Xalayaa Afrikaarraa: Loltuun Somaaliyaatti dhalate Room keessatti maaliif kabajamuuf yaadame?

Xalayaawwan gaazexeessitoota keenya Afriikaa irraa nu qaqqaban keessaa, Ismaa'il Einashe Xaaliyaanoonni attamiin seenaa koloneeffannaa isaanii Afrikaa keessaa ilaalaa akka jiran gabaasa.

Manni marii Magaalaa Room jalqaba baatii kanaatti buufanii baabuuraa maqaa kaapteen Joorijiyaa Maarinkolaa kan lammii Xaaliyaanii Somaaliiyaatti dhalateefi miseensa mormituu Xaaliyaanitiin akka moggaafamuuf sagalee kenneera.

Innis bara 1945tti umurii 21tti buufata sakkata'insaa irratti loltoota Naazii bahaa turaniin itti dhukaafamuun ajjeefame.

Kunis erga Jarmaniin ifatti Xaaliyaan keessatti Waraana Addunyaa Lammaffarratti harka kennitee guyyaa lammaffarratti ture.

Buufanni ammaan tana ijaaramaa jiru kunis Ambaa Araadaam Ippoonio jedhamuun muggaafamuus ture.

Innis duula bara 1936 keessa faashiistootni meeshaa waraanaa kemikaalaatti fayyadamuun yakka waraana Itoophiyaatti raawwatanii kan mullisudha.

Jijjirraan moggaasa maqaa kunis duula Waxabajii keessa mormii 'Black Lives Matter' jedhamuun ajjeechaa lammii gurraacha Ameeriikaa Joordi Filooyiid walqabatee Ameerikaatti eegaluun addunyaa gutuutti gaggeefameen booda.

Gaazexessaa Maasimili'anoo eegalamee, roggeeyyii 'Black Lives Matter' deeggaramuun, gaazexessitoonniifi barreessitoonni Xaaliyaanii biroos deeggaraniiru.

'Qabsaa'oota gurraachaa'

Roogeeyyoonis jalqaba buufaticharraa eddoon maqaa 'abbaa irreettiin' moggaafamu hinjiraatu garuu kanneen seena qabeessa ta'an yaadatamu qabu jechuun barreeffama kaa'an.

Maarinkoolaan miseensa mormii cimaa kan ture yogguu tahu, "partigiano neroor" yookaan qabsaa'aa gurraacha jedhamuun beekama ture.

Bara 1953tti kabaja loltummaa olaanaa Xaaliyaanii Medaglia d'Oro al Valor Militare jedhamu wareegama daangaa maleessa taasiseef badhaafame ture.

Maarinkolaan bara 1923tti Maahaadaay, Magaalaa Laga Shalabee kan Kaaba Moqaadishootti argamu keessatti dhalate. Eddoon sunis yeroo sanatti Somaalii Laandii Xaaliyaaniitti beekamti turte.

Haatii isaa Ashkiroo Haasan lammii Somaaliiyaa yoo taa'tu abbaa isaa garuu qondaala raayyaa waraana Xaaliiyaanii Giuseppee Maarinkolaa ture.

Tibba sanattis koloneelefattooti Xaaliyaan ijoollee dubartoota Somaaliyaa irraa argatan amananii baayyee muraasa turan.

Garuu anbbaan Giuseppe Marincola ijoollee isaa lama amanuun ilmasaafi intalasaa Isaabeellaa fudhatee maatiinsaa akka guddisaniif Xaaliyaanittiin galate.

Isaabellaanis booda guddattee taatuu beekamtu taatee turte.

Giorgio Marincola mana barnootaa Room keessatti badhaasa argachuun barataa wallaansaa ta'uun barataa ture.

Osoo baratu garuu ilaalcha farra faashistiin hawwatamuu eegale. Bara 1943 keessatti mormii keessatti hirmaachuu eegale.

ODEESSAALEE XALAYAA AFRIKAARRAA DABRAN

Yeroo tokko to'annoo jala olfamuun akka faallaa adeemsa warra mirgaaf qabsaa'anii dubbatuf buufata raadiyootti geeffamee ture.

Garuu inni isaan kan bilisummaafi haqaa ummata addunyaatiif qabsaa'an jechuun dubbate. ''Anis kanaafin abbaa hirree irratti qabsaa'aa jira'' jechuun dubbate.

Boodas tamsaasni adda akka citu taasifamuun wayita reebamu sagalee ni dhaga'ama ture.

