Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siwiidiin: Biyya waa'ee qabeenya ofii odeessuun safuu itti tahe
Magaalaa guddoo Siwiidiin Istookolmittis tahe Ostaramaal magaalaa dureeyyiin baayyee keessa jiraatan keessa doonii dhuunfaa isaaniitiin namoota basha'an arguun nama hin dinqu.
Suuqiiwwan meeshaalee miidhaginaa qaalii tahan itti gurguraman, hoteelonni namooti muraasni itti keessummeefaman haa jiraatuyyuu malee nama waa'ee qabeenyaasaaa ifatti himatu argachuun garuu salphaa miti.
Namni ganna 30 Roobart Ingamaarsan maallaqa isaa invasti gochuu haa jaalatuyyuu malee, ''qabeenya hangam akka qabu himuun garuu barbaachisaa natti hin fakkaatu,'' jedha.
Viktara dargaggoo ganna 24 dhaabbata beekamaa Siwiidiin tokko keessa qacaramuuf tahuusaa hima, mindaa isaa garuu dubbachuu hin fedhu, ''inni icciitii dha,'' jedheera.
Bara 1990 irraa qabee garaagarummaan qabeenyaa hiyyeeyyii fi sorreessota Siwiidiin jidduu jiru bal'achaa dhufeera.
Uummata keessa harka 20 kan tahan hawaasa isa kaanirra galii harka afur caalu argatu.
Madaala biyyoota baayyeetiin galii olaanaa argachuun milkaa'inatti lakkaa'ama. Lammiilee Siwiidiin biratti garuu waa'ee qabeenyaa odeessuun safuu dha.
Dureeyyonni kunneen waa'ee konkolaataa isaanii qananii, gamoo isaanii qaalii tahe dubbii kaasuu danda'u malee addabaabaayiitti hin dubbatan.
''Waa'ee horii koo yoon odeessu afuuftuu waanin tahe natti fakkaata'' jechuun dargaggoon tokko maaliif waa'ee qabeenyasaa akka hin odeessini dubbateera.
Istookolm keessa waggaa kudhaniif kan jiraatte Lolaa Akiinmaadee waa'ee aadaa Siwiidiin kitaaba maxxansiisteetti. Siwiidiin keessa namoonni waa'ee qabeenyaa odessuun itti hin tolu jetti.
''Lammiileen biyya kanaa waa'ee qabeenya isaanii odeessuurra waa'ee qunnamtii saalaa odeessuutu itti salphata jetti.
Gaazexeessituun ganna 28 Istiinaa Daalgiran waggaa dheeraaf Ameerikaa jiraattetti,'' Ameerikaatti waa'ee qabeenya kee yeroo odeessitu 'ishoo jabaadhu' siin jedhu Siwiidinitti hanga miindaaa kee yoo dubbatte 'nagaa hin qabduu?' siin jedhu,'' jetti
Biyya kanatti jechi 'Jaantalaan' jedhamu jira jechi kuni aadaa namni tokko eenyuniyyu nan caala jedhee akka hin yaanne kan hubachiisu dha.
Barreesituu Lolaan, aadaan kuni seera hin barreeffamne yoo tahu hawaasa keessatti wal-qixxummaan akka jiraatu hanga tokko gargaareera jetti.
'Jaantalaan' aadaa waa'ee qabeenya ofii akka hin odeessine dhorku qofa osoo hin taane, waa'ee waanta hin beeknellee akka hin odeessine dhorka.
Aadaa kanaan biyyattiin kan sooressiif hiyyeessi qixxee ilaalamu dha jechuu haa yaaltu malee warri sooreessaa soreessa hiriyyaa godhatu, waa'ee horii isaanis waliin odeessu. Kanaaf 'Jaantalaan' dubbi birqabaan ilaalamu dha jetti.
Dargaggooni aadaa kana morman garuu Siwiidiin keessa mul'ataati jiru. Waa'ee qabeenya ofii odeessuunis rakkoo akka hin qabne amanu.