Godaansa Yaman: Namootni 43 qarqara galaana Jabuutiitti dhuman 'baqattoota Oromooti'

Naannoo Obokitti baqattoonni gareedhaan gara Yemenitti ce'uuf dabaree eeggatu

Madda suuraa, IOM

Baqattoota Yaman irraa ka'anii osoo gara Jibuutii imalanii bidiruun galaanatti dhidhimuun lubbuunsaanii darbe 43 keessaa hedduunsaanii lammiilee Itoophiyaa ta'uu dhaabbati dhimma baqattootaa idil-addunyaa, IOM ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa hanga yoonaatti waa'ee lammiilee du'anii ilaalchisuun homaa hin jenne.

Tibbana namoota 300 ta'an Yaman irraa gara biyyaa deebisuu garuu ibsee ture.

Lammiileen Yaman, Adan irraa dubbisne ammoo harkifannaa mootummaatu lubbuu baqattootaa galaafataa jira jechuun komatu.

Wiixata darbe Ebla 12, 2021 baqattoonni 100 caalan walitti qabamuun osoo gara Jibuutii imalanii galaana walakkaatti bidiruun ittiin garagaluun namoonni hedduun kan dhumaniifis sababuma rincicuu mootummaati jedhan.

''Namoonni rakkoo kanaaf saaxilaman kunneen kanneen IOM jalatti galmaa'anii gara biyyaa deebi'uuf turaniidha, garuu yeroon waan itti dheerateef murteeffatanii imaluutti ka'an,'' jedhan baqattoonni Yaman Kibbaa magaalaa Adan irraa dubbisne.

IOM lakkoofsi baqattootaa kan bidiruu sanaan imalaa turanii 60 ta'uu kanneen baraaraman iraa qulqulleeffadhe jedha.

Baqattoonni Yaman jiran maal jedhan?

Lammiileen Itoophiyaa hedduun Yaman keessa qaxxaamuruun gara Sa'uudii seenan kuma hedduutti lakkaa'aman Yaman keessatti rakkoo hamaaf saaxilamu.

Bitootessa darbe keessa baqattoota Itoophiyaa mana hidhaa magaalaa Sana'aa keessa jiran irratti balaa abiddaa dhaqqabeen namoonni hedduun du'aniiru.

Baqattoonni achi jiran namoonni 182 du'uu fi hedduun madaa'uu himu, loltoonni Huutii, kanneen haleellaa sana raawwachuun himataman garuu namoonni 43 du'uu dhugaa bahan.

Yeroo sanarraa kaasee rakkoon baqattootaa daran hammaachuu fi baqattoonni abdii kutatanii jiraachuu baqataan Sana'aa jiru Ammee Harawwee BBC'tti himeera.

''Yeroo sana namoonni miidhamanii fi kanneen baraaraman gara Kibba biyyattii daangaa magaalaa Adan humnaan geeffaman. Achitti baqattoonni rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru. Hedduun lubbuusaanii aarsaa gochuun gara biyyaa deebi'uuf akka murteessan dhagahaa jirra.'' Jedhe.

Baqataan magaalaa Adan jiraatu Ahmad Kamaal, baqattoonni Bitootessa darbe magaalaa Sana'aarraa humnaan garana fidaman miira abdii kutannaatiin jiru jedha.

''Haalli baqattootaa baay'ee nama yaaddessa. Waanti nyaatanii fi bakki jiraatan hin jiru. Bakkee keessa jiraatu. Namni gargaaru hin jiru. UN dhimmayyuu irraa hin qabu. Kana hifatanii lubbuusaaniirratti murteessaa jiru.''

Ahmad balaa Wiixata darbe baqattoota irra ga'e wayita ibsu, ''dura taa'aan baqattoota Oromoo magaalaa Adan baqattoota kaanii fi maatiisaa qabatee qarqara galaanaa diimaa karaa Adan Baab'eel maandab irraa ka'ee gara qarqara Jibuutii magaalaa Obok osoo imalaa jiruu bidiruun galaana walakkaatti dhidhimuun lubbuun namoota hedduu darbe,'' jedhe.

