Shamarran Chibook: Intalli Booko Haraamiin butamtee booda jalaa baate tun maaliif akka addaatti ilaalamte?

    • Barreessaa, Adaobi Trishiyaa Nwaubaniin
    • Gahee, Abujaa irraa

Xalayaa walitti fufinsaan dhiyaatu gaazexeessitoota Afrikaa irraa nuuf ergaman miillana kan gaazexeessituufi barreessituun Naayijeeriyaa Tiriishiyaan Niwahubaanii shamarran Chibook keessaa tokko waliin turtii taasifte isiniif dhiyeessina.

Shammarran Chibook erga butamanii waggaa saddeet guutuuf jiran keessaa shamarree gaazexeessituun kun dubbiste, kanneen daree keessaa waliin butamanii deebi'an keessaa haala adda ta'een maaliif akka ilaalamte ilaalchisuun itti himte.

Tirishiyaanis akkas barreessite.

Haasaanaa Adaamuu erga hidhattoota Booko Haaraamiin mana barnootaa kaaba-bahaa magaalaa Chibook, Naajeeriyaa keessaa butamteen booda gara waggaa saddeetiin booda gadhiifamte.

Bilisa bahuun gara maatiisheetti deebii'uuf baayyee gammaddulleen, garuu akka shammarran dareeshee butamanii turanii gadi dhiifamanii kaaniitti kunuunsa addaa waan hin kennamneef itti dhagahmuu himti.

''Mootummaan wantoota gaariidhan akka na gargaaruun barbaada. Barnootatti deebii'ee jireenya fooyya'aa jiraachuun barbaada,'' jetti.

Shamarree waggaa 18 kan taate Adaamuun, shamarran biroo 200 ta'an waliin Ebla 14, 2014 halkan mana barnootaa keessaa butaman keessaa tokkodha.

Isheefii shamarran biroo lama Amajjii keessa gadhiifamuun maatiisaaniitti makaman. Walumaagalattis shamarran hanga ammaatti gadhiifaman 100 ol ta'u.

Bara 2016 fi 2018 jidduutti shamarran Chibook sadii Bosona Saambisaa bakka Booko Haaraam itti dahatu keessaa waraana Naayijeeriyaatiin baraaraman. Kanneen 103 ammoo marii mootummaa Naaijeeriyaafi milishoota jidduutti taasifameen gadhiifaman.

Gadhiifamun isaanis miidiyaaleefi hawaasa idil-addunyaa biratti mata-duree ijoo ta'ee ture. Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariis, bulchaa magaalaafi qoondaaltoota mootummaa olaanoo waliin akka magaalaa guddoo biyyattii, Abujaa deemuun isaan arganiif affeeraaman.

Baatiiwwan muraasa itti aananiifis shamarran kunneen mana bulmaataa ministeera dhimmoota dubartootaa kan Abujaa keessa tursiifaman. Achittis sagantaa bayyanachuu, wallaansa fayyaafi kunuunsa qor-qalbii dabalatu motummaan kanfalamee argataa turan.

Guyyaatti al sadii nyaanni dhiyaachaaf uffatalleen bilisaan argatan. Akkasumas, laabtoppiifi bilbilli kennameef ture. Keessummoota idil-addunyaa kan akka Maalaalaa Yuusaafzaayi, lammii Paakistaaniifi badhaafamtuu Noobeelii, kan bara 2012tti gara barnootaa deemusheetiif milishoota Taalibaaniin mataarra dhahamtee turteen fa'i doowwatamanii ture.

Isaan boodas, Yunivarsitii Ameerikaa Naayijeeriyaa (AUN)tti kan Yaaloo kaaba-baha Naayijeeriyaatti sagantaa addaa qophaa'eef akka barataniif ergaman. Sagantichi gutummaan kan kanfaltii hin qabneedha. Waggaa afuriin boodalleen shamarran Chibook AUN'tti hafuu barbaadaniin mootummaan ammalleen deegarsa taasisaa jira.

'Sababiin heerumeefii laata?'

"Shamarran mana barnootaa jiranidha attamiin mootummaan isaan kunuunsaa akka jiru kan natti himan,'' jetti Adaamun.

Isheenis erga gadhiifamteen booda hirriyootashee duraanii waliin bilbilaan wal agarti. ''Osoo mana barnootaatti hin ergamiin dura Abujaa turuulleen natti himaniiru.''

''Kun sababii nuti duubatti hafneefimmoo waan heerumneef laata? Tarii sababiiwwan kanaaf mootummaan nu hin kunuunsine ta'a,'' jetti.

Adaamuun waggaa lama dura yeroo bakka bakka butamte jirtutti loltuu milishaa Booko Haaraam tokkotti heerumte. Shamarran baayyeenis lakkii jechuun filmaanni qaban baayyee xiqqaa ture.

