Namichi bidiruunsaa galaana walakkaatti dhidhimte guyyoota lamaan booda baraarame

Madda suuraa, US Coast Guard/Jacksonville
Imalaan galaanaa sanbattan irra baduunsaa gabaafamee ture erga qarqara galaana Filooriidaatti bidiruu dhidhimteetti rarra'uun erga mul'ateen booda baraarame.
Situwaart Bii kan umuriin waggaa 62 kunis Jimaata waaree booda ture bidiruu mataasaa kan dheeriina meetira 10 qabduun Buufata Kaanaaveraaliiti kan ka'e.
Erga inni buufatichatti deebi'uu dhabeen booda guyyaa Sanbataa aanga'ootatti gabaafame.
Innis guyyaa Dilbataa hojjattoota garee doonii konteenara fe'ee darbaa tureetiin bidiruu isaa dhidhimteetti maramuun argame.
Doonichis Obbo Bii meeshaa tibba balaa galaanarratti mudatu ittiin daakamu erga darbateeniif booda bishaan keessaa baaseen. Isaan booda ammoo battalamutti eegdoonni qarqara galaanaa US garee erguun isa baraaran.

Madda suuraa, US Coast Guard/Jacksonville
Suuraan tibba baraaramee sana kaafame akka mulliseettis, Obbo Bii kutaa qaama bidiruu isaa dhidhimtee xiqqoo tokkootti rarra'ee ture.
''Galaanarratti lubbuu baraaruun waamicha keenya olaanadha,'' jedha Kaapteen Maark Vilaa'un, qorndaalli ajajaa Kutaa Eegdoota Qarqara Galaanaa Jaaksonvil.
''Gochi kunis dhugaatti walitti dhufeenya hojjattoota galaanaa fi hawaasaa keenya jidduu jiru kan agarsiisuudha'' jedhan.
Dubbii himaan eegdoota Qarqara Galaana US Daaviid Mikaaleef midiyaa biyya keessatti akka himaniitti, Obbo Bii kan Filoridaa irraa ta'an halkan tokko ykn lama bidiruu isaa keessatti dabarsuuf murteesse. Kunis isaaf kan barame miti.
Haa ta'u malee, halkan Sanbataa erga bishaan keessa bidiruusaa galee booda dammaqe.
Isaan boodas bidiruunsaa battalumatti gargaluun bishaan ammoo isa ''gara fuula duraatti dhiibeen.''
Ergasii kaasee hanga guyyaa dooniin karaa sana darbuun argameetti bidiruu isaa garagalteetti maramuun ture.












