Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waraanni Yukireen keessa adeemaa jiru Afrikaan nyaataan akka of dandessu carraa uuma' - Obbo H/Maariyaam Dassaalany
Ministirri Muummee duraanii Haayilamaariyaam Dassaalany waraanni Yukireen keessa adeemaa jiru Afrikaan dhiheessii soorataan of akka dandeessu ''carraa guddaa'' akka uumu himan.
Dura taa'aa dhaabbata miti - mootummaa Alliance for a Green Revolution in Africa (AGRA) kan ta'an Obbo H/Maariyaam waraanni Yukireen keessa adeemaa jiru gama gatii midhaanii, boba'aafi xaa'oo irratti Afrikaa keessaa dhiibbaa uumuu dubbataniiru.
Turtii BBC waliin taasisaniin waraanicha dura tatamsa'ina koronaavaayirasiin akkasumas waldhibdee bakkeewwan Afrikaa adda addaa tureen dhiheessiin midhaaniifi kuufamni yaaddessaa ta'e ture jedhan.
''Biyyoota 36 tahan keessatti ummanni miiliyoona 90 ta'u beelli qunnameera,'' jedhaniiru.
Durumaa biyyoota wabii nyaataa hin mirkaneessine keessatti waraanni Yukireen keessaa dhiibbaa dabalataa waan fideef rakkinichi hammaatuu himan.
''Keesumaa qamadii dabalatee biyyoonni Afrikaa gosa miidhaanii biroo alaa galchuuf eeggatan baay'eedha,'' jechuun himan.
Obbo Haayilamaariyaam turtii BBC walin taasisaniin yeroo keessa Afrikaan nyaataan of danda'u akka qabdu himaniiru.
''Lafa addunyaa qotamu keessaa 60% kan ta'u Afrikaa keessa argama. Haa ta'u malee, hojiirra hin oolle. Ammatti bulchitoonni Afrikaa kutatanii ka'aniiru. Daldaltoonni Afrikaas dhimmicha hubataniiru.''
Hoggantoonni Afrikaa qonna biyya keessa ammayeessuuf yeroo xiyyeeffannoo kennan hammana hin hin mul'atu jechuun dubbatan.
Imaammati gaarii jiraatus hojiirra ooluurratti rakkoo ta'u himan. Afrikaan lammiilee ishee biiliyoona 1.2 sooruu dandeessii? Jechuun BBC'n gaaffii dhihesseeraaf.
''Deebiin ifadha. Eeyyee, sooruu dandeessi,'' jechuun dandeessan. Bulchaan duraanii Itoophiyaa qonna dargagootaaf hawwataa godhanii dhiheessuun barbaachisa jedhan.
''Afrikaa keessa diinagdeen dijitaalaa lafa babal'ataa jira. Dargaggoonni dinagdee dijitaalaaf dhihoodha. Asirraa guddachuu dandeenya,'' jechuun ibsan.
Odeeffannoo haala qilleensaa fi kaan xiinxaluun murtee bilchaataa murteessuun oomishtummaa guddisuuf adeemsa qonnaa hordofamu Obbo Haayilamaariyaam eeraniiru.
''Daandii dijitaalaa fayyadamuun baay'inaafi qulqullinaan oomishuuf adeemsa gargaarudha. Haala salphaan jijjiiramni akka galmaa'u ni gargaara jedheen yaada.''
Adeemsa kana keessa garuu qonnaan bultoota sadarkaa gadiirra jiraniifi qonna Afrikaaf bu'uura ta'an dagachuu hin qabnu jechuun dhaamu.