Baqattoota Eertiraa kaampiiwwan Tigraay keessaa baqataniif deeggarsi gahaan hin dhiyaanne jedhame

Baqattoonni Eertiraa, naannoo Tigraay kaampii baqattootaa keessa jiran, hedduun gargaarsa dhabuun, rakkoo hamtuuf saaxilamanii akka jiran baqattootni naannoo Amaaraa galan himan.

Baqattoonni kunneen, gariin fageenya dhiiraa miilaan imaluun, gara kaampii Daabaat jedhamu, naannoo Amaaraa keessatti qophaa'etti, godaanaa kan jiran yoo ta'u, achittille gargaarsa gahaa argachaa akka hin jirre himu.

Baqattootni Eertiraa kunniin kaampiiwwan baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiran Addi Haarish fi Maay Ayinii jedhaman irraa baqatan.

Baqataan, Firee'izgii Zaraay jedhamu, kaampii Daabaat jiru, daa'imman qorsa dhabuun, du'aa akka jiran hima.

"Baatilee lamaaf gargaarsi nuuf hin kennamne. Jaarroleen akka kootii guyyaatti al tokko qofa nyaanna. Ganama ykn guyyaa ykn ammoo galgala jechuudha. Guyyaa itti aanu laaqana ykn irbaata qofa arganna. Yaalli fayyaas hin jiru. Haadholiin ulfaa asitti dahan ijoolleen isaanii talaallii waan hin argatiiniif kan jalaa du'an jiru."

Baqattoota gara naannoo Amaaraa imaluun, kaampii Dabaat keessa jiraniif, gargaarsa qindeessaa kan jirufi, hojjetaa, dhaabbata tola ooltummaa 'Dagguu Saamraawii' jedhamuu, kan ta'e, Habta'aab Iyyoob, rakkoon jirtu hamtuu ta'uu hima.

"Lammileen Eertiraa kuma 25 ta'an kaampii Addi Haarish fi Maay Ayinii keessa jiru. Namoonni kun achitti ugguramanii waan jiraniif, hedduun isaanii beelaan du'aa akka jiran dhagahaa jirra'' jedhan Habta'aab.

''Moobaayilii isaanii fi waan qaban gurguranii beela miliqanii warri achii bahan ammoo miilaan imalanii gara Daabaat dhufaa jiru. Warri achitti hafan garuu haala hammaataa keessa jiru.''

Ofii waan ijaan argan akka hin qabne himanii taatullee kaampiiwwan Tigraay kan keessatti ''of fannisanii kan of ajjeesan akka jiran dhageenyeerra'' jedhan.

''Warra Daabaat dhufan gaafa dubbisnu imimmaantu isaan dursa. Jechaan ibsuuf rakkatu, imimmaan isaanii garuu ergaa dabarsu qaba. Daa'imman hedduun beelaan akka du'an himu, gariin ammoo beelaan du'uu manna jedhanii hudhanii akka of ajjeesan dubbatu.'''

Deeggarsa kan walitti qabaa jirAN manneen amaNtaa piroteestaantii jiranirraa uffataafi nyaata akka ta'e Qaala'aab ni hima.

''Akkasumas lammileen Eertiraa fi Itoophiyaa ala jiran nu gargaaru. Deeggarsi irra caalu lammilee Eertiraa ala jiran irraa dhufa. Ta'us gahaa miti.'' Nyaatni dhiyessaa jiran gahaa miti jedha.

''Ammatti baqatoota 1500 ta'an Daabaat gahanii jiru. Garuu yeroo yeroon kallattii lamaan waan dhufaniif lakkoofsi isaanii dabalaa jira. Guyyoota afurii hanga sagalii miilaan imalanii as gahu. Gaafa as gahan milli isaanii madaa'ee dhufu."

Waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraayitti eegaluu isaatiin dura baqattoonni Ertiraa kuma 100tti siiqan buufataalee naannoo Tigraay afur keessatti: Adii Haarush, Maayi Ayinii, Shimlbaafi Hitsaatsi keessaa akka jiran himama.

Erga waraanni eegaleen booda qaamni baqattoota kanneeniif eegumsa taasisu waan hin turreef, meeshaalee waraanaa humnootii lolaniin dhukaafamaniin balaa du'aafi miidhaa, akkasumas saamicha qabeenyaatiif saaxilamaniiru.

Baqattoota kanneen keessaa kan dirqamaan gara Ertiraatti deebiifaman jiraachus gabaasaaleen dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii ibsaniiru.

Erga waraanni eegaleen booda keessattuu, buufataalee Shimalbaafi Hitsaatsi keessa baqattootni turan garri caalu ajjeefamanii, ukkaafamanii fudhatamuufi bittineeffamu akka mudate gabaasaleen dhaabbilee Mootummoota Gamtomanii ibsaniiru.

Isaan keessaa kuma sagal kan ta'an gara Maayi Ayiiniifi Addii Haaruushitti dabarfamuun himameera. Kanneen 5,2000 ta'an ammoo Finfinneetti galmaa'uun himameera.