Waraana Yaman: Gareen Huutii Yaman baqattoota abiddaan dhumaniif 'gadduu' ibse

Bakka buutonni lammiilee Afriikaa Sana'aa jiran qaamni idil-addunyaa qorannoo walabaa akka gaggeessu gaafatan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka buutonni lammiilee Afriikaa Sana'aa jiran qaamni idil-addunyaa qorannoo walabaa akka gaggeessu gaafatan

Gareen hidhattootaa Yaman kanneen mootummaa haleelaa jiran Huutii jedhaman, baqattoota mana hidhaa magaalaa Sana'aa keessatti abiddaan dhumaniif sababa ta'uusaatti ''akkaan gadduu'' ibse.

Qondaalli gameessi Huutii tokko akka jedhanitti balaa tasa mudateen lammiileen 44 ta'an abiddaan du'anii, 193 ammoo miidhamaniiru.

Guyyaa kaleessaa Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii lammiileen 43 Yamanitti lubbuu dhabuufi owwaalchi isaanii akka raawwate dubbataniiru.

Ta'us, kanneen keessaa lammiileen Itoophiyaa meeqa akka ta'an akka hin baramne himan.

Dabalataan, Kibxata kaleessaa lammiileen Itoophiyaa 143 Yaman magaalaa Adan irraa biyyatti deebifamuu ministeerichi beeksiseera.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii, UN, qorannoon walabaa gaggeeffamuu akka qabu guyyaa kaleessaa ibseera.

Jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu Hiyuuman Raayitis Waach, gareen Huutii giddu gala baqattoonni keessa tursiifaman irratti haleellaa qaqqabsiisuun balaa abiddaa uumee lubbuu namaa gaaga'eera jechuun komate.

Lammiileen balaa kana jalaa lubbuun baraaraman jaarmiyaa kanatti akka himanitti, qabiinsa mana hidhaa kanarratti wayita baqattoonni mormii dhageessisan qaamoleen nageenyaa fi eegdonni ammoo mormii dhaabsisuuf wayita yaalan rakkoon kun mudate.

Gareen Huutii erga bara 2014 mootummaa Pirezidantii biyyattii Abd-Rabbu Mansour Hadi'n durfamu ari'anii as magaalaa Sana'aa dabalatee kutaalee biyyattii gara kaaba-dhihaa jiru to'annoosaanii jala galchanii jiru.

Waraanni bara sana eegale erga gareen Sa'uudii Arabiyaan durfamu mootummaa tumsuu eegale daran hammaate.

Waraanni kun lubbuu lammiilee 100,000 galaafate, hedduun ammoo akka harka namaa eeggatan dirqamsiiseera.

Ministira Dhimma Alaa Itti Aanaa Huutii kan ta'an Huseen al-Azii, "balaa tasaa buufata baqattootaa magaalaa Sana'aa jiru irra ga'een baayyee gaddina,'' jechuun TV to'annoosaanii jala jiru Al-Masirah jedhamurratti dubbatan.

Itti dabaluun ''Sababiin ka'umsa balaa kanaas qoratamaa jira,'' jedhan.

Aab Aziin qondaala waraanaa jalqabaa waa'ee dhumaatii lammiileerratti dubbatan ta'anis, waan gabaasa Hiyuuman Raayitis Waach irratti garuu homaa hin dubbanne.

Hidhattoota Huutii dhaabbata baqattootaa UN kan magaalaa Sana'aa fuulduratti

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoota Huutii dhaabbata baqattootaa UN kan magaalaa Sana'aa fuulduratti

Namoonni ijaan argan akka himanitti wayita baqattoonni akkaataa qabiinsaa ilaalchisuun mufiisaanii agarsiisan hidhattoonni ammoo humnaan kana dhowwaa turan.

Wayita dubbiin ka'u hidhataan tokko gamoo sana irra ba'uun boombii nama imimmaanessuu gadi dhiise.

Boombiin kun kan jalqabaa ija baqattootaa daran miidhe, inni lammataa garuu dhohuun baqattoota hedduu fixe jedhan namoonni yeros achi turaniifi lubbuun baraaraman.

"Baayyeen rifadhe, nan shororkaawe, akka waan sammuun aaraan guutamee hojii dhaabee natti fakkaate. Baqattoonni ni qufa'u, uffati halkanii abiddaan gubata, namoonni hedduun jiraatti gubatan, reeffa namootaa gubate irra deemeen gara alaatti ba'e,'' jedha baqataan umrii waggaa 20 tokko.

Hiyuuman Raayitis Waach akka jedhutti kanneen miidhaman hospitaala hidhattoota Huutiitiin eegamu keessa jiru, kanneen fayyaa ba'an ammoo mana hidhaatti darbamaniiru.