Daa'ima qaroo-dhabeessa ganna sagalii Yaman keessatti daa'imman barsiisu

Ahmad

Yaman magaalaa Ta'iiz jedhamtu keessatti waraana mootummaa fi garee warra Huutii gidduutti gaggeeffamaa jiruun manneen barnootaa barbadaa'an keessatti daa'imman hedduun barnootasaanii hordofu.

Barataan umrii waggaa sagalii kan qaro-dhabeessa ta'e Ahmad jedhamu, wayita barsiisonni sodaa nageenyaaf daree irraa hafan hiriyoota isaa barsiisuun gargaara.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniiti jaarmiyaan dhimma daa'immanii, UNICEF, akka jedhutti manneen barnootaa Yaman keessa jiran shan keessaa tokko barbadaa'anii hojiin ala ta'aniiru.

Yaman keessatti erga bara 2015 hidhattoonni Huutii humna jabeeffatanii kutaa biyyattii gara lixaa baay'inaan to'atanii as biyyattiin waraana wal-waliiniin raafamaa jirti.

Waraanni kunis rakkoo hawaasummaa addunyaarratti isa hammaataadha jedhame biyyattii keessatti uumeera.

Daafoo waraanaa kanaan lammiileen biyyattii kumaan lakkaa'aman dhibeewwan haala salphaan ittifamuu danda'aniin lubbuunsaanii darbeera.

Manni barnootaa barataan qaro-dhabeessi kun itti baratu hagam takka sababa waraanaan barbadaa'us, barsiisonni garuu barattoonni naannoo kanaa barnootasaanii akka addaan hin kutne yaaduudhaan deggersa gochaa jiru.

Sababa waraanaan mana barumsaa daran miidhame kanatti barattoonni dhibbaan lakkaa'aman ni baratu.

Rakkoo waraanaatiin goolama biyyattii keessatti uumamaa jiru irraa kan ka'e barsiisotaaf miindaan hin kaffalamu.

Wayita barsiisonni daree irraa hafan qaro-dhabeessi ganna sagalii Ahmad, bakka bu'uun hiriyootasaa barsiisa.

"Waanan dursee qo'adhen barsiisa.'' kan jedhu Ahmad, gosa barnootaa isaaf salphatan keessaa Qur'aanaa fi Saayinsii akka barsiisu hima.

Ahmad dhalootasaarraa eegalee qaro-dhabeessa ture.

"Mana barnootaa, teessuma, balbala, foddaa fi gabatee gurraacha haaraa ni barbaanna'' jedha Ahmad.

"Baaxiin mana barumsaa keenyaa suphamuu qaba. Yoo akkas ta'e roobni nutti hin seenu. Foddaa aduu guyyaa nurraa ittisuu fi balbala bubbee fi dhukkee nurraa dhorkus ni barbaanna.'' jechuun hawwii qabu ibsa.

Mnni barumsaa Ahmadfaa bara 2016 wayita harka warra Huutii jalatti kufu barnoota kennuu dhaabee ture.

Erga loltoonni mootummaa hidhattoota Huutii bakka sanaa gussanii baasanii booda hojiitti deebi'e.

Ammas sagaleen dhukaasaa guyyuu mana barumsaa sana keessatti dhiheenyarraa ni dhagahama, barattoonni sodaadhaan baratu.

Ahmad sagalee dhukaasaa wayitan dhagahu waanan du'u natti fakkaata jedha.

Barattuun mana barumsaa kanaa kan biraan Kuluud jedhamtu yeroo hunda balaa keessa jiraanna jetti.

''Rasaasni bakka biraadhaa dhukaafamee dhufee nu rukuta jennee yaaddofna. Fanjiin awwaalamefaa jira jennee sodaanna'' jetti.

Sodaadhaan gara mana barumsaa deemanii, miira sodaa keessa taa'anii baratanii, sodaachaa gara manaatti akka deebi'an dubbatti.