Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xalayaa Afrikaarraa: 'Itoophiyaa keessatti baaburaan imaluu hin dandeenye'
Misooma daandii baaburaa mootummaan Chaayinaa Itoophiyaa keessatti hojjete mootummaaadhaan hedduu kan leellifamu ta'us namoonni garuu tikeetii imalaallee argachuun hedduu cimaadha jedhu.
Kanneen yeroo baay'ee baaburri jala darbee fi tikeetii dhabuun rakkataa turan keessaa gaazexeessaa Ismaa'el Einashe tokkodha.
Gaazexeessaan Afriikaa kun baaburri filannoo geejjibaa isaa akka ta'ee fi garuu yeroo baay'ee sababa hanqina tikeetiitiin bakka yaade hanqachuu dubbata.
Handhuura Itoophiyaa magaalaa Finfinnee keessatti barjaan waa'ee geejjiba baaburaa ''baabura haaraa, jireenya haaraa'' jedhu bakka baay'eetti mul'ata.
Mootummaan Chayinaa daandii baaburaa salphaa magaalaa Finfinee keessaa qofa osoo hin taane kan Itoophiyaa fi Jibuutii walquunnamsiisus doolaara Ameerkaa biiliyoona 4.5n hojjeteera.
Kiilomeetira 750 kan dheeratu daandiin baaburaa kun Amajjii bara 2018 hojii eegale, daandii baaburaa humna ibsaatiin hojjetu ta'uudhaan Afriikaa keessaa isa jalqabaati jedhama.
Baaburri gaala ajjeese
Itoophiyaan daandii baaburaa kana akka utubaa diinagdesheetti ilaalti.
Imala bara 2020 toora biyyoota galii giddu galeessaatti makamuuf taasistuuf daandii baaburaa akka lafee dugdaa diinagdeetti ilaalti.
Garuu erga daandiin baaburaa Standard Guage Railway (SGR) eegalee rakkoon maallaqaa fi hojimaataa mudateera.
Rakkoo nageenyaa naannoo Affaar keessatti mudateen daandiin baaburaa kun ji'a Amajjii keessaa hojii tajaajila dhaabee ture.
Bara darbemmoo gaala rukutuun rakkoo keessa galee ture.
Naannoon gaala horsiisan qabeenyi isaanii inni guddaan jiruu fi jireenya isaanii ittiin geggeeffatan kanuma waan ta'eef gaalli duraa ajjeefamuutti hedduu aaran.
Mootummaan hanga beenyaa kaffaluufittis baaburri akka hin sochoone godhan.
Kanaanis tajaajilli daandii baaburaa gufatee ture.
Daandii baaburaa durii kan Itaaliin hojjetame daawwachuuf...
Magaalaa Finfinneerraa gara Dirre Dhawaa deemee daawwachuu kan barbaadu Ismaa'el garuu erga daandiin baaburaa SGR Itoophiyaa keessatti baname as hojimaati haala salphaan tajaajila namaaf kennu akka hin jirre dubbata.
Wayita daandiin baaburaa Itoophiyaa irraa gara Jibuutii geessu hojjetamu biyya waggaa 25f osoo hin daawwatin ture Dirre Dhawaa daawwachuuf kan gammadee ture Ismaa'el garuu tikeetii bitachuuf haalli nama dandeessisu waan hin jirreef gammachuunsaa gaddaa fi sodaatti jijjiiramuu dubbata.
Biyya ollaa Itoophiyaa Keenyaa keessatti marsariitii SGR seenuun salphadhumatti tikeetii bitachuun ni danda'ama kan jedhu Ismaa'el Itoophiyaa keessatti garuu baay'ee ulfaata jedha.
Marsariitii SGR baabura Itoophiyaa seenuun lakkoofsa bilbilaa waajjira tikeetii qofa argatee isa booda bilbilus namuu akka irraa hin kaasne dubbata.
''Iddoo waajira tikeetii wayita deemtus namni si keessummeessu hin jiru. Waardiyaa waajjirichaarraa eegale hanga hoogganaatti waa'ee tikeetii geejjiba baaburaa waan quba qaban hin fakkaatan.
Yoo feete kan baasii konkolaataa kutadhu naan jedhe hoogganaan. Lakki an kan baaburaan barbaadaa wayitan jedhuun waajjira tikeetii baabura haaraa kan Chaayinootaan hoogganamu kan magaalaa Finfinneetiin ala jirutti na erge hoogganaan'' jedhe Ismaa'el.
Boodarra garuu hooganichi SGR hojjetaa jiraachuu dhugaa bahee, dursee argamuun akka narra ture natti hime.
Hamma rakkoon itti aanu mudatutti anis nan amane. Yaadaan iddoo waajjirri tikeetii warra Chaayinaa itti argamu barbaaduun eegale.
Kun waan akka salphaatti ilaalamuu miti. Rakkoo hamaadha. jalqabumayyuu buufati tikeetii kun 'Google Maps' irra hin jiru, namoonni keessaa hojjetanis waa'ee isaa hin beekan.
Gamoon buufatichaa kan waan biyya Chaayinaatti bocamee dhufe fakkaatu kun amma oneera.
Waardiyyaa fi Chaayinoota muraasatu keessa socho'u.
Itti siiqee wayitan warra mooraa sana eegan gaafadhu buufatichi erga cufamee torban lama lakkoofsisuu natti himan jedha Ismaa'el.