Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Ahimad: Itoophiyaan qamadii biyya alaatii galurraa rakkoo akkamii qabdi?
- Barreessaa, Peter Mwai
- Gahee, BBC Reality Check irraa
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, dhibeewwan biyya seenan dabalatee, rakkoon biyyattii hedduun gargaarsa qamadii biyya alaa irraa dhufurraa kan maddudha jedhan.
“Rakkoon Itoophiyaa qamadii gargaarsaadha. Qamadii kana waliin dhukkubatu dhufa,” jedhan MM Abiy.
“Yoo isa dhaabne, rakkoon keenya hedduun ni furama.”
Kanaaf MM Abiy qamadii biyya seenu dhukkubaa fi rakkoolee biroo Itoophiyaa keessa jiran waliin wal qabsisuun isaanii sirriidhaa?
Itoophiyaan omisha qamadiin of danda’aa adeemuu
Itoophiyaa keessatti qamadiin midhaan ijoo jedhaman ta’uun hin baramne ture, waggootii dhiyoo keessatti garuu keessumaa naannolee baadiyyaatti beekkamtiin isaa dabalaa dhufeera.
Amma biyyootii Sahaaraa gadii Afrikaa keessaa, omisha qamadii guddaa dhiyeessuun isa dursaadha, ta’us garuu omishni xiqqaachaa dhufeera.
Dabalataanis biyyattii keessatti, hanqinni nyaataa fi goginsi uumamuun, namootni miliyoonaan lakkaa’aman gargaarsa barbaadu.
Hanqina kana guutuuf, Itoophiyaan amma qamadii barbaaddu keessaa %25 biyya biraa irraa galchaa jirti, sana keessaa gariin kan gargaarsaan seenuudha, hedduun gargaarsa kanaa ammoo US irraa dhufa.
Qamadiin gargaarsaa dhukkuba fiduu danda’aa?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad, qamadiin biyya alaatii dhufu dhukkuba fidee dhufa jechuun kan dubbatan, haasaa qonnaan bultoota naannoo Oromiyaaf taasisan irratti ture.
Qonnaan bultoota Itoophiyaaf dhukkubni rakkoo guddaa uumu dhukkuba qamadii fangasii irraa dhufuu fi qilleensaan daddarbu waagii (wheat rust) jedhamudha.
Bara 2010tti dhukkubni kun lafa qonnaa %30 miidhuun, omishini ammoo %15 oliin hir’iseera.
Dhukkuba waagii kana to’achuuf malli bu’aa qabeessi qamadii dhibee kana damdamatu oomishuudha, garuu gosti fangasii haaraan rakkoo uumuu itti fufeera.
Bara 2013tti, gosti dhibee waagii haaraan qosa qamadii kanaan dura dhibee kana damdamachuu danda’u (digaluu jedhamu) hubuu eegalee, miidhaan hedduu uumamee ture.
Qorannoon bara 2017tti gaggeeffame, fangasiin haaraa kun Yaman keessaa maddee qilleensaan gara Itoophiyaatti dhufuu male jedha. Ta’us garuu tarii biyyootii Giddu galeessa Bahaa biroo fi Lixa Afrikaa irraa dhufuu danda’a shakkii jedhus qaba.
Dhukkubni midhaanii karaa miidhaan biyyattii gama gargaarsaan seenanii, gara biyyattii seenuu danda’a jedhu Wiirtuu Qorannoo qonnaa naannolee Gammoojjii Idil Addunyaa (ICARDA) irraa Wuletaaw Taaddasa Dagguu.
Keessumaa kun biyyootii wiirtulee to’annoo cimaa hin qabneef dhugaadha.
“Rakkoon aramaa fi dhibee hedduu biyyattii amma rakkisaa jiran baay'een isaa biyya biraatti dhufe himatni jedhu jira,” jedha.
“Laggeen fi haroowwan, lafti qonnaa fi lafni biroon aramaa hamaa cimaa kanaan dura Itoophiyaa keessa hin tureen miidhamaa jiru.”
Midhaan gara biyya tokkoo seenu, dhibee kamiyyuu akka hin qabne adda baasuuf seeraan qoratamuu qaba jechuun ogeessotni BBCtti himaniiru.
Addunyaa irratti yeroo itti dhukkubi karaa midhaan biyya alaan seenuun tatamsa’an jira. Fakkeenyaaf dhibee qamadii sanyii irraa madduu fi kan dhiyeenya Afrikaa Kibbaa irraa gara Baangilaadeshii fi Zaambiyaatti karaa daldala midhaaniin tatamsa’eedha.
