Lammiileen Siwiidin maaliif gibira kaffaluu jaalatu?

Ameerikaa dabalatee biyyoota baay'ee biroo keessatti namoonni waa’ee gibira kaffalanii yoo komii dhiyeessan dhageenya. Lammiileen Siwiidiin baay'een garuu faallaa kanaati. Gibira isaanii kaffaluu jaalatu.

Lammiileen Siwiidiin haala jireenyaa baay'ee mijataa tahe qabaachuun beekamu, kunis kaffaltii gibiraaf qarshii isaan kennan irraa kan ka’edha.

Barreessituu aadaa Siwiidiin kan tahan Sofi Tengsveden, Siwiidiin akka addunyaatti gatii gibiraa guddaa kaffalchiisuun beekamtuudha, haata'u malee, dhugaansaa kanarra xiqqoo wal-xaxaadha jedhu.

‘’Biyyattiin sirna gibiraa namoonni galii guddaa qaban warreen galii xiqqaa qaban caalaa gibira guddaa kaffalchiisu qabdi,‘’ jedhu.

Qarshiin gibiraa baay'eensaa barnoota, fayyaa fi deeggarsa maatiidhaaf oola jedhu barreessituun kuni.

Jiraattonni biyyattii, gibirri kaffalamu guddaa tahus deebi’ee faayidaa isaaniif akka oolutti amanu.

Fayyaa, mana-kitaabaa, daandii kuni hundi faayidaa isaaniif hojjetama ijaa taheef ‘’kaffaluudhaaf mataa hin marru,’’ kan jedhan illee jiru.

Ejansiin gibiraa Siwiidiin dhaabota baay'ee amanamoo tahan keessati.

Idaa Noorbarg Sooshiyoolojistii yoo taatu Siwiidinitti akka biyyoota biroo mootummaan namoota of-deeggaruu hin dandeenya qofa gargaara miti jetti

‘’Deeggarsi mootummaa lammiileen jireenya fooyya’aa akka jiraantan godhu lammiilee hunda kan ilaallatudha. Kanaafi gatiin gibiraas guddaa kan tahe, namoonnis kaffaluuf duubatti kan hin jenne’’ jetti.

Peel Kiliingweel nama ganna 32 fi abbaa ijoollee lamaati. Jaarmiyaa teeknolojii keessatti hogganaa biizinasiidha.

‘’Yunivarsiitii garaagaraa irraa digirii adda addaan qaba, kanas kaffaltii tokko maleen baradhe. Haati warraa koo yeroo deesse waggaa tokkoof walakkaaf otoo mindaa keenya argannuu eeyyamni nuu kennamee ture, daa’imni keenyi amma iddoo kunuunsa daa’immanii oolti isaafis doolaara 180 qofa kaffalla,’’ jedhe.

Haati warraa Peelis, ‘’waa’ee fayyaa keenyaa, waa’ee inshuraansii tasumaa hin yaaddofnu, ijoolleen keenyas akkasuma jireenya tasgabbaa’aa jiraatu,’’ jetti.

Peel hiriyoonni isaa gibira kana kaffaluu isaaniitiin gammadoo hin taane akka jiran hima. Garuu akka lammiilee Firaans fi Ameerikaa ifatti waa’ee gibira kaffaluu komii yeroo dhiyeessatan hin arginee jedha.

Idaan kana dura biyyattii keessatti gatiin gibiraa akka hir’ifamu taasifamee beeka jetti garuu kuni deeggarsa mootummaan godhurratti danqaa hamaadha jedhamee hin yaadamu.

Soofiin gamasheetiin sirni gibiraa amma jiru kuni egeree Siwiidiin haalli itti yaaddessu ni jiraataa jedhu.

Kanas godaantotaa fi jijjiirama haala qilleensaa waliin wal-qabsiisu.

‘’Deeggarsa mootummaan qarshii gibiraatiin godhu argachuuf lakkoofsa eenyummaa argachuun barbaachisaa dha, isa argachuun immoo baay'ee rakkisaa dha,’’ jedhu.

Kanaaf godaantota Siwiidiin galan ‘’akkuma lammiitti haa ilaallu moo akkam goona kan jedhu irraa warreen siyaasaa falmii ni taasisuu,’’ jedhu.

Peel rakkoowwan sirna kana danquu danda’an jiraatanillee hawaasni Siwiidiin garuu mootummaan qarshii keenyaan yeroo hunda waan gaarii hojjeta jedheeti amana jedha.