fooyya'aa barbaacha gara biyyoota Giddugala Bahaatti godaanu.

Imala isaanii balaa hamaan guute kanaan gammoojjii miilaan qaxxaamuruu dabalatee, Galaana Diimaa bidiruu xixiqqoon ce'uun zooniiwwan waraanaa kan akka Yaman fa'i keessa darbuuf dirqamu. Seenaa lammiilee haala jireenya akkasii dabarsan BBC Africa Eye akkasiin dhiyeesseera.