Namoonni imalan kunneen hunduu Oromoo ta'uu quba qabaachuu kan hime Ahmad, lakkoofsaanis 100 caalu jedhe.

''Namoonni kunneen hunduu Oromoodha. Maqaasaanii yoon beekuu baadhes baqattoota Oromoo ta'uusaanii nan beeka.

"Namoota bidiruu irra turan keessaa haadha warraa dura taa'aa baqattoota Oromoo fi namoota biroo torba malee kan gara Obok ce'an akka hin jirre odeeffadheera'' jedha.

Yaada IOM

Hooggantuun IOM kan damee Gaanfa Afriikaa fi Baha Afriikaa Yuuvoon Indeegee namoonni lubbuun ba'an miidhaan qaamaa fi xiinsammuu waan irra ga'eef haala ture sirnaan ibsuu hin dandeenye jedhan.

Hedduun isaanii Hospitaala Jibuutiitti yaalamaa akka jiranii fi kaan ammoo harka IOM kan magaalaa Obok jiraachuu himan.

Baqattoonni kunneen irra jireessaan lammiilee Itoophiyaa ta'uus himan.

''Lakoofsa isa sirrii beekuu baannus garri caalaan lammiilee Itoophiyaati. Lammiileen biyya biraas keessa jiraachuu malu. Lammiileen Somaaliyaa fi lammiileen Yaman mataansaanii kanneen rakkoo nageenyaa biyyattii baqatan keessa jiraachuu danda'u.''

Balaan akkanaa wayita godaantonni gara Yaman imalan mudachaa ture, amma garuu gara biyyaa wayita deebi'an balaan akkanaa mudachuu eegale? Kun maalirraa ka'eeti jennee gaafanneerra.

''Balaan akkanaa wayita mudatu kan jalqabaa miti. Kun walkeessa yaa'uu fi heddummaachuu godaantotaarraa kan dhufuudha,'' jedhan.

Godaantonni jireenya fooyya'aa barbaacha Yaman keessa qaxxaamuruun gara Sa'uudii imalan wayita karaarratti danqaman dirqamanii of booda deebi'aa jiraachuu kan himan qondaalli IOM kun weerarri koronaavaayirasii ammoo haala kana daranuu hammeesse jedhan.

''Sababa weerara koronaavaayirasii biyyoonni daangaa qilleensaa fi lafoo isaanii cufaniiru. Kanaafuu godaantonni kuma hedduu ta'an bakka yaadan osoo hin ga'in hafaniiru. Karaarratti rakkoolee nageenyaa, akkasumas rakkoo bishaan dhugaatii, nyaataa , dahoo fi fayyaaf saaxilamu. Rakkoolee kanneen dandamachuu waan hin dandeenyeef godaantonni gara irraa godaanan Gaanfa Afriikaatti deebi'aa jiru.''

Baatii darbe keessas godaantota gara Yaman imalaa turan keessaa 80 kan caalan faddaaltotaan bishaanitti darbamuun lubbuunsaanii darbeera jedhan qondaalli IOM kun.

Dubbi Himtuun IOM Anjelaa Wells twitter irratti ergaa viidiyoodhaan dabarsaniin, godaantonni 32,000 caalan kanneen irra jireessaan Itoophiyaarraa ta'an Yaman keessatti ugguramanii argamu jedhan.

''Godaantonni jireenyi waan itti ulfaateef achitti du'uurra karaa danda'an hundaan biyyasaaniitti deebi'uu filataa jirqu. Kanaafis filannoo isa dhumaa faddaaltota seeraan ala namoota deddeebisan irratti hundaa'anii jiru,'' jedhan.

Caamsaa darberraa kaasee hanga ammaatti baqattoonni 11,000 caalan gargaarsa bidiruu fadaaltotaan imalaa balaafamaadhaan gara Gaanfa Afriikaatti deebi'uus himaniiru qondaalli IOM kun.