'UKn kolu-galtoota Ruwaandaatti erguun waan Waaqayyo hin jaallannedha' - Arkibishoop Welbii

Mootummaan namoonni kolu-galtummaa gaafatan Yunaayitid Kingidam (UK) irraa gara Ruwaandaatti erguuf karoorsuun isaa "faallaa hojii Waaqayyooti, gocha sodaa Waaqayyoo malee taasifamudha," jechuun qeeqe Arkibiishoppiin Kaanterberii.

Arkibiishoop Jestiin Welbii lallaba Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun taasisaniin, "Du'aa ka'uun Kiristoos yeroo itti-gaafatamummaa keenya irraa dabarsinee kontiraata laannu miti," jedhe.

Lallabuma guyyaa Ayyaana Faasikaa kanaa irratti waraanni Yuukireenitti gaggeeffamaa jiru waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamuuf waamicha kan dhiyeesse yommuu ta'u, yaaddoo qaala'insa jireenyaa irratti qabus ibseera Arkibiishippiin kun.

Mootummaan namoota kolu-galtummaa gaafatan gara Ruwaandaatti erguuf karoorfachuun isaa, "lubbuu namootaa warra seeraan ala namoota daddabarsanirraa eeguuf jijjiirama barbaachisuu isaa agarsiisa," jechuun sababa dhiyeessuun ibseera.

Baqattoonni karaa seeraan alaa gara UK seenuun gaaffii kolu-galtummaa dhiyeessan gaaffii isaanii ilaaluufi keessummeessuudhaaf gara biyya Afrikaa Bahaa, Ruwaandaa geessuun baasii Paawondii miliyoona 120 gaafata jedhameera.

Karaaro kana ammoo mormiin gudaa mudachaas jira.

Dhaabbileen gargaarsaafi gareewwan duula gaggeessan 160 ta'an karoora UKn torban kana keessa ifoomsite kana "gocha gara-jabeenyaati" jechuun ministiroonni yaada isaanii akka jijjiirrataniif akeekkachiisaniiru.

Gama paartile mormitootaafi namoota leellisummaan beekaman tokko tokkollee karoora kana qeeqaniiru.

Arkibiishoppiin Kaantibarii Weelbii, "Namoota kolu-galtummaa gaafatan gara biyya alaatti erguuf yaaduu irratti gaaffiin naamusaa" akka jiru dubbata.

"Dhimmicha siyaasadha; wanti godhan garuu hayyama Waaqayyoorratti hundaa'ee ta'uu qaba; akkas ta'uu garuu hin qabu ture," jedha.

"Itti-gaafatamummaa keenya bahachuu waan hin dandeenyeef akka itti-gaafatamummaa biyya dudhaawwan Kiristaanaa irratti hundoofte tokkootti bahachuu hin dandeenye. Kun ammoo amala Waaqayyoo isa kufaatii keenyaafi cubbuu keenyaaf itti-gaafatama fudhate waliin wal faallessa," jedhe Arkibiishippichi.

Qeeqa Arkibiishooppicha dhiyeessan ilaalchisuun Ministirri Dhimma Biyya Keessaa UK deebii deebisaniin, UKn warra rakkatan gargaaruudhaan seenaa boonsaa akka qabdu eeruun, gaaffiiwwan kolu-galtootaa kuma hedduutti lakkaa'amaniif "karaa naga abeessaafi seera-qabeessa ta'een" jireenya fooyyaa'aa akka kennan yaadateera.

Haata'u malee, "addunyaan haala kanaan dura argamee hin beekneen rakkoon baqattummaa mudateera waan ta'eef warri seeraan ala namoota daddabarsan lubbuu namootaa balaarra akka hin buufneef dhorkuudhaaf sirna kolu-galtummaa idil-addunyaa akka hin taane ta'e foyyeessuudhaaf jijjiiramni ni barbachisa," jedheera dubbi himaan Ministeerichaa.

Ruwaandaan "naageenya kan qabduu" akka taateefi gaaffiiwwan kolu-galtummaa fudhachuudhaan bu'uura sera mirgoota namoomaa idil-addunyaatiin akka keessummeessitu ibseera Ministeerri Biyya Keessaa UK kun.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejensiin Dhimma Baqattootaa (UNHCR) namoota kolu-galtummaa gaafatan Yunaayitid Kingidam irraa gara Ruwaandaatti dabarsuun seera idil-addunyaa akka faallessu ibsuun isaa ni yaadatama.