Rogeeyyiin haleellaa sanyiirratti xiyyeeffatu morman, buufatni baaburaa tokko maqaa Maarinkolaatiin qofa waamamee akka hafu hin barbaadan - seenaan koloneeffannaa Xaaliyaan ifatti bahee akka muldhatu barbaadu.

Isaanis aanga'oonni booddeetti deebii'uun Room keessatti magaalaa akka qulqulleessuu gaafataa jiru.

Haalli kunis Miilaan keessatti siidaan gaazexeessaa Indroo Montaanelii kan koloneeffannaa deeggaruufi shamarree lammii Eritraa waggaa 12tti fuudhuu amanee akka diigamu taasifameera.

Jijjirama dhugaa fiduudhaaf waa'ee darbeerratti hubannoon dhugaa dhufuu qabaata.

Seenaa koloneeffannaa Xaaliyaanii Afriikaa Bahaatti:

  • 1890: Mootummaan Xaaliyaan Eritiraa to'achuun koloneeffachuu labse.
  • 1895: Xaaliyaan Itoophiyaa weerarte - oggas Abisiiniyaa jedhamti turte.
  • 1896: Waraanni Xaaliyaan Adawaarratti mo'atame - boodas walabummaa biyyattiif beekamtii kennuun waliigalte mallattaa'e.
  • 1889: Xaaliyaaniin gidduugala Somaaliyaatti bulchiinsa bakka bu'aan oggannamtu hundeessan.
  • 1935: Faashisitiin Xaaliyaan Itoophiyaa weerare tibba duula gaggeesseetti meeshaa waraanaa kemikaalaatti fayyadamuuf yakka waraanaatiin himatame.
  • 1936: Xaaliyaaniin Finfinnee, Eeritraa, fi Somaaliilaand to'atte.
  • 1937: Yaalii nama Mosoloniin akka biyya bulchuu muudee buusuuf taasifameen wal qabatee Xaaliyaan guyyaa sadii keessatti baatii Guraandhalaatti namoota 19,000 ta'u Finfinneetti ajjeefte
  • 1941: Diddaan biyya keessaa loltoota Biritishiin deeggaramee Xaaliyaanoota naannicha keessatti mo'ate.

Barootan biyyattii keessatti gabaasaa dabarseetti lammiileen Xaaliyaan waa'ee koloneeffannaa isaanii hangam hbannoo xiqqaa akka qaban hubadheera. Innis Roomee keessa ta'ee Paalermoo ykn Venecie tokkoma.

Gochi hirmaannaa Xaaliaan Eritraa, Somaaliyaa, Libiyaa fi Albaaniyaa keessatti taasifteefi akkasumas gochi kolonneeffannaa faasishitti bara 1930tti Itoophiyaa keessatti rawwatamee beekamtiin hinkennamneef.

Somaaliyaan baatii darbe ture waggaa 60ffaa walabummashee kan kabajjattee.

Sababii wal waraansa waggoota 30f biyyattii keessatti gageefameetiin yaadannoon koloneeffannaa Xaaliyaanii Somaaliyaa keessatti baayyee hin ka'u, bakkeewwan paastaan itti qoba'u galawwan muraasa keessatti yoo ta'een alatti.

Akkasumas Somaaliyaan Xaaliyaanii keessatti seenaa ishee dhabdee jirti. Kunis karaa obbolaa Maarinkolaa qofa osoo hintaane barreffamoota, filmii fi ispoortiiwwan keessattilleen jedha barreessan kun.

Amma Xaaliyaanii baqattoota Somaalii kan duriifi haaraa qabate jirti.

Bara 2015tti lammiile Somaalii baroota dheeraafi Xaaliyaanii keessa jiraataniifi kanneen karaa Libiyaatiin Xaaliyaanii galaniin buufataalee Roomii keessatti arga ture.

Kanneen dhiyeenya Xaaliyaanii galaniis isaan achi turaniin "mezze-lira" jechuun waamu. Kunis kan lammummaa Somaaliifi Xaaliyaanii walaakkaa qaban jed=chuudha.

Isaan kaan ammoo deebiisanii Somaaloota Xaaliiyaan galuudhaaf bu'aa bahii cimaa keessa darban galaana Meeditaariyaanii qaxxamuruun Awurooppaa galan ibsuudhaaf 'Titanics' jechuun waamuun kanneen jireenyasaanii Xaaliyaanii keessatti hundeeffataniin.

Kanaafuu mogaasni buufatichaa maqaa Maarinkolaatiinkenname kunis tarkaanfii gaariidha hunda keenyaafu. Akkasumas walitti dhufeenya bara dheeraa Somaaliyaafi Xaaliyaan jidduu tures kan mullisuudha jedhu.