Abbaan manaa ishees opareeshinii cimaa irratti gaggeeffame hordofuun milishoota garichaa bara darbe mootummaatti harka kennatan keessaa tokko.

Waraanni Naayijeeriyaas milishoonni garichaa 7,000 ta'a toban Guraandhalaa tokko qofaatti harka kennuu hime.

Adaamuufi 'abbaan warraashee' gara baatii shaniif magaalaa Bornoo, Maadidugirii keessa tursiifaman. Isaan booda ammoo isheefi ijoolleen ishee lamaan gara warrashee, Chibookitti ergaman. Namtichi ammoo gara maatiisaa kan kaaba-baha daangaa magaalaa Baankiitti ergame.

''Innis gaa'ela dhugaa hin turre. Ofiifi ijoollee kiyyaaf jireenya fooyya'aan barbaada. Gonkumaa gara isaatti hin deebii'u,'' jetti.

Akkasumas, shamarran Chibook lama kan biroo, Ruut Nigaalaadaar fi Haalimaa Aliis abbaa warraa isaaniin adda bahaniiru.

''Ijoollee waliin gadhiisifamanii harka qullaa gara manaa ergaman,'' jedhu Yaakubuu Nikekii dura taa'aan waldaa maatiiwwan shamaran badanii. ''Shamarran sadan kunneen baayyee rakkataa jiru.''

Mootummaan shamaran Chibook gargaaruu dhiisuu jechuun, isaan ammalleen hafan 109 tarii osoo baqachuu danda'anii gonkumaa maatiitti hin deebii'an sodaa jedhu qabaachuu himu Mr Nkekiin.

Waa'ee shamarran Chibook irratti:

Ministirri Dhimmoota Dubartootaa, Daamee Paahulinee Taaleen, Pirezidaant Buhaariin shamarran Chibook booda keessa baraaraman dubbisuuf yeroo akka hin argannee natti himan. Yoo carraan argame garuu gammachuun ni raawwatu jedhan.

Barattoonni hataman muraasni maatiisaanii quunnamuun kaampii mootummaa keessa jiraachuu himan. Kaan ammoo magaaloota fagoo irraa maatiisaaniif bilbilaniiru. Odeeffannoowwan akkasii kunatu kana dura mootummaan akka isaan barbaadee addunyaatti isaan mul'isu taasise ta'uu mala.

"Shamarran shan ta'an bosona Saambisaa keessaa maatiif bilbilaa jiru. Isaanis gubbaa gaara Giwozaa irra akka jiran himan,'' jedhu Mr Nkekiin.

''Shan kan ta'an ammoo bulchiinsa mootummaa waliin jiru. Shamarran nuuf bilbilaa jiru. Shamarreen tokkoos osoo walgahii irra jirruu abbaaf bilbiltee, innis waan isheen jettu akka dhageenyuuf sagalee guddiftuu irra nuuf kaa'ee ture. Ishaanis shamarran Chibook ta'uu mootummaan beekuu isaa hin beeku.''

Buttaan manneen barnootaa dabaluu

Mootummaan waa'ee bakka jalqaba irraa butamanii hubachuun garaagarummaa hangasii kan fidu hin se'u. Shamarran Chibook takkaa balaafamtoota naasiisaafi hin baramneef saaxilamtoota ta'aniiru. Isaanis mana barnootaasaatii gamoo afur keessaa hataman.

Garuu waggoottan lamaan darban keessa, Naayijeeriyaan mudannoo hidhattootaan mana barnootaa namoota butuun maallaqa gaafatan hedduu keessumessite jirti.

Akka dhaabbata tikaa Naayijeeriyaa (SBM)tti, kaaba Naayijeeyityaatti baatii Guraandhala 2020- Fulbaana 2021 jidduutti baatiiwwan 19 keessaatti, yoo xinnaate baratoonni 1,409 mana barnootaa isaanitii butamaniiru.

Gadhiisisuuf ammoo yoo xinnaate Naayiraa miiliyoonni 220 ykn doolarri kuma 530 kanfalameera.

Mootummaan Naayijeeriyaa shamarran Chibook gadhiisiisuuf doolaaraa miiliyoona 3.3 garee Booko Haaraamiif kenfaluun kan himamu yoo ta'u, taatee dhiheenya keessa manneen barnootaa keessaa butuu keessatti garuu hirmaannaan mootummaa gadaanaa ture.

Kanaaf, maallaqa qaamoolee barattoota butaniin gadhiisuuf gaafataman kanfaluun maatiifi firoottan qofaan raawwatamee ture.

Xalayaawwan Afriikaa biraa: