Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhimma kitaabaa barataa muddama mootummaa Sudaan haaraa mul’ise
Xalayaa walitti fufaa gaazexeessitoota Afrikaa irraa barreefamuun, barreessituun Sudaan Zeeyinab Mohaammad bara haaromsaa Sudaan booda ijoolleen sirna barnootaa attamii hordofuu qabu kan jedhurratti falmii jiru katabdeetti.
Gammachuun Pireezidantii waggaa dheeraa bulchan Omaar al-Bshiir aangoorraa buusuun booda jiru, hojii warraaqsa demookiraasii kana roga qabsiisuudha.
Haatahu malee, sirna barnootaarratti atakaaroon abbootii amantaa waliin uumame daandii rakkisaa mootummaan ce’umsaa irra adeemaa jiru saaxileera.
Baatii darbe, Kaartuum masjiida keessa, salaata Jumaa irratti, Imaamni ‘Allaah Allaah,Allaah' jechuun sagalee kennamaa taheen iyyan.
Sana booda dhiirota salaataaf achi jiraniin fakkiin Maayikilanjeeloo Uumama Addaam agarsiisu kitaaba barataa seenaa irratti akka dabalamuuf iyyanii, bo’anii akka gaafatan jajjabeessan.
Imaam Mohaammad al-Amiin Ismaa’iil deeggaraa Bashiir turan, fakkii dogoggoraan fudhatame dha jedhanii amanu.
Tajaajila Oduu biyyattii Sunaa jedhmuunis nama Omaar al-Qarraay jedhamu kan warreen sagantaa barnootaa qopheessan keessaa tokko tahe wal-tajjii kennitaniif jechuun qeeqaniiru.
Nama kanas Waaqni hin jiru jedhee amana jechuun isa himatan.
Dubbii Imaama kanaan booda imaamoti Bashiriin deeggaran sagantaa haaraa barnootaa kanaarratti duula mormii taasisuuf itti makaman.
Maatiin Omaar al-Qarraayis sababii isaatiin dorsiisni ajjeechaa akka irra gahu himan.
Kana booda Ministirri Mummee Abdallaa Haamdook sagantaa baranootaa jalqabuuf ture akka dhaabbatu taasisan.
Qarraay miseensa garee Republican Brotherhood jedhamuuti, gareen kuni hiika Islaamummaa hanga tahe jijjirametti amana. Piroojektii sagantaa barnootaa kanas gadhiise namni kuni. Ministira mummee fi miseensoti paartilee siyaasaa ana hin dhagahani warra finxaaleyyii fi deeggartoota Bashiir malee jedhe.
Seenaa Sudaan jaarraa 19ffaa akkamiin dhiyeessina kan jedhurrattis lolli tureera.
Akkatti mormiin uummataa Sudaan babal’ate
· Baatii Muddee 2018: Mootummaan deeggarsa maallaqaa kaasee, gatiin daabboo daballaan mormiin ka’e
· Guraandhala 2019: Bashiir labsii yeroo hatattamaa kaa’uun kaabinoota fi bulchitoota naannoo ari’uun mormii bulchiinsa isaanirratti ka’e dhaabuu yaalan. Yeroos namoonni 40 ajjeefamanii turan.
· Ebla 2019: Waraanni fonqolchaan Bashiriin aangoorraa kaasee mormitoota waliin gara demookiraasiitti ce’uuf marii jalqabe.
· Waxabajjii 2019: Humnooti nageenyaa mormitoota hiriira bahanirratt dhukaasa banan. Kanaanis namooti 87 lubbuun darbe.
· Fulbaana 2019: Mootummaan haaraa waajira qabachuun Abdallaa Haamdook ministira mummee gochuun waraanaa fi bakka buutonni uummataa garee mormitootarraa bahan waggaa sadiif aangoo hirmaachuutti waliigalan.
Haaromsa sagantaa barnootaa
Siyaasa Sudaan haaraa kana keessatti labatni egeree maal barachuu qaba kan jedhu irratti atakaaroon jiru muddama namoota ilaalcha siyaasaafi hawaasaa garaagaraa qaban saaxileera.
Warreen kana dura Bashiir waliin hidhata qaban ministirri mummee sagantaa barnootaa kana dhaabsisuu isaaniitti gammadoo dha.
Fakkeenyaaf Suleeyimaan Saandaal warraaqsa Justice and Equality Movement jedhamu keessatti miseensa yoo tahu ijoolleensaa Noorweey jiraatu. Murtoo ministira mummeefi hogganaasa dhiyeenya ministira faayinaansii tahuun filatame Jibriil Ibraahiim ni deeggara. Ijoolleen ministirichaas UK’tti barachaa jiru, kuni of-tuultoota isaan jechisiiseera.
Shari’aan yeroo jalqabaaf Sudaan kan gale bara 1983 yeroo bulchiinsa pireezidant Jaafaar Numeer dha. Kuni sababa isa tokko biyyattii wal-waraansa waliiniitti geesseefi biyyi amma Sudaan Kibbaa jedhamtu akka uumamtu taasise.
Yeroo mootummaan Saadiiq el-Maahdii kara demookiraasiin filatame waggooti sadiif seerri Islaamaa kuni dhorkamee ture. Haa tahu malee yeroo Bashiir bara 1989 fonqolcha waraanaan aangootti dhufan iddootti deebi’e.
Mootummaan ce’umsaa Bashiriin bakka bu’e dhimma Shari’aa rakkisaa tahe furuuf boodatti harkifannaa agarsiisaa jira. Kunis sababa lola Kibba Koordoofaaniiti.
Gareen fincilaa SPLM-N, achi jiru mootummaan bulchiinsa walabaa akkaa hordofu gaafata,bara darbe mootummaan garee warra Islaamaa waliin shira, shira jedheeti waliigaltee nagaa dide.
SPLM-N, naannoo Kiristiyaanonniifi amantoonni Musliima hin taane jiranitti socho’u kanneen siayaasaa fi diinagdeedhaan moggaatti bahaniif falmaa ture.
Dhorkaa alkoolii hanga tahe ka’eera
Mootummaan ce’umsaa kuni tarkaanfiiwwan haaraa jireenya salphaa taasisan fudhataa jira.
Ji’a jaha dura seera namoota Musliima hin taane dhugaatii dhuguurraa dhorku kaaseera. Haa tahu malee ammasa Musliimotaaf hin eeyyamamu
Akkasumas akka gabaasonni tokko tokko jedhanitti namoota dhugan reebuufi warras farsoo naqan to’achuun naannoolee Kaartumirraa xiqqoo fagaatanii jiranitti akkuma itti fufetti jira.