Jarmaniin himannaa beenyaa bara Naaziitiin walqabatee Xaaliyaanii mana murtii UNtti himatte

Madda suuraa, Getty Images
Jarmaniin himannaa yakkawwan waraanaa bara Naazii raawwatameef Xaaliiyaaniin beenyaa akka kanfaltuuf mana murtii Olaanaa UN irratti dhiyeessite.
Himannaa Mana Murtii Idil-addunyaa (ICJ)tti dhiyaateen, Xaaliyaaniin himannichi bara 2012tti kufiifamulleen ammas manneen murtii biyya keessaatiin akka itti fufuuf hayyamtee jirti jetti Jarmaniin.
Akka jedhutti, erga murteen darbee kaasee Xaaliyaanii keessatti himannaawwan haaraan 25 ol banamaniiru.
Muraasa isaanii keessatti ammoo, manneen murtii Jarmaniin beenyaa akka kanfaltuuf murteessaniiru.
Barliin sababii himannaawwan lama deemaa jiranii kanneeniin qabeenyaawwan mootummaa Jarmanii Room keessatti argaman kanfaltii beenyaatiif qabaman, kan ka'ee himannaa kana amma dhiyyeessu himti.
Manni murtii Xaaliyaanii keessaa tokkoos gamoowwan kan muraasni isaanii manneen Aadaa, Seenaa fi dhaabbilee barnootaa Jarmanii, ta'an ilaalchisee akka gurguramaniif Caamsaa 25 akka murteessu himeera.
Himannichi garuu bara 2008 yeroo manni murtii olaanaa Xaaliyaanii Jarmaniin akka firoota namoota 203 humnootii Jarmaniitiin bara 1944 keessaa Tuscany'tti ajjeefamaniin beenyaa Yuuroo miiliyoona 1 (Paawundii 840,000) murteesseen wal qabata.
Jarmaniin ammoo biyyootaa Waraana Addunyaa lammaaffaan miidhamaniif erga waraanichi bara 1945 keessa dhaabbateen booda yuuroo biiliyoonoota kanfalu himuun mormiti.
Kanaafuu, Xaaliyaaniin ''dirqamaa Federaalli Riippablika Jarmanii balaa qaqabuun hin oollee seera idil-addunyaa jalatti argachu qabdu cabsiite jirti'' jechuun komatti.
ICJ'n murtee dabarsuuf waggoota akka itti fudhatu beekamaadha, garuu Jarmaniin hanga daangaan dhimmicha ishee hanga ilaalamuutti Xaaliyaaniin qabeenyaa kamuu gurguruuf caalbaasiif akka hin dhiyeessine akka dhaabsiisuuf mana murtichaa gaafattee jirti.
Manni Murtii Idil-addunyaa kan Heegiitti argamu, waldhabdee biyyootta jidduutti mudatuuf furmaata seeraa kennuun gahee isaa olaanaa kan ta'e qaama haqaa UNti.













