Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xalayaa Afrikaa irraa: Koronaavaayirasiin kufaatii hogganoota haaraa Sudaan saaxile
Mootummaan haarofti Sudaan erga pireezidantiin biyyattii Omar al-Bashir aangoorraa bu'ee booda hoggansatti dhufe yeroo weeraraa kana hoggansa barbaadamuu kennuu irratti kufeera jetti gaazexeessituun Sudaan Zayinab Mohaammad Saalii.
Bitootessa darbe wayita koronaavaayirasiin Awurooppaa fi Ameerikaatti dabalaa ture, ministirri fayyaa Sudaan Akiraam al-Tom "Omar al-Bashir ofirraa fonqolchuu warri dandeenye, akkamitti koronaavaayirasii xiqqoo kana to'achuu dadhabna?" jedhee ture.
Sudaan ammaan tana biyyoota Baha Afrikaa keessaa nama vaayirasichaan qabame (2000 ol) fi kan du'e (100 kan ta'u) hedduu qabaachuun dursaa jirti.
Namoonnii gaaffii ministirri fayyaa biyyattii kana gaafatan heddummataa jiru. Haa ta'u malee ministirichi miidiyaa lagachuu erga eegalanii bubbulaniiru.
Ministeerri Fayyaa biyyattii ibsa miidiyaaleef kennu mara sababa - fageenya eeggachuu jedhu hojiirra oolchuuf jedhee haqeera - maaliif 'online' gochuu akka dadhaban hin himne.
Gaazexaawwan maxxansa dhaaban
MM Sudaan Abdallaa Hamdook Bitootessa darbe wayita reeffa ministira ittisaa biyyattii Gamaal Omar, kan tasa Sudaan Kibbaatti du'e simachuuf ministiroota kaan waliin buufata xiyyaaraa magaalaa Kaartumitti argaman, waa'ee fageenya eeggachu qubayyuu waan qaban hin fakkaatu ture.
Qe'ee warra du'aattis fageenya eeggachuun hin turre, kun ollaa sanatti yaaddoo uumee ture.
Ministirri Fayyaa biyyattii Toom yeroo yeroon TV irratti ni mul'atu garuu as bahanii lakkoofsa namoota qabamaniifi vaayirasichaan du'an himuu qofa.
Aanga'oonni miidiyaatti hin dubbatan, gaazexaawwan biyyattii hedduun ammoo sababa sochiin uggurameef maxxansa dhaabaniiru, kanaaf oduun hin jiru.
Kan jirus intarneetii qofarra jira. Kana jechuun lammileen Sudaan hedduun waan ta'aa jiru quba hin qabani jechuudha.
Kuni ammoo namootni hedduun amanamummaa mootummaa biyyattii kan jeneraalota waraanaa fi namoota kaan muraasa irraa ijaarame irratti gaaffii akka kaasan taasisaa jira.
Ji'a kana jalqabarraa kutaa biyyattii Kasalaa keessatti walitti bu'iinsa sabaa uumameen namni 10 du'uu hordofuun intarneetiin cufamee ture.
Intarneetiin walitti bu'iinsi sun akka hin hammaanne cufamullee, mootummaan kunis akkuma mootummaa duraa san miidiyaa uggura yaaddoo jedhu uumeera.
Qondaalonni nageenyaa biyyattii ammalee dhageettii jabaa qabu, ta'us mirga namoomaa fi diimokiraasiif dantaan qaban laafaadha.
'Baqattoonni iddoo adda baafaman keessaa miliqan'
Sadarkaa biyyaatti uggurri sochii Eebla erga jalqabee as poolisoonni nama reebu, doktorootas hidhaniiru - hogganaa hospitaala haadholii guddicha Sudaan dabalatee.
Doktoroonni hedduun wayita gara hojii deeman ture kan hidhaman, hayyama imaluu qabatanii kan deeman ta'uun poolisiin to'atamuu isaan hin oolchine.
Booda jiddu seentummaa ministeera fayyaatiin gadi dhiifamaniiru.
Namoonni hedduun vaayirasicha Sudaan kan galche baqattoota Sudaan Bitootessa keessa Masrii fi Emireetota Arabaa Gamtooman (UAE) irraa deebi'an akka ta'an amanu.
Mootummaan jiddugala adda baasanii tursiisuutti isaan galchus hedduun isaanii miliqanii bahan, kunis achi keessa haalli mijataan waan hin turreefi.
Gama biraan barattoonni Sudaan magaalaa Chaayinaa Wuhaan irraa deebi'an wayita mootummaan adda isaan baasee tursiisuuf jedhu waan mormaniif akkanumaan maatitti akka dabalaman hayyamameef.
Kuni dadhabbina mootummaa kan mul'ise ture jedhu namootni hedduun.
Kaartuum keessatti namoonni hedduun keessaahuu manguddootni dhukkuboota addaa addaan du'aa jiru, kunis sababa buufataaleen fayyaa akkasumas hospitaalonni weerara koronaavayirasii hordofuun cufamaniifi.
Hakimootni heddiin meeshaa of eeggannoo gahaa dhabuun hojii hojjechuu didan.
Qaala'insi jireenyaa 100%
Ministeerri Fayyaa torbee lama dura jiddugalawwan yaala fayyaa 30 ol cufamanii turan banamuu himullee gariin ammayyuu cufaa jiru.
Magaalaa Kaartuum kan uummata hanga milyoona 10 qabdu keessatti mootummaan hospitaalota lama jiddugala yaala koronaavaayirasii godhee qopheesse.
Sudaan gaaga'ama fayyaa qofa osoo hin gaaga'ami diinagdeellee mudateera.
Qaala'insi jireenyaa dhibbeentaa 100 gahee, lammileen biyyattii miliyoonaan lakkaa'amanitti jireenyi daran itti ulfaateera.
Duraanuu rakkoo jiru irratti uggurri sochii labsame nama hedduu galii malee hambise.
MM biyyattiis ta'e Ministirri Diingadee deeggarsa kennuun haa hafuuti al tokkollee gadi baahanii lammilee kanneen jajjabeessanii hin beekan.
Kana namooti hedduun akka kufaatii hoggansaatti ilaalu - namoota warraaqsa al-Bashir fonqolche booda aangootti bahanii namni hedduun abdii irraa qaburraas wanti eegan akkana hin turre.