Arsenaal v Maan Yuunaayitid: Morkii sadarkaa 4ffaa, Arsenaal fi Maan Yuunaayitid taasisan haalaan kan eegamu taha

Arsenaal hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuu argachuuf jecha har’a Man Yuunaayitid waliin morkii cimaa taasisa.

Arsenaal tapha Chelsii waliin taasise irratti 4 fi 2’n injifachuun gahumsa guddaa agarsiise.

Taphataan sarara duraa Arsenal Aleksaander Lakaazeet har’a ni hiriira jedhamee eegama.

Laakaazet tapha Chelsii waliin taasisan irratti daqiiqaa xumuraa irratti kan jijjirame gale yoo tahu, dhibee Covid irraa bayyaannachaa ture.

Takehiro Tomiyaasuu erga ji’a Amajjii yeroo jalqabaaf har’a jalqaba irratti ni hiriira jedhamee eegama.

Gama man Yuunaayitidiin Kiristaanoo Roonaaldoon gadda du’a mucaa isaan booda har’a ni taphata. Akkasumas Raafaa’el Vaaraan ittisa irratti sarara gidduun ammo Iskoot Toomineen miidhama irraa deebi’aniiru.

Pool Poogbaan miidhama isa mudateen hanga xumura bara dorgommii knanaatti gara dirreetti kan deebi’u miti.

Poogbaan tapha Man Yuunaayitid Liiverpuul waliin taasisee 4 fi 0’n mo’ame irratti daqiiqaa 10ffaa irratti miidhamee dirreedhaa bahe. Poogbaan waliigaltee kilaba isaa waliin qabu bara kana waan xumuraa jiruuf bilisaan kilabicha gadhiisee deema jedhamee eegama.

Poogbaan paawondii miliyoona 89 tahuun Juvantas irraa gara kilaba isaa duraanii Yuunaayitiditti deebi’us gahumsa isa irraa eegamaa ture irra gahuu hin dandeenye.

PSG, Riyaal Maadiridii fi Juvantas taphataa kana bilisaan fudhatu jedhamee eegama.

Tapha har’aa kana irratti Arsenaal gahumsa Chelsii irratti agarsiise dabaluun sadarkaa 4ffaan xumuruu isaa gara mirkaneeffachuutti dhufa jedhe Maarki Laawuroo, xiinxalaan kubba miilaa BBC.

Maanchister Yuunaayitid bara dorgommii dhufuuf leenjisaa haaraa Erik Ten Haag qacareera.

Kilabni biraa sadarkaa hanga arfaffaa keessa galuun xumuruuf morkii cimaa taasisaa jiru ammoo Tootenaamidha.

Dirree Bireentifoorditti imaluun kan morkatu taha. Leester Siitiin akkasuma Aston Viillaa waliin taphata.

Shaampiyoonaan bara darbee fi bara kanas qabxii 1’n Liiverpuuliin caalee liigicha dursaa kan jiru Maan Siitiin ammo Waatfoordi waliin taphata.