Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaa: Biyya lammiiileen miidiyaa hawaasummaarra qoodan faana dhahuun gibira murtu
Xalayaa walitti fufaa gaazexeessitoota Afrikaa irraa ergamuun gaazexeessaa Jooseef Waarunguu lammiileen Keeniyaa maaaliif waa’ee dhimmoota miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniin yaadda’aa akka dhufan barreesseera.
Akkanatti yaadaa mee: iddoo miidhagaa tokkottii ayyaana dabarsitan haa jennu. Hooteela qananii tokko seentanii, nyaata gaarii ajajjan. Suuraa nyaata keessanii miidiyaa hawaasaa irratti qooddan.
Nyaata hiriyyoonni keessani baadiyyaa arganii hin beekne, isini immoo maqaasaallee sirriitti dhahuu hin dandeenye, yoo kana gootan malee maaliin beekama?
Battaluma suuraa keessan qooddaniin- yaada ‘’waaw sitti haa tolu!’’ jedhu argattu. ‘’Maal taha iddoo ati deemte otoo deeme namni jedhus hin dhibu.’’
Haa tahu malee, yeroo ammaa Keeniyaa keessa qaamni dhokatee nama hordofu jira. Gochaa tokkoon tokkoo namootaa hordofa, suuraa maxxansitu, nyaata, konkolaataa kee fi mana kooti jettee agarsiiftu hunda.
Qaamni akkanatti nama hordofu kuni Abbaa Taayitaa Galiiwwan Keeniyaa(KRA) dha.
Dhaabbatichi teekinolojii koominikeeshinii fayyadamuun taaksii akka kaffalchiisu himeera.
Kunis hubannoo nam-tolchee (AI), odeeffannoo wal-xaxoo kompitaraa biroos akka dabalatu himeera.
Kaameraan hin sobu
Dhaabbatichi teeknoloojiiwwaan kunneen fayyadamuun ala garee haala jireenyaa namoota gibira kaffalanii hordofu hundeesseera.
‘’Kunis takka takkaa miidiyaa hawaasaa namoota dhuunfaa ilaaluu akka dabalatu,’’ dubbii himaan KRA himaniiru.
Kuni mirga dhuunfaa namootaa hin dhiibuu jedheen gaafadhe.
‘’Lakki. Dhaabbatichi mirga dhuunfaa sarbu hin qabu hamma abbichi qabeenyasaa uummataaf miidiyaa hawaasaarratti maxxansetti,’’ jedhan.
Gaaffii koo itti aansuun qabeenyi miidiyaa hawaasaa irratti namni tokko agarsiisu yoo kan isaanii hin taane maalitti beektun jedhe.
‘’KRA’n galii fi gibirri namni sun kaffalaa jiru haala jireenyaa akkasiif ni gahaa kan jedhu karaatti mirkaneessinu qabna. Kana malees dhaabbatichi jaarmiyaalee mootummaa biroo waliinis odeeffannoo wal-jijjiira,’’ jedhan.
Koomishinariin waliigalaa KRA, teeknolojii sakatta’aaf tahu akka fayyadaman yeroo ibsan viidiyoon isaanii onlaayinii hedduu qoodamee ture, lammiileen Keeniyaas aariidhaan gibira isaanii beeksifachuu jalqaban.
Dhaabbatichi haala kanaan jijjiirama argeera.
‘’Lakkoofsi namoota hamma gibira kaffalanii beeksifachuu barbaadan haala dhaabbataa taheen dabaleera. Yeroo dhiyootiin asitti gibira kaffalanii waraqaa ragaa argachuuf lakkoofsi namoota iyyatanii harka 60 dabaleera.’’
Dhaabbatichi erga takkaa miidiyaa hawaasaa irratti namoota hordofuu jalqabee, fayyadamtoonni miidiyaa ammoo gama isaanii itti qoosu.
Abbaa Taayitaa Galiiwwan Keeniyaa mala haxxee kana akka fayyadamu maaltu kakaase?
Deebiinsaa salphaa dha - gibira barbaachisu kaffalachiisu.
Koronaavaayirasiin biyyattiitti bara 2020 erga argamee kaasee liqaan Keeniyaa akka malee dabaluun Shilingii tiriliyoona 1.42 gaheera.
Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) doolaara biiliyoona 2.3 Keeniyaaf yeroo liqeessu wanti waliin gaafate keessaa tokko biyyattiin galiishee akka ol kaastudha.
Kanumaaf fakkaata KRA’n onlaayinii lammiilee Keeniyaa kan hordofu.
Mootummaan KRA’dhaan, ’’namoota taaksii kaffalan haaraa miiliyoona lama argachuu galii guddisuu qabda,’’ jedheeraanii jechuun maddi sadarkaa olaanaarra jiru natti himeera.
Namootni kunneen eessaa argamu yoo jettan-miidiyaa hawaasummaati.
Haaluma kanaan dhaabbatichi hojjiitti gale, bu’aa yaadameen olitti argate. Ibsa baatii Onkololeessaa keessa baaseenis ji'a saditti karooraa ol hojjeteera.
Dhaabbatichi onlaayiniirraa gargaarsa akka argatus himeera.
‘’Lammiileen Keeniyaa onlaayinii jiraniifi KRA namoonni taaksii akka kaffalaniif onlaayinii hordofu irratti qoosuun viidiyoofaa hojjetan, namoonni akka taaksii kaffalan kakaaseera.’’
Anis ayyaana Qillleedhaaf yeroon suura ka’u tiishartii xurii fi jiinsi koo uffachuun murteesse.
Namni gibira sassaabuu akka natti bilbiluuf sababa kennuu hin qabu.