Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bara Dargiitti Ittaanaa Koloneel Mangistuu kan turan L. Koloneel Fissahaa Dastaa du'aan boqatan
Bara bulchiinsa Dargiitti Ittaanaa Pirezidaantii biyyattii kan turan Leetanaal Koloneel Fissahaa Dastaa umurii waggaa 81tti du'aan boqachuun dhagahame.
Ittaanaa hogganaa duraanii Itoophiyaa Koloneel Mangistuu Haayila Maariyaam ta'uun tajaajilaa kan turan Leetenaal Koloneel Fissahaa Dastaa, erga ADWUI Finfinnee to'ateen booda waggoota 20'f hidhaarra turan.
BBC maatii isaanii irraa akka hubatetti, Leetanaal Koloneel Fissahaan onnee dhukkubsachaa kan turan yoo ta'u, kanaafis biyya keessaafi biyya alaatti wal'aanamaa turan.
Gaa'ila dhaabbachuunis abbaa ilma tokkoo kan ta'an Letanaal Konoleel Fisahaa kan du'aan boqatan Ebla 6, 2022 yoo ta'u, Dilbata har'aa Kaatediraalii Qidista Sillaaseetti akka raawwatu eegama.
Qondaalli motummaa duraanii kunis erga hidhaarraa hiikamaniin booda tibba aangoo irra turaniitti haalawwan dabarsan ilaalchisee kitaaba ''Warraaqsaafi yaadannoo'' jedhu barreessaniiru.
Kitaaba kana keessattis ''Tarkaanfiiwwan gaarii Dargiin fudhateen akkuman gammadu hunda, kanneen ija jabina, wallaallaa fi dogongoraan raawwatameef ittigaafatamummaa guutuu fudhachuun gama kootiin ummata Itoophiyaan dhiifama gaafadha,'' jedhanii ture.
Leetanaal Koolooneel Fisihaan kitaabasaanii jalqabaatiin alatti kitaaba lammaffaa qopheessaa akka turan maatiin BBCtti himaniiru.
Tigraay Adawwaatti kan dhalatan Leetanaal Kolooneel Fisahaan, barnoota saanii sadarkaa jalqabaa mana Barnootaa Giiftii Saabaa Adiwaatti, barnoota sadarkaa lammaaffaa ammoo mana barnootaa Agi'aazii Adigiraatiitti hordofanii ture.
Kana malees Finfinnee keessattis mana Barnootaa Kotabee Sadarkaa Lammaffaatti baratanii ture.
Isaan booda gara Mana Barnoota Waraanaa Harari seenuun erga leenjii'aniin booda eegdoota kabajaa (Kibir zabanyaa) keessa seenuun masaraa motummaatti ramadamuun tajaajilaniiru.
Leetenaal Koolooneel Fisahaan gara Ameerikaa deemuun leenjii waraanaa olaanaa fudhataniiru. Kana malees, Yunivarsitii Finfinneetti barnoota seeraa hordofaniiru.
Warraaqsi mootii aangoorraa buuse wayita ka'eetti, karaa Dargiitiin bulchiinsi waraanaa yeroo wayita hundeeffameetti, aanga'oota oolaanaa humna waraanaa keessaa babbahuun yeroo sanatti eddoo hooggansa qabatan keessaa tokko turan.
Waggootaan booda ammoo Paartii Hojjattoota Itoophiyaa (Isappaa) akkasumas Riippablika Diimookiraatawaa Ummata Itoophiyaa wayita hundeeffamuutti dura taa'aa duraanii Mangistu Haayila Maariiyaamiif ittaanaa ta'uun qondaala olaanaa lammaffaa biyyattii ta'uun biyya bulchanii ture.
Bulchiinsi isaanii finciltoota TPLF waliin waggoota 17'f wal waraanaa ture dadhabaa adeemuun torbanuma Pirezidaanti Mangistuun biyyaa baqatan keessatti TPLF Finfinnee erga to'ateen bulchiinsi Dargii kufuun ni yaadatama.
Leetanaal Kooloneel Fissihaa dabalatee aanga'oonni motummaa duraanii biyya keessatti argaman ajjeechaafi yakkawwan namoomaa raawwatamaniin himatamuun adeemsa dhaddachaa waggootaaf gaggeefameen hidhaan itti murtaa'ee ture.
Leetanaal Koolooneel Fisihaan erga waggoota 20'f hidhaarra turaniin booda waggoota 10n dura dhiifamaan gadhiifaman.