Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yuukireen: Putiin biyyi kamiyyu waraana Yukireen gidduu gallaan deebii hamaan akka isa eeggatu akeekkachiise
- Barreessaa, Yaroslav Lukov
- Gahee, BBC News
Biyyi kamiyyuu waraana Yukireen gidduugaluu yaallaan deebii ''akka bakakkaa cimaafi saafisaatu'' eeggata jedhan pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Putiin.
''Meeshaa namni tokkollee ittiin of hin tuulle hundaa qabna... barbaachisaa taanaan isas ni fayyadamna,'' jedhan. Dubbiin Putiin kun Balistik Misaa'eliifi hidhannoo niwukileeraa akka jedhanitti hubatame.
Michoonni Yukireen meeshaa waraanaa dhiyeessuu dabaluun hirmaataa jiru. Ameerikaan akka Yukireen Raashiyaa injifattuu barbaaddi.
Qondaalonni biyyoota Lixaa Raashiyaan baha Yukireenitti danqamuu himu.
Torban darbe Raashiyaan naannoo Kiyeevii bahuun Baha Donbaas qabachuuf haleellaa jabaa bante. Garuu akka qondaalli tokko jedhanitti ''humnoonni Raashiyaa diddaa cimaa Yukireen cabsuun itti ulfaachuun mo'amaa jiru'' jedhe.
Gama biraan Komishiniin Awurooppaa erga Moskoon dhiyeessii gaazii gara Poolaandii fi Bulgaariyaatti taasiftu adda kuttee maqa balleessiidha jechuun himate.
Pirezidaantiin komishinichaa Ursulaa von der Leven kun Raashiyaan dhiyeessiisdhaan kan ''irratti hin hirkatan akka hin taane'' agarsiisa jedhan.
Kireemiliin Raashiyaan gara tarkaanfii kanaatti kan galte ''adeemsa michummaa hin qabne'' biyyootni Lixaa fudhataniini jette.
Gazprom dhiyeessii kan adda kute Poolaandii fi Bulgaariyaan kaffaltii gaazii maallaqa Raashiyaa Rabilsidhaan [rouble] kaffaluu waan didaniifi.
Kun murtoo Putiin ji'a Bitootessaa keessa fudhatan yoo tahu, qoqqobbii biyyota Lixaan maallaqni biyyattii akka malee gadi bu'eera.
Putiin dubbii akeekkachiisaa kana kan dubbatan Roobii kaleessaa St Piitersibargitti wal gahii qaama seera baastuu waliin godhan irrattidha.
Yoo qaamni alaa tokko dhimma Yuukireen gidduugalee Raashiyaa irratti yaaddoo tokko kan uumu tahe, deebiin keenya akka saffisa balaqqeessaa taha,'' jedhan.
''Meeshaa hundaa [deebii kennuuf oolan] 7kan qaamni tokko ittiin of hin tuulle qabna. Kanaan of tuuluuf miti, barbaachisaa taanaan ni fayyadamna,'' jedhan.
Hogganaan Raashiyaa kun deebiin sun maal akka tahuu qabu hunda irratti murteen darbee akka jirus himan, garuu ibsa bal'aa hin kennine.
Raashiyaan Guraandhala 24 Yuukireen weerarte. Guyyoota muraasa booda Putiin humna hidhannoo niwukileeraa biyyattii akka qophaa'an ajaja dabarse.
Xiinxaltootni ammoo doorsifni akkasii kun michoonni Yuukireen akka gidduu hin seeneef kan godhamudha jedhan.
Putiin kana kan dubbatan guyyaa biyyootni Lixaa Jarmanitti wla gahuun deeggarsa waraanaa Yuukireen akka dabalan waadaa galan irradha.
Hogganaan Humna Ittisaa Ameerikaa Liyod Oostiin Yuukireen waraanicha akka mo'attuuf ''samii fi lafa'' akka sochoosan himan.
Tibbana deeggarsa Yuukireen tahu irratti ammayyuu waamichi kan dabale yoo tahu Jarman imaammata isheen ala taankii farra haleellaa qilleensa irraa 50 akka Yuukireeniif ergitu himte.
Pool Admasi gabaasaan dhimma dippilomasii BBC Yuukireen keessa waktii roobaa tahuun isaa loltoota Raashiyaaf mijataa hin taane jedhe.
''Loltootni Raashiyaa rooba keessa waraanuu hin jaallatan,'' jedhe qondaalli tokko. Kanaafuu bakka hedduutti rakkoon loojistikii kan isaan mudate yoo tahu hubannaa tooftaa waraana naannichaas hin qaban jedhe.