Buufata baqattootaa UN Naannoo Amaaraa Daabaat jirutti haleellaan raawwatuun ibsame

Buufanni baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Naannoo Amaaraa, Kaaba Gondar magaalaa Daabaatitti argamu kan irra hedduu baqattoonni Eertiraa Tigraay turan keessa jiraatan hidhattootaan haleellaan irratti raawwatu UN hime.

Dhaabbati UN dhimma baqattootaa hordofu, UNHCR, baqattoota Naannoo Tigraay keessa turan bakkee nagaa fooyyee qabutti qubachiisuuf ture buufata kana kan hundeesse.

Kana dura baqattoonni Maayi Tsabirii bakkeewwan Maay Ayniifi Addi Haruush dahatanii turan buufata haaraa kanatti fidamuu UN ibsee ture.

Dhaabbatichatti Dubbii Himtuun Bahaa Afrikaafi Gireet Leekis Feeyiz Kisingaaa torban darbe gaafa Sambataa galgala haleellaan raawwatuu himan.

Hidhattoonni kunneen buufaticha seenanii haleellaa raawwataniin baqattoonni saddeet rasaasaan rukutamuun akka madaa'an ibsan.

Kanneen miidhaman wal'aansa fayyaa akka argataniifi haala gaarirra akka jiran himan.

Hidhattoonni kunneen lakkofsaan jaha akka ta'an kan ibsan yoo ta'u sababa kana raawwataniif garuu hin ibsine.

Haleellaa booda guyyaa itti aanu aangawoonni UNHCR fi eejansiin Itoophiyaa dhimma baqattootaa hordofu bakkicha dhaquun nageenya baqattootaa irratti mootummaa waliin haasa'u isaanii ibsaniiru.

Eenyummaan hidhattootaa kanaa akka hin beekamneefi poolisiin dhimmicha qorataa akka jiru ibsan.

Haala baqattoota Maay Tsabrii irratti argaman

Haalli baqattoonni Ertiraa Naannoo Tigraay Maayitsabirii keessa jiran hammaataa ta'u kanneen gara buufata baqattootaa Daabaat dhufan BBC'tti himaniiru.

Dubbii Himtuun UNHCR gama isaaniin buufata baqattootaa lama Maayitsabrii argamanitti baqattoonni 22,500 akka jiran ibsaniiru.

''Haala rakkisaa keessa jiru. Haalli isaa yeroodhaa yerootti hammaataa dhufeera,'' jechuun haala baqattoonni Ertiraa Maay Ayniifi Addi Haruush keessa jiran ibsan.

Itti dabaluunis abdii deeggarsa namoomaaf jecha mootummaan federaalaafi finciltoonni Tigraay waliigalaniirratti abdii qaban ibsaniiru.

Kaampiiwwan lamaan keessa haqinni bishaan qulqulluufi soorataa jiraachuu kan gaafataman qondaalli UN kuni baatii Guraandhalaa keessa gargaarsi geeffamuu himan.

Qondaaltota bakkichaa waliin mari'achuun midhaan metirik toonii 290 bakkeewwan Tigraay garagaraa irraa gara Shiree akka adeemu gochuu isaanii ibsu.

Baqattoonni sababa waraanaan haleellaa garagaraaf saaxilamuu isaaniin lafa nagaa qabu akka jijjiiraman gaafataa akka turan ibsan.

''Bakki baqattoonni jiran nageenyi isaa kan hin eegamne waan ta'ef bakka biraatti geessuu hin dandeenye.

''Baqattoota bakka biraa geessuuf ulaan nagaa qabu akka jiraatu mootummaa waliin haasa'aa jirra,'' jedhan.

Osoo lolli Tigraayitti ALI Onkololeessa 24, 2013 hin eegaliin dura lammiileen Ertiraa 100,000'tti siqan buufatawwan afur Naannoo Tigraay keessa jiran keessatti jiraataa turan.

Kunneenis Addi Haruush, Maay Aynii, Shimalbaafi Hitsaas jedhamu.

Haa ta'u malee, erga lolli eegalee booda qaami isaaniif eegumsa godhu waan hin turreef lola tureen kan du'an, kan madaa'an akkasumas qabeenyis barbadaa'u dhaabbileen mirga namoomaa ibsaa turani.

UN gama isaatiin baqattoota kanneen keessaa loltoota Ertiraan dirqiin gara Ertiraa kan fudhataman jiru jedhee ibsee ture.

Lammiileen Ertiraa dirqama biyyaalessaafi 'bulchiinsa abbaa irree' baqachuun gara Itoophiyaa baqatu.

Yeroo lolli Tigraayitti eegale baqattoonni kuma kudhaniin tilmaamaman Finfinnee dabalatee bakkeewwan biyyattii gara garaatti baqataniiru.

Walumaagala Itoophiyaa keessa baqattoonni lammiilee Ertiraa ta'an 200,000 ol akka jiran himama.