Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraalee: Yeroo koronaaavayirasiitti Musliimoti Iid aal-Faxiir akkamiin kabajan?
Erga ji'a Ramadaanaa waliirraa faggaachuufi mana ooluun dabarsanii booda, Musliimooti ayyaana Iid aal-Faxiir kabajataniiru.
Ayyaana amantaa Islaamaa gurguddoo lamaan keessaa 'ayyanni sooma hiikaa' isa tokkodha. Ji'a soomaa qulqulluu Ramadaanaa dhuma irratti yeroo addeessi ba'u eegala.
Akka barametti, hawaasni hundi ba'e masjiida naannoo isaa jirutti salaata Iid irratti hirmaata.
Garuu sababa koronaavayirasiin biyyootiin yedduu sochii ugguranii waan jiraniif, bara kana namoota hedduuf Iid adda ta'ee jira.
Ayyaanni kun yeroo addeessi mul'atu irratti waan hundaa'uuf, guyyaan Iid biyyoota gidduutti adda adda.
Fakkeenyaaf, Somaaliyaafi Keeniyaatti Sanbata kabajuu eegalani. Indooneeshiyaa fi Taayilaand ammoo Dilbata eegalani.
Biyyooti tokko tokkotti ammoo Musliimooti sooma Ramadaanaa har'a Wiixata xumurani Iid aal-Faxiir kabajatu.
Suuraalee kabaja ayyaanichaa mul'isa addunyaa iddoo gara garaa walitti qabne daawwadha.
Suuraaleen hunda mirga abbummaan nama gaafachiisu.