Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan qondaalota olaanoo Dargii lama gadi dhiisuuf jetti
Waggoota 30 oliif Imbasii Italii Finfinnee jiru keessatti dahatanii kan turan qondaaloti olaanoo Dargii lama guyyoota muraasa itti aanan gadi dhiifamuu malu jedhe Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa.
Qondaaloti olaanoo lamaan koloneel Biraanuu Baayih fi leetanaal jeneraal Addis Tadlaa mootummaan dargii kufuu hordofee imbaasii Italii Finfinnee jirutti kooluu galan.
Koloneel Biraanuu Baayih yeroos ministira haajaa alaa kan turan yoo ta'u leetanaal jeneraal Addis Tadlaa ammoo itaamaazhor shuumii waliigalaa Waraanaa turan.
Bara 1991 ADWUIn Finfinnee to'achuun guyyaa tokko dura Imbasii Italii Finfinnee jirutti kan kooluu galan qondaalota olaanoo afur turan.
Pirees Seektreetariin Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa Obbo Awwal Sulxaan BBC'tti akka himanitti qondaaloti kun amma dura murteen du'aa itti murtaa'ee ture.
Gaaffii Abbaan Alangaa Waliigalaa dhiyeesseen pireezidantiin Itoophiyaa Saahlawarq Zawudee murtee du'aa qondaalota lamaanii gara hidhaa umurii guutuutti gadi xiqqeessaniiru jedhan Obbo Awwal.
Murteen du'aa kan irratti murtaa'e wayita aanga'oota mootummaa Dargii turan yakka raawwataniin ture.
Obbo Awwal akka jedhanitti imbasiin Italii namoonni lamaan waggoota 30f mirgi socho'uu isaanii daanga'ee turuun isaanii sirrii akka hin taane eeruun Abbaa Alangaa Waliigalaaf akka gadi dhiifaman gaaffii dhiyeesse.
Imbaasichi waggoota kana mara deeggarsa homaatuu gochaafi akka hin turreefi aanga'ootni lamaan deeggarsa maatii isaaniin turuu beeksiseera jedhan.
Umuriin waan dulloomaniif akkasumas fayyaan isaanii haala gaariirra waan hin jirreef osoo gadi dhiifamanii jedhee imbaasichi gaaffii dhiyeesse jedhu Obbo Awwal.
Boordiin Dhiifamaa fi Araaraa Abbaa Alangaa Waliigalaas dhimma isaanii erga qoratee booda murteen du'aa gara hidhaa umurii guutuutti akka xiqqatuuf duree biyyaaf gaaffii dhiyeessee mirkaneessiseera jedhan.
Itti aansuunis qondaalonni kunneen bifa hidhaa fakkaatuun waggoota 30 waan turaniif hidhaan umurii guutuu irraa shallagameefi akka gadi dhiifaman mana murtiif gaaffiin ni dhiyaata jedhan.
Manni Murtii dhimmicha ilaalee akka bahan yoo murteesse guyyoota muraasa itti aanan akka bahan taasifamu jedhan Obbo Awwal.
Loltoonni ADWUI Finfinnee qabachuuf torbeen tokko yoo gafu pireezidantiin yeroosii Mangistuu Hayilamaariyaam aangoo fi biyya gadi dhiisanii Zimbaabuweetti baqatan.
Kana hordofuun ture qondaaloti olaanoo kunneen imbaasii Italiitti kan koolu galan.
Mootummaan Itoophiyaa qondaalota kana dabarsee akka kennuuf mootummaa Italiif irra deddeebiin gaaffii dhiyeessullee Italiin gaafficha kufaa gochuun namoota kanaaf dahoo taatee turte.
Kanaaf jecha qondaaloti olaanoo kunneen bakka hin jirretti himatamanii murteen du'aa itti murtaa'e.
Yeroos aanga'oonni imbaasichatti kooluu galan saddeet yoo ta'an, afran isaanii fedha isaaniin imbaasicha gadi dhiisanii akka bahan himama.
Warra amma haa gadi dhiifaman jedhaman lamaanitti dabalataan torbee tokkoof Mangistuu bakka bu'uun biyya kan bulchan leetanal jeneraal Tasfaayee Gabrakidaan fi Ministira Muummee Itti aanaa kan turan Obbo Hayiluu Yimanuus waggoota dheeraaf imbaasicha keessa aturan.
Boodas sababa gara garaan achuma keessatti lubbuun isaa darbuutu himama.
Qondaaloti olaanoo mootummaa Dargii hedduun murtiin hidhaa umurii guutuu fi du'aa itti murtaa'ee kan ture yoo ta'u irra hedduun isaanii hidhaa waggaa 20 booda dhiifamaan gadi dhiifamuun isaanii ni yaadatama.