Waraana Raashiyaa-Yukireen: Ameerikaan Raashiyaa dadhabduu taate arguu barbaaddi jedhan ministirra ittisaa US

Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyid Awusteen Raashiyaan Yukireen keessatti injifatamuun hoggansi biyyattii gocha walfakkaataatti akka hin deebine hamilee dhabsiisa jedhan.

Awusteen itti dabaluun akka jedhanitti, Yukireen deeggarsa sirrii ta’ee yoo argatteefi tattaffii waraanni ishee gochaa jiraniif yoo galateeffatte waraanicha ammas taanaan injifachuu dandeessi jedhanii ibsan.

’’Nuti Raashiyaa dadhabdeefi sadarkaa ammaa wayita Yukireen weerarte raawwatte kana raawwachuu akka hin dandeenye akka taatu arguu barbaanna,’’ jedhan Hogganaan Waraana Ameerikaa kun.

Awusteen kana kan dubbatan Pirezedantii Yukireen Voloodimiir Zeleniskii waliin magaalaa Kiyeevitti wal arganii erga mariyatanii booda ture.

Awusteen, Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkeen waliin ta'uun kan biyyattii dawwatan yoo ta’u, daawwannaan isaanii kunis qondaaltonni olaanoo Ameerikaa erga biyyattiin ji’oota lamaan darbe kana weeraramtee asiitti kan jalqabaati.

Garee qondaalota Ameerikaafi Yukireen sa’aatiiwwan sadiif kan walgahan yoo ta’u, wayita Raashiyaan Kibbaafi Baha Yukireenitti duula gaggeessitu yeroo hammeesitettidha.

Dawwannaa kana booda Poolaanditti Awusteen gaazixessitootaan, "qondaaltonni Ameerikaa Yukireen waraana kana ammas injifachuu dandeessi jedhanii amanu, garuu kan injifachuu dandeessu meeshaalee waraanaa sirnaafi deeggarsa sirrii yoo argatte," jedhan.

Namni ganna 68 Awusteen, Ameerikaa deeggarsa meeshalee waraanaa $ miliyoona 700 fi miliyoona 13 mootummaa Yukireeniifi mootummoota biyyoota Awurooppaa Raashiyaan nu weeraruu malti jedhanii sodaatan gargaaruuf oolu ramaduu beeksisan.

Deeggarsi Ameerikaa nageenyaaf jecha kennite kun kan biyyattii erga Yukireen weeraramtee asitti kenniteef waliigalatti doolara Ameerikaa biliyoona 3.7’n gaha.

Zeleniskiin biyyoonni hongantoonni biyyoota Lixaa meeshaalee waraanaa biyyattiif kennaan akka ol guddisaan gaafachuun, humnoonni waraanaa Yukireen jeettiwwaan waraanaafi meeshaalee waraanaa biroos yoo deeggarsaan argatan waraana Raashiyaa akka injifatan dubbatan.

Torban darbe Ameerikaan waraana Yukireeniif madfiiwwaniifi raadariiwwaan farreen meeshaa waraanaa dhohanii dhiyeessuu yeroo jalqabaaf mirkaneessiteetti.

Waashingiteenitti ambaasaddarri Raashiyaa akka jedhanitti, Mooskoon dhaamsa dippiloomasii barreeffamaan Ameerikaan meeshaalee waraanaa Yukireeniif akka hin dhiyeesine gaafatu Ameerikaaf ergiteetti jedhan.

Kun haala kanaan otoo jiruu, Bilinkeen akka jedhanitti dippilomaatonni muraasni torban itti aanurraa kaasee gara Yukireenitti akka deebi’an ifoomsan.

Hojjattoonni kunneen Dhiha Yukireen magaalaa Liviiv keessa akka maadheeffatan kan ibsame yoo ta’u, karoora yeroo dheeraa keessatti ammoo imbaasiin Ameerikaa magaalaa guddooYukireen Kiyeevitti akka banamutu eegama.

Kun kan dhagaame Waayit Haawus Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideen, Birjet Biriink akka Yukireenitti ambaasaddara Ameerikaatti muuduuf jiran ifoomsetti.

Bilinkeen tarkaanfiin dippiloomasii Ameerikaan fudhatte bulchiinsa Pirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Putin irratti dhiibbaa uumeera jedhanii gaazixeessitootatti himan.

‘’Tarsiimoon hojiirra oolchine deeggarsa guddaa Yukireeniif kan argamsiise, dhiibbaa guddaammoo Raashiyaarratti kan uume yoo ta’u, biyyoonni 30 ol tattaafffi kanatti dabalamuun bu’aa qabatamaa ta’e argamsiise,"jedhan Bilinkeen.

"Yoo kaayyoo Raashiyaan waraana banteef ilaallu Raashiyaan kufaa jirti, Yukireen ammoo milkaa’aa jirti," jedhan.

Bilinkeen, walabummaafi bilisummaan Yukireen Putin waraana bananii olitti yeroo dheeraaf barbaachisaa akka ta’e kaasaniiru.

Pirezedantiin Yukireen Zelenisiin, "bulchiinsikoo deeggarsa Ameerikaan nuuf goote ni dinqisiifata, deeggarsa kana ni arganna jennee hin eegne," jedhanii Pirezedantii Ameerikaa dhuunfattis ta’ee, uummata Yukireen bakka bu’uun galateeffatan.