Lammiin UK boolla bishaanii keessa guyyoota 6’f ture baraarame

Madda suuraa, BISARNAS BALI
Lammiin UK ganna 29 Jaakoob Roobartis, osoo saree baqatuu ture boolla meetira 4 gadi fagaatu keessatti kufee miilli cabuun guyyoota jahaaf boolla keessa kan ture.
Dargaggoon kunis biyya odola Indoneeshiyaatti aragamtu tokko keessatti ture guyyoota jahaan booda lubbuun baafamu anga’oota gandichaa eeruun AFP’nkan gabaase.
Boolli anmni kun keessatti kufee gogaafi ba’uudhaaf kan hin rakkisne ta’us, miillisaa cabuu bahuun akka hindndeenye hima.
Namoonni naannicha turaniifi ijaan argana akka himaniitti bishaan xiqqoon bollicha keessa ture lubbuun akka turuuf isa gargaare jechuun dubbatu.
Roobarti walitti fufiinsaan guyyoota jahaaf na baraaraa jechuun iyyaa kan ture yoo ta'u, boodarra nama naannoo sana jiraatuun tokko dhaga’amuun baraaramu danda'eera.
Namni naannicha namoonni baayyeen keessa hinjiraanneetti loon tiksaa ture tokkos haala namticha kana akkuma hubateen battalumatti aanga'oota naannichaaatti beeksiise.
Jaakoob namoota kanneeniin boolla keessa kan baafamuun lubbuun hafee Sanbata darbe yoo ta'u, battalumatti wallaansa akka argatu taasifameera.
Gandi Pekaatu Odola Jaakoob keessatti argamtu kunis dowwattoota hedduun kan dowwatamtu yoo ta'u, baaan akkanaa kunis baayyee kan baratame miti jedhameera.
Roobartis namoota sadi’iin siree irra kaa’amee baafamuu qondaaltonni eejansii ‘Basaarnaas’ lubbuu baraartuu naannichaa kan himan.
Sana boodas hoospitaala Nuusaa Duwaa’tti geeffamuus dabaluun himaniiru.
Baaliin ji’oota muraasaaf sababa vaayirasichaan cufamtee turtus, suuta suuta banamuutti jirti.













