Garaagarummaa wal-qixxummaa koorniyaa hambisuuf waggaa 99 gaafata

Garaagarummaan dhiiraafi dubartii gama siyaasa, diinagdee, fayyaafi barnootaa waggoota darban keessa hir'iseera. Akka dhaabbanni diinagdee World Economic Forum jedhutti garaagarummaa kana duuchuuf jaarraa tokko gaafata.

Dhaabbatni kun dubartoonni Baankii Addunyaafi Baankii Awurooppaa gurguddoo keessatti haa hojjetaniyyuu malee, biyyoota kanneen akka Fiindlaand, Jarmaniifi Niiw Ziilaand hogganaa jiraataniille dhiirota waliin iddoo qixxee qabaachuuf waggaa 99 gaafata jedha.

Ammallee dubartoonni akka addunyaatti sadarkaa ministirummaa qaban harka 21 hin caalan. Haa tahu malee dubartoonni hoggantummaan fakkeenya tahan jijjiirama kana ni ariifachiisu jedha.

Qaawwii koorniyaa gama diinagdeetiin jiru bara darbe waliin birqabaan yoo ilaalamu dabaleetu jira. Sababiinsaa immoo dubartoonni seektara saffisaan guddachaa jiru kan akka hojiiwwan kompitaraa to'annoo namaa malee hojjetaniifi hubannoo nam-tolchee keessa lakkoofsaan xinnoo waan tahaniifi. Sababii kanaanis hojii ala tahaniiru.

Gama kanaan UKn 15ffaa irraa 21tti kan gadi buute yoo tahu, kuni immoo biyyoota guddataa jiran irraa boodatti kan ishee hambiseera, warri guddatan immoo baayyee ishee caalaniiru, Ameerikaa garuu ammallee ni dursiti.

World Economic Forum UK kan gadi bu'uu dandeesse sababii dubartoonni sadarkaa minsiteeraatti jiran waan hir'isaniifi jedha.

Haa tahu malee UKn ammas garaagarummaa galii dhiiraafi dubartiin dhaan illee 58ffaa irratti jirti. Dhaabota teeknolojii keessatti lakkoofsi dhiirotaa kan dubartootaa ni caala.

Gama biraatiin UKn nama barnoota bu'uuraa argate qabaachuun, barattoota sadarkaa olaanoo galaniiniifi hojiiwwan ogummaa barbaadaniin ni dursiti.

Wal-qixxummaa koorniyaan Ayiislaanditu sadarkaa tokkoffaa irra jira. Iraaqiifi Yaman immoo warra dhumaa keessaati.

Biyyoota wal-qixxummaa koorniyaa 1-10

  • Ayislaand
  • Noorweey
  • Fiinlaand
  • Siwiidiin
  • Nikaaraguwaa
  • Niiw Ziilaand
  • Ayarlaand
  • Ispeen
  • Ruwaandaa
  • Jarmanii

Bara darbe WEF qaawwaa koorniyaa kana duuchuuf waggoota 108 fudhata jedheetu ture.

Hundeessaan dhaabata kanaa Kilaawus Shiwaab dhimma kanarratti hojjechuuf akkatti tarkaanfii ariifachiisaan fudhatamu qabu agarsiisa jedhan.

''Saffisa amma jiru kanaan wal-qixxummaa koorniyaa mirkaneessuuf waggaa dhibba caalaa hin fudhatu, dargaggoonni kana booda jiranis dhimma wal-qixxummaa irratti ilaalcha fooyya'aa ni qabaatu'' jedha