Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiverpuul 2-0 Vilaariyaal: Gareen Yargen Kilooppi Shaampiyoonsi Liigii walakkaa xumuraa, tapha marsaa jalqabaan milkaa'eera
Liiverpuul xumura Shaampiyoonsi Liigii biraaf dhaqabuuf tapha marsaa jalqabaan ol aantummaan dirree isaa Anfiildi irratti Vilaariyaal mo'ate.
Gareen Yargen Kilooppi garee haalaan qindaa'e Unaay Emiree cabsuuf obsaa fi yeroo isaan gaafatee ture.
Liiverpuul carraa hundaa uumanis hanga galchiin jalqabaa argamtutti ittifamanii ture. Kubbi Yordaan Hendersan dabarsaa ture taphataa Vilaariyaali Pervis Estupiyaanitti bu'uun gara galchii isaaniitti seente.
Kun haala taphichaa jijjiireera. Sadiyoo Maaneen kubba mo Saalaan haalaan miidhaksee jenneef gara galchiitti jijjiiruun carraa Liiverpuul xumuraaf gahuuf qbau bal'ise.
Taphni marsaa lamaffaa dirree Vilaariyaal irratti Kibxata dhufu taphatama. Liiverpuul haala amma jiruun xumura waancichaaf Maanchister Siitii ykn Riyaal Maadirid waliin Paarisitti kan wal argan fakkaata.
Kilooppi gara xumuraatti dhiyaachuun Yordaan Hendersanii fi Maanee jijjiiruun baase. Fuulduratti taphootni Piriimer Liigii hafanis haalaan murteessaadha. Kilooppi taa'umsa jijjiirraa irraa taphattoota akka Diyeegoo jootaa, Roberto Firminoo qaba. Akkasumas ji'a Amajjiitti kan mallatteesisan Diyaaz sarara duraa irratti humna addaa isaaniif kenneera.
Leenjisaan Vilaariyaal xumura taphichaa irratti taphattootni isaanii kubba haalaan qabatanii yoo taphataa turan ammallee abdii akka qaban fuula isaanii irraa mul'ata ture.
Emireen Siiviyaa waliin waancaa Liigii Awurooppaa yero afur injifataniiru.
Shaampiyoonsi Liigiidhaan kilaboota akka Juvantasii fi Baayerni Munik injifachuun as gahuu jedhamee eegamuu baatus dhugoomsaniiru.
Ammas dirree isaanii irratti tapha marsaa lammaffaan abdii kan qaban fakkaata. Unaay Emireen leenjisaa Siiviyaa yeroo turan bara 2015 keessa waancaa Liigii Awurooppaan Liiverpuuliin mo'achuun waancaa fudhachuun isaanii ni yaadatama.
Liiverpuul bara kana waancaa afur injifachuuf dorgommii hunda keessa jira.