Ahmadreza Djalali: Siwiidiin doktaricha du'aan adabuuf karoorfachuutti yaada'u himte

Madda suuraa, Center for Human Rights in Iran
Minisiteerri Dhimma Alaa Iswiidiin, gabaasaaleen Iraan doktara lammii Isiwidiiniifi Iraan ta'e baatii kana keessa du'aan adabuuf karoorsuun ''garmalee yaaddeessaadha'' jedheera.
Maddeen ejansii oduu Isna kan walakkaa qondaala-Iraan ta'eetti akka hinamiitti, Ahmaadreza Dijalali kan umuriin waggaa 50 Caamsaa 21 du'aan adabama.
Ministirri Dhimma Alaa Iswiidiin, Aan Lindee toora tiwiitaraatiin akka jedhaniitti, Iswidiiniif Gamtaan Awurooppaa adabbii du'aa kana balaaleeffachuun Dijalalii akka gadhiifamuu gaafataniiru.
Oggeessi wal'aansa hatattamaa kunis 2016 keessa osoo imala hojiirra jiru hidhamuun Israa'eeliif basaasta jechun himatame.
Waggaa itti aanuus Mana Murtii Warraaqsaatiin Teehiraan keessatti duuti itti murtaa'e. Kanas gareewwan mirga namoomaatiif falman murtee haqa maleessa jechuun balaaleeffatanii ture.
Haata'u malee haakiimni kunis dirqamaan dararameefi ijoolleefi haadha warraa isaa Iswiidiniitti aragama fa'i akka ajjeessan dorsiisuun balleessaa raawwachuu ''akka amanu'' taasifamuu himeera.
Akkasumas maqaa akaadaamii isaatti fayyadamuun Insititiyuutii Awurooppaa keessatti Iraaniif basaasuu waan dideef akka ajjeefamu itti himamuullee himeera.
Muddee 2020 keessa Dijalalin qondaaltoota mana hidhaa Evin kan Teehiraan keessa jiruutiin murteen du'aa isaa hojiirra oolfamuuf akka jiru itti himamee ture. Haata'u malee qofaatti baatiiwwan shaniif du'a eeggataa akka tureefi booda ammoo gara mana hidhaa sirreeffamoota kaaniitti deebiifamutu himame.
Guyyaa Roobii eejjansii oduu Isnaa ''maddeen beekan irraa akkan dhagaheetti, Dijalali dhuma baatii kanaa ykn Caamsaa 21tti ni ajjeefama'' jechuu gabaaseera.
Haata'u malee qoondaaltoonni seeraa Iraan odeessa kanarratti yaada hin kennine akkasumas miidiyaalee motummaatinis hin gabaafamne.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X