Dhukkuba waagii kanaaf garuu, kan sanyii midhaaniin osoo hin taane qilleensaan daddarbuuf, gosti fangasii haaraan gara biyyatti kan dhufu yeroo hunda karaa midhaan biyyootii alaarraa seenaniin miti.
Gosti fangasii kanaa tokko nannoo Afrikaa Bahaa keessatti madduu isaanii ragaaleen agarsiisan jiru, akkuma kaan ammoo bakka biraatii naannichatti dhufan.
Dubbi himaan dhaabbata gargaarsaa USAID akka BBCtti himanitti, “gargaarsi nyaataa US dhiyeessitu ulaagalee idil-addunyaa hunda guutuuf hojii qulqullinaa cimaa hojjeta,” jedhan.
Dabalataanis qajeelfama nageenya nyaataa fi qulqullinaa biyyootiis ni hordofa jedhu.
Mootummaan Itoophiyaa maal jedha?
Waa’ee dhibee MM Abiy dubbatan irratti odeeffannoo dabalataa akka kennamuuf yemmuu mootummaa Itoophiyaa gaaffanetti, dubbi himtuun waajira Ministira Muummee Billanee Siyyuum, kan MM Abiy dubbatan walumaa galatti waa’ee qamadii dhisuun gara omisha biyya keessaa fayyummaa qabanitti deebi’uun barbaachisaa akka ta’edha jetteetti.
“Fakkeenyaaf furdinni garmalee, dhukkubi shukkaaraa, nyaata kaarboohaydireetii qabu hedduu nyaachuu waliin kan walqabatudha. Kanaaf walumaagalatti ergaan isaa kan xiyyeeffatu gargaarsa irratti hirkachuu hir’isuun, omisha qonnaa ofii keenyaa guddisuu irratti akka hojjannudha,” jetteetti.
Ta’us garuu deebiin kun, maaliif mootummaan rakkoo kan qabu qamadii alaa galuu irraa malee, qamadii biyya keessatti oomishamu, kan dhiyeessii biyyattii keessaa harka sadii irraa hin tane ifa kan godhu miti.
Dabalataanis qamadii biyya alaatii dhufu irratti hirkachuu dhiisuun kallattidhaan sharafa biyyaa alaa hir’isuuf gargaaras jetti Billaneen.
Midhaan biyya alaa dhufu dhaabuu jechuun mootummaan qamadii bituudhaaf maallaqa baasuu hin qabu jechuudha.
“Gargaarsa irratti hirkachuun lammilee Itoophiyaa, darbeeyyuu Afrikaa hedduu qabeenya qaban sirritti fayyadamuu irraa isaan dhorkeera,” jetti Billanee Siyyuum.
“Dabalataanis qamadii kana gara biyyaatti fiduuf sharafni maallaqa biyyaa alaa baafamu, gara hojilee bu’aa qabeessa birootti dabarfama.”
Itoophiyaan qamadii dabalataa oomishuu dandeessii?
Itoophiyaa keessatti qamadiin harki caalaan qonnaan bultoota dhuunfaan omishama.
Akka ragaa mootummaatti qonni meeshaalee qonnaa ammayyaawaan deeggarame waggooti 15 darban keessatti dachaan dabaleera.
Ta’us garuu, ammayyuu omishni xiqqaadha, dhiyeessiinis fedhii jiru hin guutne.
Itoophiyaa keessatti yeroo dheeraaf qamadiin kan biqilu bakka ol kaa’aafi baddaa keessatti yogguu tahu, haala roobaa irratti hundaa’uuni.
Amma jallisii fayyadamuun naannoleee gammoojii, kan yeroo hedduu gogiinsa qaban keessatti qamadii biqilchuun omisha gargaaraa jira.
Dabalataniis mootummaan qonnaan bultoonni lafa xiqqaa qaban waliin hojjachuu, maashinii fayyadamuu fi galteewwan akka xaa’oo fi sanyii filatamuu raabsuun jajjabeessaa jira.
Karaa kanaan, Itoophiyaan bara 2023tti qamadii biyya alaa irra dhufu dhaabsisuuf karoora qabdi.
“Lafa jallisiif fayyaduu danda’uu fi amma hojiirra hin oolle heektaara 500,000 ta’u waan qabnuuf kun karoora milkaa’uu danda’udha,” jechuun ICARDA irraa Wuletaaw Taddasa himaniiru.